Egaa dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaanqoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan. Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti, kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!? isaaniin jedhe.