YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAARQOS 11

11
Yesus Milikkita Ulfinaan Yerusaalemitti Galuu Isaa
(Mat 21:1-11; Luq 19:28-40; Yoh 12:12-19)
1Isaan Yerusaalemitti galuudhaaf Betfaageedhaa fi Bitaaniyaatti, gaara ejersaattis yommuu dhi'aatan, Yesus bartoota isaa keessaa lama ergee, 2?Ganda fuullee keessan jiru sana dhaqaa, achumaanis akkuma gandichatti galtaniin ilmoo harree [yaabbii] hidhamee jiru, homtinuu takkaa kan hin yaabin in argitu, hiikaatii fidaa. 3Namni, ?Maaliif kana gootu?? yoo isiniin jedhe, ?Gooftaatu dhimma isaa qaba, inni utuu hin turin iddoodhuma kanatti in deebisa? ittiin jedhaa!? isaaniin jedhe*.#3 14:14
4Bartoonni yommus dhaqanii ilmoo harree [yaabbii] karratti hidhame, karaa irratti argatanii hiikan. 5Warra achi dhaabatan keessaa immoo jarri tokko, ?Maal gootu ilmoo harree kana hiiktu?? isaaniin jedhan. 6Bartoonni immoo isa Yesus jedhe isaanitti himnaan, jarri isaan dhiisan. 7Ilmoo harree sanas Yesusiif fidanii, uffata isaanii irra buusan; innis irra taa'e. 8Namoonni baay'een uffata isaanii, warri biraa immoo damee baala-qabeessa bakkeedhaa kukkutanii karaa inni irra darbu irra afan*. 9Warri dura adeemanii fi warri duukaa bu'an sagalee isaanii ol fudhatanii,
?Hosaa'inaa! Inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu
galateeffamaa dha*.
10Mootummaan Daawit abaabilii keenyaa
inni dhufu galateeffamaa dha!
Hosaa'inaa ol waaqa gubbaatti? jedhan.#8 2Mot 9:13 9 Far 118:26-27; Mat 21:15
11Yesus Yerusaalemitti mana qulqullummaatti galee waan hundumaa ilaale; galgalaa'uus jalqabnaan bartoota kudha lamaanii wajjin gara Bitaaniyaatti ba'e.
Yesus Harbuu Tokko Irraa Ija Dhabuu Isaa
(Mat 21:18-19)
12Borumtaas isaan Bitaaniyaadhaa yommuu ba'an Yesus in beela'e. 13Muka harbuu baala qabu tokkos fagootti argee, ija irraa argadha laataa? jedhee dhaqe. Inni mukicha bira ga'ee baala malee waanuma tokko irraa dhabe; yeroon isaa yeroo harbuun ija itti godhatu hin turre*. 14Yesus yommus mukichaan, ?Homtinuu deebi'ee ija si irraa hin nyaatin bara baraan? jedhe; bartoonni isaas kana jechuu isaa dhaga'an*.#13 Luq 13:6 14 11:20
Yesus Mana Qulqullummaa Keessaa Warra Bitee Gurguru Oofuu Isaa
(Mat 21:12-17; Luq 19:45-48; Yoh 2:13-22)
15Isaan Yerusaalemin in ga'an; Yesus yommus mana qulqullummaatti galee warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran gad baasuutti ka'e, gabatoota warra horii callaa gegeddaraniitii fi taa'umsa warra gugee gurguranii gad gara galche. 16Homtinuu mi'a baatee mana qulqullummaa keessa ba'ee akka adeemuuf karaa hin laanneef. 17Yesus isaan barsiisee, ? ?Manni koo saba hundumaatiif mana kadhataa jedhamee in waamama? kan jedhu hin caafamnee ree? Isin garuu holqa hattuu isa godhattan? isaaniin jedhe*.#17 Isa 56:7; Er 7:11
18Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas waa'ee dubbii kanaa dhaga'anii, karaa ittiin isa balleessan barbaadan; barsiifni isaa garaa namoota hundumaa rukutee waan tureef, isa in sodaatu turan*. 19Yommuu galgalaa'es Yesusii fi bartoonni isaa mandaricha keessaa ba'an#Mar 11:19 Mandaricha keessaa ba'an, ?Inni in ba'e? kan jedhan jiru..#18 6:2; 14:1; Luq 20:19; 22:2
Yesus Goguu Harbuu Sanaatiin Qabee Barsiisuu Isaa
(Mat 21:20-22)
20Ganama obboroodhaan utuu darbanii harbuun sun hundeedhumaan akka goge argan. 21Phexros yommus waan ta'e yaadatee, ?Barsiisaa! Ilaa harbuun ati abaarte gogeera? jedhe*. 22Yesus immoo deebisee, ?Waaqayyotti amantii qabaadhaa*! 23Dhuguman isiniin jedha, namni garaa isaatti utuu hin mamin gaara kanaan, ?Ol kaafami, galaanattis darbatami!? jedhe, waan inni jedhus akka ta'uuf yoo amane, in ta'aaf*. 24Kanaaf isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhataniitti lakkaa'aa amanaa, isiniif ta'uufis jira*! 25Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e dhiisaaf*! [ 26Isin yoo dhiisuu dhabaattan garuu abbaan keessan inni waaqa irraas yakka keessan isiniif hin dhiisu]? jedhe.#21 11:14 22 Yoh 14:1 23 Mat 17:20; Luq 17:6; 1Qor 13:2 24 Mat 7:7; Yoh 14:13; 16:23 25 Mat 5:23; 6:14-15
Gaaffii Waa'ee Gooftummaa Yesusiif Dhi'aate
(Mat 21:23-27; Luq 20:1-8)
27Isaan ammas Yerusaalem dhaqan; Yesus mana qulqullummaa keessa utuu deddeebi'uu, luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa maanguddoonnis gara isaa dhufan. 28Yesusiin, ?Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa goota? Yookiis kana hundumaa akka gootuuf eenyutu gooftummaa kana siif kenne?? jedhan. 29Yesus immoo deebisee, ?Ani dubbii tokkon isin gaafadha, anaaf deebisaa! Anis gooftummaa maaliitiin kana hundumaa akkan godhu isinitti nan hima. 30Cuupphaan Yohannis cuuphe Waaqayyo biraa moo, nama biraa abboomame? Anaaf deebisaa!? isaaniin jedhe*. 31Isaan yommus walitti dudubbatanii, ? ?Waaqayyo biraa? yoo jenne, ?Yoos immoo maaliif dubbii isaa hin amanini ree?? nuun jedha*; 32egaa attamitti, ?Nama biraa abboomame? jenna ree?? jedhan. Namoonni hundinuu Yohannisin raajiitti waan fudhataniif tuuta jaraa in sodaatu turan*. 33Kanaaf, ?Nuyi hin beeknu? jedhanii Yesusiif deebisan. Yesus immoo, ?Egaa anis kana hundumaa gooftummaa maaliitiin akkan godhu isinitti hin himu? isaaniin jedhe.#30 Yoh 1:31-33 31 Mat 21:32 32 Luq 7:29-30

Currently Selected:

WANGEELA MAARQOS 11: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in