WANGEELA MAATEWOS 7
7
Waa'ee Namatti Faraduu Fi Waa'ee Isa Qulqullaa'aa Eeguu
(Luq 6:37-38,41-42)
1Yesus, ?Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa*! 2Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama*. 3Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? 4Yookiis attamitti obboleessa keetiin, ?Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa? jetta ree? Kunoo utubaanoo ija kee keessa jiraa! 5Ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa.#1 Rom 2:1; 14:10 2 Mar 4:24
6?Foon aarsaadhaaf qulqullaa'e sarootaaf hin kenninaa! Callee keessan akka isaan hin dhidhiinnetti booyyee dura hin buusinaa! Isinumatti gara galanii isin in kukkutu'o? jedhe.
Waa'ee Dhimmanii Kadhachuu
(Luq 11:9-13)
7Yesus itti fufee, ?Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama*. 8Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama. 9Isin keessaa nama attamiitu ilmi isaa buddeena yoo isa kadhate, dhagaa kennaafi ree? 10Yookiis ilmi isaa qurxummii yoo kadhate, bofa kennaafi ree! 11Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna*!#7 Mar 11:24; Yoh 14:13-14; 15:7; 16:23-24; Yaq 1:5; 1Yoh 3:22; 5:14 11 Yaq 1:17
12?Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallatan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu? jedhe*.#12 22:40; Luq 6:31; Rom 13:8-10
Karra Isa Dhiphaa
(Luq 13:24)
13Yesus, ?Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal'aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay'ee dha. 14Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa? jedhe*.#14 19:24; HoE 14:22
Muka Tokkoo Fi Ija Isaa
(Luq 6:43-44)
15Yesus itti fufee, ?Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha*. 16Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija waynii baalaanwaraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree*? 17Akkasumas mukti gaariin ija ba'eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata*. 18Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba'eessa godhachuu hin danda'u. 19Mukti ija ba'eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama*. 20Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu? jedhe*.#15 24:11,24; 1Yoh 4:1; Yoh 10:12; HoE 20:29 16 Gal 5:19-23; Yaq 3:12 17 12:33 19 3:10; Luq 3:9; Yoh 15:2,6 20 12:33
Maqaadhumaaf Isa Duukaa Bu'uu
(Luq 13:25-27)
21Yesus, ?Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa? naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti*. 22Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?? anaan jedhu*. 23Ani immoo yeroo sanatti, ?Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!? jedheen mul'inatti isaanitti hima? jedhe*.#21 21:31; Rom 2:13; Yaq 1:22-25 22 1Qor 13:1-2; Er 27:15 23 25:41; 2Xim 2:19; Far 6:8
Mana Ijaartota Lamaan
(Luq 6:47-49)
24Yesus, ?Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. 25Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne. 26Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hin hojjenne hundinuu garuu, nama gowwaa mana isaa hundee malee lafa cirrachaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama*. 27Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichis in jige; jiguun isaas badduu baasa ta'e? jedhe*.#26 Yaq 1:22-23 27 His 13:10-12
Yesus Akka Nama Aboo Qabutti Barsiisuu Isaa
28Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na'anii barsiisa isaa in dinqisiifatan*. 29Inni akka barsiisota seeraa warra kan isaanii utuu hin ta'in akka nama aboo qabutti isaan in barsiisa ture*.#28 11:1; 13:53; 19:1; 26:1; Mar 1:22; Luq 4:32 29 Yoh 7:46
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 7: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.