YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAATEWOS 8

8
Yesus Namicha Lamxaa'aa Qulleessuu Isaa
(Mar 1:40-45; Luq 5:12-16)
1Yeroo Yesus gaara irraa gad bu'etti tuuti sonaan baay'een isa duukaa bu'an. 2Kunoo namichi lamxaa'aan tokko gara isaa dhufee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, ?Yaa gooftaa! Fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedheen. 3Yesus hiixatee qabee, ?Fedheera, qullaa'i!? jedheen; achumaanis lamxiin isaa isa irraa qullaa'e. 4Yesus, ?Beekkadhu, waan tokko illee namatti hin himin! Garuu dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee hundumaatti haa mul'atuuf akka Museen abboometti kennaa kee dhi'eessi!? ittiin jedhe*.#4 9:30; Mar 7:36; Luq 17:14; Lew 14:1-32
Yesus Naa'oo Angafa Dhibbaa Tokko Fayyisuu Isaa
(Luq 7:1-10; Yoh 4:43-54)
5Yommuu Yesus mandara Qifirnaahomitti galetti, angafni dhibbaa tokko gara isaa dhufee kadhatee, 6?Yaa gooftaa naa'oon koo dhagni isaa gar tokko du'ee mana ciisee baay'ee dhiphachaa jira? jedhe. 7Yesus immoo, ?Ani dhufee isa nan fayyisa? jedheen. 8Angafni dhibbaa sun garuu deebisee, ?Gooftaa! Bantii mana kootii jala lixuun kee anaaf hin ta'u, dubbii tokkicha duwwaa dubbadhu naa'oon koos in fayya. 9Anis immoo of irraa nama na abboomu qaba, loltuus of jalaa qaba; isa tokkoon dhaqi yoon jedhe in dhaqa, isa kaaniinis kottu yoon jedhe, in dhufa; naa'oo kootiin kana raawwadhu yoon jedhe, in raawwata? jedhe.
10Yesus kana yommuu dhaga'e dinqifate warra isa duukaa jiraniin, ?Dhuguman isiniin jedha, ani Israa'el keessatti illee eenyu biratti iyyuu amantii guddaa akkasii hin argine*. 11Baay'een immoo ba'a-biiftuutii, lixa isheetiis dhufanii mootummaa waaqaa keessatti Abrahaam Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti akka taa'an ani isinittan hima*. 12Warri ijoollee mootummichaa ta'uudhaaf yaadaman garuu, dukkana isa alaatti in darbatamu; achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe*. 13Yesus angafa dhibbaa sanaan immoo, ?Dhaqi! Akkuma ati amantes siif haa ta'u? jedheen; naa'oon sunis yerottii sanatti fayye*.#10 15:28 11 Luq 13:28-29; Isa 49:12 12 13:42,50; 22:13; 24:51; 25:30; Luq 13:28 13 9:29; 15:28
Yesus Dhukkubsatoota Baay'ee Fayyisuu Isaa
(Mar 1:29-34; Luq 4:38-41)
14Yesus mana Phexros yommuu lixe, amaatiin Phexros dhukkuba dhagna-gubaadhaan dhukkubsattee, ciifti iyyuu arge*. 15Inni immoo harka ishee qabee, dhagna-gubaan sunis ishee dhiifnaan, kaatee isaaf in ergamte.#14 1Qor 9:5
16Galgala sanas warra hafuurri hamaan keessa ture baay'ee gara isaatti fidan; inni immoo sagalee tokkoon hafuurota hamoota baase, warra dhukkubsatan hundumaa in fayyise. 17Kunis raajicha Isaayaasiin, ?Inni waraansa keenya nu irraa fuudhe, dhukkuba keenyas baate? kan jedhame akka raawwatamuuf ta'e*.#17 Isa 53:4; Yoh 1:29
Attamitti Yesus Duukaa Bu'uu
(Luq 9:57-62)
18Yesus tuuta sonaan baay'ee naannoo isaatti yommuu arge, gara gamaatti haa ce'aniif bartoota isaa abboome*. 19Barsiisaan seeraa tokko immoo gara isaatti as ba'ee, ?Barsiisa! Garuma ati dhaqxutti si duukaan bu'a? jedheen. 20Yesus immoo, ?Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu, ilmi namaa garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu? jedheen*. 21Kan biraa tokko immoo bartoota keessaa, ?Yaa gooftaa! Dura abbaa koo awwaaladhee akkan deebi'uuf sin kadhadha? ittiin jedhe*. 22Yesus garuu, ?Na duukaa bu'i! Warra du'anis dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan? jedheen.#18 Mar 4:35; Luq 8:22 20 2Qor 8:9 21 1Mot 19:20
Yesus Qilleensa Jabaa Gab Gochuu Isaa
(Mar 4:35-41; Luq 8:22-25)
23Yesus bidiruu yaabe, bartoonni isaas isaa wajjin adeeman. 24Kunoos qilleensi jabaan bishaanicha irratti ka'ee hamma dha'aan bishaanii bidiricha irra danbali'utti ga'e; Yesus garuu rafee ture. 25Bartoonni yommus gara isaatti dhi'aatanii isa dammaqsanii, ?Nu oolchi yaa gooftaa! Nu'oo dhumuuf? jedhan. 26Inni immoo deebisee, ?Isin yaa warra amantii hir'uu, maaliif sodaattan?? isaaniin jedhe; yommusumas ka'ee qilleensichaa fi bishaanicha ifate; gabiin guddaan isaas in ta'e*. 27Kana irratti namoonni na'anii dinqifachaa, ?Kun nama attamii ti? Qilleensii fi bishaan iyyuu in abboomamuuf? jedhan.#26 14:31; 16:8
Yesus Hafuurota Hamoota Namoota Keessaa Baasuu Isaa
(Mar 5:1-20; Luq 8:26-39)
28Yesus bishaanicha gama ce'ee gara biyya Gadaraa#Mat 8:28 Gadaraan yookiis ?Gergeessenes, Geraasenes.? yommuu dhufe, namoonni hafuuronni hamoonni keessa turan lama awwaalota gidduudhaa ba'anii itti dhufan; isaan kun hamma namni karaa sana irra darbuu dadhabutti in sodaachisu turan. 29Isaan immoo kunoo caraananii, ?Maal nuttii qabda? Maaltus dhimma keenya keessa si buuse, yaa ilma Waaqayyoo? Yeroon utuu hin ga'in nu dhiphisuu dhuftee ree?? jedhan*. 30Xinnoo isaan irraa fagaataniis hoomaan booyyee bobba'anii jiru turan. 31Hafuuronni hamoonni sun, ?Yoo gad nu baafte, gara hoomaa booyyee sana keessatti nu ergi!? jedhanii isa kadhatan. 32Inni ?Dhaqaa!? isaaniin jennaan, jara keessaa ba'anii booyyota sanatti galan; yommusumas hoomaan booyyee sun guutummaatti hallayaa irraa gara ciisa bishaaniitti gad konkolaatanii dhuman.#29 1Mot 17:18; Mar 1:24; Luq 4:34,41
33Warri booyyee eeganis baqatanii, mandaratti galanii waan hundumaa, waan warra hafuuronni hamoonni keessa turaniif ta'es in odeessan. 34Yommus mandarri sun guutummaatti Yesusin arguudhaaf gad ba'e; yeroo isa arganis kutaa biyya isaanii dhiisee akka adeemuuf isa kadhatan.

Currently Selected:

WANGEELA MAATEWOS 8: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in