WANGEELA MAATEWOS 9
9
Yesus Namicha Dhagni Isaa Gar Tokko Du'e Fayyisuu Isaa
(Mar 2:1-12; Luq 5:17-26)
1Yesus bidiruu yaabbatee bishaanicha ce'ee gara mandara isaa dhufe*. 2Kunoo jarreen tokko nama dhagni isaa gar tokko du'e siree irra ciibsanii gara isaa fidan; Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge, namicha isa dhagni isaa gar tokko du'een, ?Ilma koo jabaadhu! Cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera? jedhe*. 3Kana irratti barsiisota seeraa keessaa kaan, ?Namni kun Waaqayyoon arrabsa? jedhanii garaa isaaniitti dubbatan. 4Yesus garuu yaada isaanii beekee, ?Maaliif garaa keessan keessatti hamaa yaaddu*? 5Kamtu salphaa dha? Cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo yookiis ka'iitii adeemi jechuu? 6Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!? isaaniin jedhe. Isa dhagni isaa gar tokko du'een immoo, ?Ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!? jedhe*. 7Namichi yommus ka'ee mana isaatti gale. 8Namoonni kana yommuu argan in na'an, Waaqayyo isa aboo akkasii namootaaf kenneefis hooqubaa dhi'eessan.#1 4:13 2 9:22; Luq 7:48 4 12:25; Yoh 2:25 6 Yoh 5:8
Waamamuu Maatewos
(Mar 2:13-17; Luq 5:27-32)
9Yesus achii ka'ee utuu darbuu, nama Maatewos jedhamu tokko, utuu inni iddoo qaraxaa taa'uu argee, ?Na duukaa bu'i!? jedheen. Maatewos yommus ka'ee, duukaa in bu'e. 10Kana booddee immoo Yesus mana namichaatti maaddiitti taa'e; kunoos qaraxoonnii fi warri akka seeraatti hin jiraanne baay'een dhufanii Yesusii fi bartoota isaa wajjin maaddiitti taa'an. 11Warri Fariisotaa garuu kana yommuu argan bartoota isaatiin, ?Maaliif barsiisaan keessan warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin nyaata?? jedhan*. 12Yesus garuu kana yommuu dhaga'e, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee; 13inni ?Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti? jedhu maalitti akka hiikamu dhaqaa baraa! Anoo warra gara-qajeelota waamuu hin dhufne, warra cubbamoota waamuufan dhufe malee? jedhe*.#11 Luq 15:1-2; 19:7 13 12:7; 1Sam 15:22; Hos 6:6
Gaaffii Waa'ee Soomii
(Mar 2:18-22; Luq 5:33-39)
14Gaaf tokko bartoonni Yohannis gara Yesus dhufanii, ?Nuyii fi Fariisonni maaliif soomna? Bartoonni kee immoo maaliif hin sooman?? jedhaniin*. 15Yesus deebisee, ?Dhirsi misirroo hamma isaan bira jirutti warri cidhaa gadduu danda'uu ree? Guyyoonni dhirsi misirroo itti isaan duraa fudhatamu dhufuuf jiru; isaan yeroo sanatti in soomu*.#14 Luq 18:12 15 Yoh 3:29
16?Homtinuu erbee haaraa takkaa hin miiccamin uffata moofaa irratti hin erbu; erbichi haaraan uffata moofaa sana irraa in tarsaasa, tarsa'aan isaas isa duraa irra kan caalu ta'a. 17Akkanuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan, qodichi in dho'a, daadhichi in dhangala'a, qodichis in bada. Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu malee; daadhichis qodichis akkasitti in oolu? isaaniin jedhe.
Intala Namicha Tokkoo Fi Dubartii Ishee Uffata Yesus Tuqxe
(Mar 5:21-43; Luq 8:40-56)
18Yesus utuu kana isaanitti dubbachaa jiruu, kunoo warra geggeessituu keessaa tokko dhufee isaaf sagadee, ?Mucaan koo ammuma na duraa duute, ati garuu kottuutii harka kee ishee irra kaa'i, isheenis deebitee in jiraatti? jedhe. 19Kanaaf Yesus ka'ee bartoota isaa wajjin geggeessituu sana duukaa dhaqe.
20Kunoos gidduutti dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkachaa turte tokko, dugda duubaan dhuftee, shaashara uffata Yesus tuqxe*. 21Isheen garaa isheetti, ?Uffatuma Yesus duwwaa yoon tuqe nan fayya? jettee yaaddee turte*. 22Yesus immoo gara galee ishee argee, ?Jabaadhu intala koo, amantiin kee si fayyiseera? jedheen; dubartittiinis si'uma sana fayyite*.#20 14:36; Mar 3:10; Lak 15:38; Kes 22:12 21 14:36 22 Mar 10:52; Luq 7:50; 17:19; HoE 3:16
23Yesus mana geggeessituu sanaa bira yommuu ga'e, warra ulullee gaddaa afuufanii fi warra huursanii boo'an argee, 24?Asii adeemaa! Intalattiinoo hin duune rafuutti jirti malee? isaaniin jedhe. Isaan garuu itti kolfan*. 25Namoonni erga gad baafamanii booddee, Yesus ol lixee harka intalattii qabe, isheenis in kaate. 26Oduun isaas naanna'aa kutaa biyya sanaa in ga'e*.#24 Yoh 11:11 26 Luq 7:17
Yesus Namoota Jaamaa Lama Fayyisuu Isaa
27Yesus achii ka'ee utuu darbuu jaamonni lama isa duukaa adeemanii, ?Yaa ilma Daawit nu maari!? jedhanii iyyan*. 28Inni manatti ol gallaan, namoonni jaamonni sun isatti dhi'aatan; yommus Yesus, ?Kana gochuu akkan danda'u in amantuu ree?? ittiin jennaan, isaan immoo, ?Eyyee yaa gooftaa? jedhaniin. 29Kana booddee ija isaanii qabee, ?Egaa akkuma amantii keessanii isiniif haa ta'u!? jedheen*. 30Yommus iji isaanii in banaman; Yesus immoo, ?Beekkadhaa, namni tokko illee kana akka hin dhageenye? jedhee jabeessee isaan abboome*. 31Isaan garuu akkuma achii ba'aniin guutummaa biyya sanaatti waa'ee isaa odeessan.#27 20:29-34 29 8:13 30 8:4; Mar 1:44
Yesus Nama Arraba Didaa Tokko Fayyisuu Isaa
32Yeroo isaan achii ba'anitti jarreen tokko nama arrabni isaa dide, hafuurri hamaan keessa jiru tokko gara Yesus fidan*. 33Hafuurichi hamaan erga isa keessaa baafamees namichi arrabni isaa didaa ture in dubbate. Namoonnis raajeffachaa, ?Wanti akkasii kun Israa'el keessatti takkaa hin argamne? jedhan. 34Fariisonni garuu, ?Humna angafa Seexanootaatiin hafuurota hamoota in baasa? jedhan*.#32 12:22 34 10:25; 12:24; Mar 3:22; Luq 11:15
Yesus Namootaaf Oo'uu Isaa
35Yesus mandaroota hundumaa fi gandeen keessa naanna'ee manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo himaa, dhukkubaa fi dhibee hundumaattiis fayyisaa ture*. 36Inni namoota akka hoolota tiksee hin qabnetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif oo'e*. 37Yommus bartoota isaatiin, ?Midhaan sassaabamu baay'ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa*; 38egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!? jedhe*.#35 4:23; Mar 1:39; Luq 4:44 36 14:14; Mar 6:34; Lak 27:17; 1Mot 22:17; 2Sen 18:16; His 34:5; Zak 10:2 37 Yoh 4:35 38 Luq 10:2
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 9: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.