WANGEELA MAATEWOS 10
10
Yesus Bartoota Kudha Lamaaniif Aboo Kennuu Isaa
(Mar 3:13-19; Luq 6:12-16)
1Yesus bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee, hafuurota xuraa'ota akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee hundumaas akka fayyisaniif aboo isaaniif kenne. 2Maqaan ergamoota kudha lamaanii immoo kanatti fufee jira; inni duraa Simoon isa Phexros jedhamee moggaafame, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob ilma Zabdewos, Yohannis obboleessa Yaaqoob*; 3Filiphos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa fuudhu, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos*; 4Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame, Yihudaa nama biyya Keriyot isa dabarsee Yesusin kenne.#2 Yoh 1:40-41 3 Yoh 1:43; HoE 1:13
Yesus Bartoota Kudha Lamaan Erguu Isaa
(Mar 6:7-13; Luq 9:1-6)
5Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, ?Karaa saba Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! 6Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa'elii badanii dhaqaa*! 7Akkuma dhaqxaniinis, ?Mootummaan waaqaa dhi'aateera? jedhaa lallabaa*! 8Warra dhukkubsatoo fayyisaa, warra du'an kaasaa, warra lamxaa'an qulleessaa, hafuurota hamoota baasaa; gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa*! 9Adeemuudhaaf warqee, meetii yookiis sibiila diimaa gudunfachuu hin barbaadinaa*; 10karaadhaaf korojoo, qomee lama, kophee, ulees baachuu hin barbaadinaa; hojjetaan waan isa barbaachisu argachuun in ta'aaf*. 11Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta'u barbaadaa, hamma iddoo sanaa adeemtanitti isa bira turaa! 12Manichatti yeroo lixanis nagaa dhi'eessaa. 13Manichi kanaaf kan male yoo ta'e nagaan keessan isa irra haa buufatu, garuu yoo isaaf hin malle ta'e, nagaan keessan isiniif haa deebi'u*. 14Eenyu illee yoo isin simuu dhabaate, dubbii keessanis yoo dhaga'uu dhabaate, manicha sanaa yookiis mandaricha sanaa yommuu baatan awwaara miilla keessan irraa dhadha'adhaa*! 15Ani dhuguman isinitti hima, guyyaa firdiitti inni warra Sodoomii fi Gomoraatti faradamu kan warra mandara kanaa irra salphaa in ta'a? jedhe*.#6 15:24; HoE 13:46 7 3:2; 4:17; Luq 10:9,11 8 Mar 16:17; HoE 20:33 9 Luq 22:35 10 Luq 10:4,7; 1Qor 9:14; 1Xim 5:18; Lak 18:31 13 Luq 10:5-6 14 Luq 10:10-12; HoE 13:51; 18:6 15 11:24; Uma 19:24-28
Ari'atamuu Dhufuuf Jiru
(Mar 13:9-13; Luq 21:12-17)
16Yesus itti dabalee, ?Kunoo, akka hoolota yeeyyii gidduu dhaqaniittan isin erga; egaa akka bofaa afchaala ta'aa, akka gugees garraamii ta'aa*! 17Namoota irraa garuu of eeggadhaa! Yaa'iitti dabarsanii isin in kennu, manneen sagadaa isaanii keessattis isin in reebu*. 18Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin ta'inittis dhugaa ba'uudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu*. 19Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaadda'inaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama*. 20Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti*.#16 Luq 10:3; Rom 16:19 17 24:9; 2Qor 11:24; HoE 5:40; 6:12 18 24:14; HoE 25:23; 27:24 19 Luq 12:11-12 20 1Qor 2:4
21?Obboleessi obboleessa, abbaanis ilma du'atti dabarsee in kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti in ka'u, isaan in ajjeesus*. 22Anaaf jettanii hundumaa biratti in jibbamtu; namni hamma dhumaatti rakkina obsu garuu in fayya*. 23Mandara tokko keessaa yoo isin ari'atan, gara isa kaaniitti baqadhaa! Dhuguman isinitti hima, ilmi namaa hamma dhufutti mandaroota Israa'el hundumaa waliin hin geessan*.#21 10:35-36; Mik 7:6 22 24:9,13; Mar 13:13; Luq 21:17 23 16:27-28
24?Bartuun barsiisaa isaa gara irraa miti, hojjetaanis isa isa hojjechiifatu gara irraa miti*. 25Bartuudhaaf akka barsiisaa isaa ta'uun, hojjetaafis akka isa hojjechiifatuu ta'uun isa in ga'a; abbaa manaa ?Bi'el Zebul?#Mat 10:25 Bi'el Zebul yookiis ?Bi'el Zebub?; inni immoo ?Angafa Seexanootaa? jechuu dha. jedhanii erga waamanii, warra mana isaatii immoo hammam caalchisanii maqaa gadheedhaan haa waamani ree!? jedhe*.#24 Luq 6:40; Yoh 13:16; 15:20 25 9:34; 12:24; Mar 3:22; Luq 11:15
Sodaachuun Kan Namaaf Ta'u
(Luq 12:2-7)
26Yesus ammoo, ?Egaa isaan hin sodaatinaa! Waan haguugame jiru hundinuu in mul'ifama; waan dhoksaatti eegamaa jirus in beeksifama*. 27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu ifa guyyaa keessatti dhageessisaa, waan hasaasamee dhageessan lafa ol jedhaa irratti labsaa. 28Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda'u sodaadhaa! 29Simbirroonni lama akka saantiima tokkotti in gurguramu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu'u; 30isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa'amaa dha. 31Kanaafis hin sodaatinaa! Isinoo simbirroota baay'ee irra guddaa in caaltu? jedhe*.#26 Mar 4:22; Luq 8:17; 12:2 31 6:26; 12:12
Kristosin Amanachuu Yookiis Ganuu
(Luq 12:8-9)
32Itti fufes Yesus, ?Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta'e dhugaa ba'ee yoo mul'ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba'aaf*. 33Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana? jedhe*.#32 Mul 3:5 33 Mar 8:38; Luq 9:26; 2Xim 2:12
Namoonni Waa'ee Yesusiif Wal Diduu Isaanii
(Luq 12:51-53; 14:26-27)
34Yesus ammoo, ?Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. 35Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. 36Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta'u*. 37Namni abbaa yookiis haadha ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti; namni ilma yookiis intala ana caalaatti jaallatu, anaaf kan male miti*. 38Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti*. 39Namni jireenya ofii isaatiif barbaaddatu jireenyi isaa isa duraa in fudhatama, namni anaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo isa in argata? jedhe*.#35-36 Mik 7:6 37 Kes 13:6-11; 33:9 38 16:24; Mar 8:34; Luq 9:23 39 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24; 17:33; Yoh 12:25
Gatii Namoonni Argatan
(Mar 9:41)
40Yesus, ?Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti*. 41Namni, raajii tokko raajii ta'uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo in argata; namni, nama qajeelaa tokko qajeelaa ta'uu isaatiif simes, gatii nama qajeelaa tokkoo in argata*. 42Dhuguman isinitti hima, eenyu illee isaan xixinnayyoo kana keessaa isa tokkoof, waan inni bartuu koo ta'eef, bishaan qabbanaa'aa willee tokko illee yoo kenne, gatii isaa hin dhabu? jedhe*.#40 18:5; Luq 10:16; Yoh 13:20; Mar 9:37; Luq 9:48; Gal 4:14 41 1Mot 17:9-24; 2Mot 4:8-37 42 25:40
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.