WANGEELA MAARQOS 12
12
Fakkeenya Warra Muka Waynii Akka Eeganiif Itti Kennamee
(Mat 21:33-46; Luq 20:9-19)
1Yesus fakkeenyaan isaanitti dubbachuutti ka'e; ?Namni tokko mukeetii waynii baay'ee lafa isaa irra dhaabe. Naannoo isaatti dallaa dhagaa ijaaree, boolla isa keessatti ija isaa cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaare. Namoota hojjetanii eeganii, isaa wajjin ija isaa irraa hirmaatanitti kennatee, biyya tokko dhaqe*. 2Yeroon isaa yommuu ga'e, ija mukeetii waynichaa irraa waa biraa argachuudhaaf hojjetaa isaa gara warra waynicha eeganiitti erge. 3Isaan garuu hojjeticha qabanii, reebanii harka isaa duwwaa isa gad dhiisan. 4Ammas hojjetaa kan biraa isaanitti erge; isaan immoo mataa isaa mammadeessanii, isa salphisan. 5Ammas kan biraa itti erge, isa immoo in ajjeesan. Akkanumas kan biraa baay'ee itti erginaan, kaan reebanii, kaan immoo ajjeesan. 6Amma illee nama tokko qaba ture, innis ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irratti, ?Ilma koo safeeffachuuf jiru? jedhee, isa gara isaaniitti erge*. 7Warri waynicha eegan sun garuu, ?Isa kana abbaa waynichaa kan dhaalu, kottaa isa in ajjeefna, dhaalli isaas nuuf in ta'a!? waliin jedhan. 8Akkasitti butanii, isa ajjeesanii, reeffa isaa dhaabaa waynichaa keessaa gad baasanii gatan*.#1 Isa 5:1-2 6 Uma 22:2; Mat 3:17; 17:5; Ibr 1:1-2 8 Ibr 13:12
9?Abbaan waynichaa maal godha laata ree? In dhufa, warra eegduu in balleessa, waynicha immoo kan biraatti in kennata.
10Isin caaffata qulqullaa'aa keessaa hin dubbifnee ree?
?Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan,
inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta'e;
11kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqii dha?
kan jedhu caafameera? jedhe*.
12Yommus fakkeenya kana waa'ee isaaniitiif akka dubbate waan baraniif, Yesusin qabuu yaalan; garuu tuuta sana sodaatanii, isa dhiisanii adeeman*.#10-11 Far 118:22-23; HoE 4:11; 1Phe 2:7 12 14:1
Gaaffii Waa'ee Mootii Gabbaruu
(Mat 22:15-22; Luq 20:20-26)
13Waan inni dubbatuun isa qabuudhaaf jedhanii warra Fariisotaa fi garee Herodis keessaa jara tokko Yesusitti ergan*. 14Warri ergaman dhufanii, ?Yaa barsiisaa! Ati dhuga-qabeessa akka taate nuyi in beekna, nama tokko illees hin sodaattu, karaa Waaqayyoo dhugaadhaan barsiifta malee, nama wal hin caalchiftu. Egaa mootii warra Roomaaf gibira baasuun seera moo seera miti? Gibira baafnuufi moo dhiifnu?? jedhaniin. 15Inni garuu of arguu dhabina isaanii baree, ?Maaliif na qortu? Horii ittiin bittanii gurgurtan tokko naa fidaa, nan ilaalaa!? ittiin jedhe. 16Isaan yommus tokko itti fidan; inni immoo, ?Kun bifa eenyuu ti? Caaffata eenyuu tis?? jennaan, isaan immoo, ?Kan mootii Roomaa ti? ittiin jedhan. 17Kanaaf Yesus, ?Yoos immoo mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta'u kennaa!? isaaniin jedhe; kana irratti isaan isa raajeffatan*.#13 3:6 17 Rom 13:7
Gaaffii Waa'ee Du'aa Ka'uu
(Mat 22:23-33; Luq 20:27-40)
18Ergasii Saduqoonni warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesus dhufanii, gaaffii isa gaafatan*. 19?Yaa barsiisaa! ?Namni tokko niitii fuudhee dhala utuu hin godhatin ishee irraa yoo du'e, obboleessi isaa niitii sana fuudhee sanyii obboleessa isaatiif haa dhaabu!? jedhee, Museen seera keessatti nuuf caafeera*. 20Obboloota torbatu turan; inni angafni niitii fuudhe; yeroo du'e garuu dhala hin godhanne. 21Inni lammaffaanis ishee fuudhee, utuu dhala hin godhatin du'e; inni sadaffaanis akkasuma ishee fuudhee irraa du'e. 22Isaan torbanuus dhala hin godhanne; hundumaa booddee immoo dubartittiin in duute. 23Isaan torbanuu niitummaatti ishee fuudhaniiru'ootii, guyyaa warri du'an ka'anitti isaan keessaa isa kamiif haadha manaa ta'uuf jirti ree?? jedhan.#18 HoE 23:8 19 Uma 38:8; Kes 25:5-6
24Yesus deebisee, ?Akkas dubbachuu keessaniin irraa kaattaniittu; kunis caaffata qulqullaa'aa yookiis humna Waaqayyoo isa isin hin beekne kanaaf, mitii ree? 25Yeroo du'aa ka'anitti akka ergamoota Waaqayyoo warra waaqa keessaa in ta'u malee, hin fuudhan, hin heerumanis. 26Waa'ee warri du'an kaafamuu garuu macaafa Musee keessaa hin dubbifnee moo ree? Inni waa'ee daggala boba'uu yommuu dubbate, Waaqayyo Museedhaan maal akka jedhe in hima,
?Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam,
Waaqayyo isa kan Yisihaq,
Waaqayyo isa kan Yaaqoobis? jedhe*.
27Inni Waaqayyo warra du'anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee; kanaaf baay'ee irraa kaattaniittu? isaaniin jedhe*.#26 Bau 3:2,6 27 9:4
Abboommii Keessaa Isa Caalu
(Mat 22:34-40; Luq 10:25-28)
28Barsiisota seeraa keessaa tokko yeroo isaan waliin morkatan dhaga'ee, Yesus deebii gaarii akka deebiseef yommuu arge gara isaatti dhi'aatee, ?Abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kami?? jedhee, gaaffii isa gaafate. 29Yesus deebisee, ?Inni hundumaa irra caalu, ?Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. 30Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta'a*?! 31Inni lammaffaan immoo ?Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta'a?! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru? jedhe*. 32Barsiisichi seeraa sun immoo, ?Ba'eessa dubbatte yaa barsiisa! ?Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru? isa jette dhugaa dubbatte*. 33Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka mataa ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala? jedheen*. 34Ogummaadhaan akka inni deebiseef yommuu arges Yesus, ?Ati mootummaa Waaqayyoottii fagoo miti? ittiin jedhe. Kana booddees namni tokko illee gaaffii isa gaafachuudhaaf ija hin jabaanne*.#29-30 Kes 6:4-5 31 Lew 19:18; Rom 13:9; Gal 5:14; Yaq 2:8 32 Kes 4:35 33 1Sam 15:22; Hos 6:6 34 Mat 22:46; Luq 20:40
Gaaffii Waa'ee Kristos Isa Abdachiifamee
(Mat 22:41-46; Luq 20:41-44)
35Mana qulqullummaa keessattis utuu barsiisuu Yesus, ?Attamitti barsiisonni seeraa ?Masiihiin ilma Daawit? jechuu danda'u? 36Daawit ofii isaatii immoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee,
?Gooftichi gooftaa kootiin,
diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaa'utti
gara mirga koo taa'i! jedheera? jedhe*.
37Egaa Daawit ofii isaatii ?Gooftaa koo? jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa ta'a ree?? jedhe. Yommus tuuti sonaan baay'een gammachuudhaan isa in dhaggeeffatu turan.#36 Far 110:1; HoE 2:34-35; 1Qor 15:25; Ibr 1:13
Yesus Barsiisota Seeraattii Of Eeggachiisuu Isaa
(Mat 23:1-36; Luq 20:45-47)
38Barsiisa isaa keessatti immoo Yesus, ?Barsiisota seeraa warra wayyaa dhedheeraa uffatanii lafaan haraa naanna'an, gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan jaallatan, 39akkasumas mana sagadaa keessaa taa'umsa olaanuu, lafa cidhaattis iddoo ulfinaa warra fo'atan irraa of eeggadhaa*! 40Isaan kun warra fucha eeggatanii bultoo haadha hiyyeessaa duraa fixanii, fakkeessaadhaaf immoo kadhata isaanii dheeressanii dha. Egaa isaan kanatti yakka caalaatu itti murama? jedhe.#38-39 Luq 11:43; Yoh 5:44
Yesus Buusii Haadha Hiyyeessaa Tokko Arguu Isaa
(Luq 21:1-4)
41Al tokko Yesus fuullee qodaa buusii taa'ee, yeroo namoonni horii qodaa buusii sana keessa buusan in ilaala ture; namoonni warri badhaadhonni baay'een horii baay'ee keessa buusan*. 42Haati hiyyeessaa tokkos dhuftee, horii sibiilaa diddiimtuu kan akka saantiima lamaa qodicha keessa buufte. 43Yommus inni bartoota isaa ofitti waamee, ?Dhuguman isinitti hima! Haati hiyyeessaa kun warra qodaa buusii sana keessa horii buusan hundumaa caalaa buufteetti. 44Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa'atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, bultoo isheetiif waan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte? jedhe*.#41 2Mot 12:9; Yoh 8:20 43-44 2Qor 8:12-15
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 12: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.