WANGEELA MAARQOS 14
14
Maree Yesus Irratti Mari'atame
(Mat 26:1-5; Luq 22:1-2; Yoh 11:45-53)
1Ayyaanni Faasiikaa fi, ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa karaa ittiin Yesusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in barbaadu turan*. 2Isaan, ?Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaanaatti hin ta'u? jedhu turan.#1 Bau 12:1-27; Mar 11:18; Luq 19:47
Yesus Bitaaniyaatti Urgooftuu Dibamuu Isaa
(Mat 26:6-13; Yoh 12:1-8)
3Yesus immoo, Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxaa'ee turee keessa nyaataaf taa'ee utuu jiruu, dubartiin tokko urgooftuu dibataa makaa hin qabne baay'ee gati-jabeessas, hidda biqiltuu naardos jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubbeetti qabattee dhufte; isheen shurrubbee sana cabsitee, urgooftuu sana mataa Yesus irratti naqxe*. 4Jarreen tokko garuu jibbanii, ?Urgooftuun kun maaliif bade? 5Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture? waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. 6Yesus garuu, ?Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. 7Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu; ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan*. 8Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhagna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti*. 9Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama? jedhe.#3 Luq 7:37-38 7 Kes 15:11 8 Yoh 19:40
Yihudaan Yesusin Dabarsee Kennuudhaaf Walii Galuu Isaa
(Mat 26:14-16; Luq 22:3-6)
10Yommus Yihudaan namni biyya Keriyot, bartoota kudha lamaan keessaa tokko inni ture, Yesusin dabarsee itti kennuudhaaf gara luboota warra angafootaa dhaqe. 11Isaan kana yommuu dhaga'an gammadanii, horii kennuufii abdachiisan; kanaaf Yihudaan dabarsee isa kennuudhaaf fucha in barbaada ture.
Qophee Irbaata Faasiikaa
(Mat 26:17-19; Luq 22:7-13)
12Jalqaba ayyaana Maxinootti, namoonni hoolaa Faasiikaa erga qalanii booddee, bartoonni isaa, ?Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?? jedhanii Yesusin gaafatan*. 13Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, ?Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa! 14Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? ittiin jedhaa*! 15Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaatiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa!? jedhe. 16Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaanitti himettis argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan.#12 Bau 12:6,14-20 14 11:3
Isa Dabarsee Isa Kennu
(Mat 26:20-25; Luq 22:14,21-23; Yoh 13:21-30)
17Yommuu galgalaa'e Yesus bartoota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe. 18Maaddiitti taa'anii nyaachaa utuu jiraniis Yesus, ?Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni anaa wajjin nyaachuutti jiru tokko, dabarsee na kennuuf jira? jedhe*. 19Isaan yommus gaddanii wal harkaa fuudhaniis, ?Anaan jechuu kee miti! Mitii ree?? ittiin jechuu jalqaban. 20Inni immoo, ?Warra kudha lamaan keessaa tokko, isa anaa wajjin qodaa ittootti cuuphatuu dha. 21Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dhaqa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture? isaaniin jedhe.#18 Far 41:9
Irbaata Qulqulluu Dhaabuu Isaa
(Mat 26:26-30; Luq 22:15-20; 1Qor 11:23-25)
22Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, ?Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe. 23Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xooficha keessaa in dhugan. 24Inni immoo, ?Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee dha*. 25Hamma guyyaa gaafa ani mootummaa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi'ee daadhii waynichaattii akkan hin dhugne dhuguman isinitti hima? isaaniin jedhe. 26Faarfannaa galataa erga faarfatanii booddee gara gaara ejersaatti ol ba'an*.#23-24 1Qor 10:16; Bau 24:8; Zak 9:11; Ibr 9:20; Er 31:31-34 26 Far 113?118
Phexros Ganuuf Akka Jiru Yesus Duraan Dursee Dubbachuu Isaa
(Mat 26:31-35; Luq 22:31-34; Yoh 13:36-38)
27Yommus Yesus, ?Hundumti keessan na dhiiftanii baqachuuf jirtu. ?Ani tiksee rukutee lafaan nan dha'a, hoolonnis in bittimfamu? jedhamee caafameera*. 28Ergan du'aa kaafamee booddee garuu, isin dura Galiilaa nan dhaqa? isaaniin jedhe*. 29Phexros yommus, ?Isaan hundinuu si dhiisanii yoo baqatan iyyuu, ani si dhiisee hin baqadhu!? ittiin jedhe. 30Yesus immoo, ?Dhuguman siin jedha, halkanuma kana indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhe. 31Inni garuu ittuma cimsee, ?Sii wajjin du'uun yoo na irraa barbaadame illee, matumaa si hin ganu? jedhe; isaan hundumtuus akkasuma jedhan*.#27 Zak 13:7; Mat 26:56; Mar 14:50; Yoh 16:32 28 16:7; Mat 28:16 31 Yoh 11:16
Yesus Getesemaaneetti Kadhachuu Isaa
(Mat 26:36-46; Luq 22:39-46)
32Gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqanii, Yesus bartoota isaatiin, ?Hamma ani kadhadhee raawwadhutti as taa'aa!? jedhe*. 33Phexrosin, Yaaqoobin, Yohannisinis ofii wajjin fudhatee, raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e*. 34Isaaniin immoo, ?Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!? jedhe*. 35Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhate, 36?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe*. 37Dhufees rafanii isaan argee, Phexrosiin, ?Simoon! In raftaa? Sa'aatii tokkittiif illee dammaquu hin dandeenyee? 38Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe*. 39Ammas achi hiiqee kadhatuma isaa duraas kadhate. 40Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii baay'ee itti ulfaatee ture; maal akka isaaf deebisanis hin beekne. 41Si'a sadaffaatti dhufee, ?Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yerichi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti. 42Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate? isaaniin jedhe*.#32 Yoh 18:1 33 Mat 17:1 34 Far 42:5,11; 43:5; Yoh 12:27 36 10:38; Rom 8:15; Gal 4:6 38 Mat 6:13; Luq 11:4 42 Yoh 14:31
Yesus Qabamuu Isaa
(Mat 26:47-56; Luq 22:47-53; Yoh 18:3-12)
43Utuma Yesus kana dubbachaa jiruu, kunoo Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, isaan bira ga'e. Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi, maanguddoota biraa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan. 44Inni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, ?Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeggachaa fuudhaa sokkaa!? jaraan jedhee ture. 45Yihudaan akkuma achi ga'een gara Yesusitti darbee, ?Barsiisaa ko!? jedhee isa dhudhungate. 46Jarri yommus hiixatanii Yesusin qaban. 47Warra bukkee dhaabatan keessaa immoo tokko billaa isaa luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute. 48Yesus immoo, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qabuudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii? 49Guyyaa dhufaa darbaa isinii wajjin wal argaa, mana qulqullummaa keessattis barsiisaan ture, isin yommus ana hin qabne; amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a? jedhe*. 50Bartoonni hundinuu immoo isa dhiisanii in baqatan*.#49 Luq 19:47; 21:37; Yoh 18:20 50 Zak 13:7; Mat 26:31; Mar 14:27
51Yeroo sanatti dargaggeessi tokko wayyaa quncee talbaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbatee, Yesus duukaa dhaqe; jarris isa qabatan. 52Inni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba'e.
Yesus Yaa'ii Warra Yihudootaa Duratti Dhi'aachuu Isaa
(Mat 26:57-68; Luq 22:54-55,63-71; Yoh 18:13-14,19-24)
53Yesusin gara angafa lubootaatti geessan; luboonni warri angafoonni hundinuu, maanguddoonni, barsiisonni seeraas achitti walitti qabamanii turan. 54Phexros hamma oobdii mana angafa lubootaatti irraa fagaatee Yesus duukaa adeeme, achitti eegdotaa wajjin taa'ee ibidda in qaqqaammata ture. 55Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaa'ii warra Yihudootaas Yesusin ajjeesuudhaaf namoota isa irratti dhugaa ba'aniif in barbaadu turan, garuu tokko illee hin arganne. 56Namoonni baay'een sobaan yoo isa irratti dhugaa ba'an iyyuu, dubbiin isaanii wal hin fudhanne. 57Kaan immoo ka'anii sobaan isa irratti dhugaa ba'anii, 58? ?Mana qulqullummaa isa harkaan hojjetame kana jigsee, guyyaa sadiitti kan biraa kan harkaan hin hojjetamin nan dhaaba? jechuu isaa dhageenyeerra? jedhan*. 59Haa ta'u iyyuu malee, isa kana irratti iyyuu dubbiin isaanii wal hin fudhanne.#58 15:29; Yoh 2:19
60Yommus angafni lubootaa fuula hunduma isaanii dura dhaabatee Yesusin, ?Waan jarri kun si irratti dhugaa ba'an kanaaf deebii tokko illee hin qabduu ree?? jedhee gaafate. 61Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin laanneef. Angafni lubootaa amma immoo, ?Ati Masiihii, ilma Waaqayyoo isa galateeffamaa tii?? jedhee isa gaafate*. 62Yesus immoo, ?Ani isa; ilmi namaa mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu arguuf jirtu? jedheen*. 63Yommus angafni lubootaa sun aaree uffata isaa tarsaasee, ?Amma immoo dhuga-baatuu maalii nu barbaachisa ree*? 64Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhageessaniittu! Maal isinitti fakkaata?? jedhe. Kana irratti isaan hundumtuus ajjeefamuun akka isaaf ta'u itti muran*. 65Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaas hidhanii rukutanii, ?Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? ittiin jedhu turan; warri eegdonnis isaan harkaa fudhatanii isa kakkabalan*.#61 15:5; Isa 53:7 62 Dan 7:13; Far 110:1; Efe 1:20; Qol 3:1; Ibr 1:3 63 Lak 14:6; HoE 14:14 64 Lew 24:16; Yoh 19:7 65 10:34; 15:19
Phexros Yesusin Ganuu Isaa
(Mat 26:69-75; Luq 22:56-62; Yoh 18:15-18,25-27)
66Phexros amma illee oobdii keessa utuu jiruu xomboreewwan angafa lubootaa keessaa tokko in dhufte*. 67Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argitee, hubattee isa ilaaltee, ?Atis immoo Yesus namicha biyya Naazireet sanaa wajjin turte? jette. 68Inni garuu, ?Waan ati jettu ani hin beeku, anaaf hin galus? jedhee gane; kana booddee gara karra dallichaatti gad ba'e; [ergasii indaanqoon in iyyite]. 69Xomboreettiin isa argitee ammas warra achi dhaabataniin, ?Namichi kunis isaan keessaa tokko? jette. 70Inni garuu ammas in gane. Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ammoo Phexrosiin, ?Atis nama Galiilaa waan taateef, ati dhuguma isaan keessaa tokko? ittiin jedhan. 71Inni garuu, ?Namicha isin jettan kana ani hin beeku? jedhee, of abaaruu kakachuuttis ka'e. 72Achumaanis indaanqoon lammaffaa iyyite; Phexros yommus isa Yesus, ?Indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadatee, boo'icha in futtaafate*.#66 14:54 72 14:30; Mat 26:34; Luq 22:34; Yoh 13:38
Currently Selected:
WANGEELA MAARQOS 14: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.