WANGEELA MAARQOS 13
13
Yesus Waa'ee Diigamuu Mana Qulqullummaa Dubbachuu Isaa
(Mat 24:1-2; Luq 21:5-6)
1Akkuma Yesus mana qulqullummaa keessaa ba'een, bartoota isaa keessaa inni tokko, ?Barsiisaa, mee dhagaa gurguddaa kana, ijaarsa babba'eessa kanas ilaali!? ittiin jedhe. 2Yesus deebisee, ?Ijaarsa gurguddaa kana ilaaltaa? Iddoo kanatti dhagaan in diigama malee, tokko illee wal irratti hin hafu? jedheen*.#2 Luq 19:44
Yesus Waa'ee Rakkinaa Fi Ari'atamuu Dhufuuf Jiru Dubbachuu Isaa
(Mat 24:3-14; Luq 21:7-19)
3Yesus gaara ejersaa gubbaa gara mana qulqullummaatti gara galee utuu taa'uu, Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan, 4?Nutti himi, kun yoom ta'a? Wanti kun hundinuu yommuu raawwatamuuf jedhu immoo milikkinni isaa maali?? jedhan. 5Yesus immoo, ?Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa! 6Baay'een, ?Ani Kristos? jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu. 7Lolaa fi oduu lolaa yommuu dhageessan hin na'inaa, kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. 8Sabni saba irratti mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; socho'i lafaa iddoo adda addaatti, beellis in ta'a; wanti kun garuu jalqaba ciniinsuu ti*.#8 Isa 19:2; 2Sen 15:6
9?Garuu of eeggadhaa, isaanoo yaa'ii garaa garaatti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa keessattis in reebamtu, anaaf jettanii fuula abboota biyyaa, fuula moototaa duras in dhaabattu; kunis dhugaa isaanitti in ba'a. 10Duraan dursee wangeelli saba hundumaatti lallabamuun in ta'a. 11Isaan dabarsanii isin kennuudhaaf yommuu isin geessan, isa dubbachuuf jirtaniif dura hin yaadda'inaa! Waanuma yeroo sanatti isiniif kennamu dubbadhaa malee; isintu dubbata miti'o, hafuura qulqulluutu dubbata malee*. 12Yommus obboleessi obboleessa du'atti dabarsee in kenna, abbaanis mucaa isaa, ijoollonnis warra isaanii irratti ka'anii isaan in ajjeesisu*. 13Anaaf jettanii hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya? isaaniin jedhe*.#9-11 Mat 10:17-20; Luq 12:11-12; Mar 16:15 12 Mik 7:6 13 Mat 10:22; Yoh 15:18-21
Yesus Milikkita Garaa Garaa Kennee Of Eeggachiisuu Isaa
(Mat 24:15-28; Luq 21:20-24)
14Yesus itti fufee, ?Inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, iddoo isaaf hin malle dhaabachuu isaa yommuu argitan - namni kana dubbisu haa hubatu! - warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan*! 15Namni oobdii isaa keessa jiru deebi'ee, waa fudhachuudhaaf manatti ol hin lixin. 16Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin*. 17Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha*. 18Haa ta'u iyyuu malee, kun yeroo gannaatti akka hin taaneef kadhadhaa! 19Guyyoonni sun guyyoota rakkinaa in ta'u; rakkinni akkasiis erga Waaqayyo biyya lafaa uumee jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u*. 20Waaqayyo gooftaan guyyoota sana utuu gabaabsuu dhabaatee, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu namoota fo'amaniif, isaanis warra inni ofiif fo'ateef jedhee, guyyoota sana in gabaabsa. 21Yeroo sanatti namni, ?Ilaa Masiihiin as jira! Ilaa achi jira!? yoo isiniin jedhe hin amaninaa. 22Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii, yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu wallaalchisuudhaaf, milikkitaa fi dinqii adda addaa in argisiisu*. 23Isin garuu akeekkadhaa! Ani duraan dursee waan hundumaa isinitti himeera? jedhe.#14 Dan 9:27; 11:31; 12:11 15-16 Luq 17:31 17 Luq 23:29 19 Dan 12:1; Mul 7:14 22 Kes 13:1-3; Mul 13:13
Yesus Waa'ee Dhufaatii Ilma Namaa Dubbachuu Isaa
(Mat 24:29-31; Luq 21:25-28)
24Yesus itti dabalee, ?Guyyootuma sanatti rakkina kana booddee immoo biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu*. 25Urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaa keessaas in raafamu*. 26Yommus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhufuu in argu*. 27Inni immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba? jedhe*.#24 Isa 13:10; Yoe 2:10,31; 3:15; His 32:7-8; Mul 6:12 25 Isa 34:14; Yoe 2:10; Mul 6:13 26 Dan 7:13-14; Mar 8:38; 1Tas 4:15-16; Mul 1:7 27 Zak 2:6
Fakkeenya Muka Harbuu
(Mat 24:32-35; Luq 21:29-33)
28Yesus amma immoo, ?Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi'aate in hubattu. 29Akkasuma isinis immoo, kun hundinuu ta'uu isaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa! 30Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin darbu. 31Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu? jedhe*.#31 Isa 51:6; Mat 5:18; Luq 16:17
Guyyicha Yookiis Yericha Homtinuu Hin Beeku
(Mat 24:36-44)
32Yesus itti fufee, ?Guyyicha sana yookiis yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan*. 33Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka ga'u hin beektan*. 34Kun akka nama mana isaa dhiisee, biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti. Inni hojjetoota isaatiif aboo kennee, tokkon tokkon isaaniitiif hojii hojii isaanii kenne, karra eegduudhaan immoo ?Hin dagatin dammaqi!? jedhee abboome*. 35Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaanqoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan. 36Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti, 37kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!? isaaniin jedhe.#32 HoE 1:7 33 Mat 25:13; Luq 21:36 34 Mat 25:14; Luq 12:36-38; 19:12
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 13: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.