WANGEELA MAATEWOS 25
25
Fakkeenya Durboota Kurnanii
1Yesus yommus, ?Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata*. 2Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afchaalota turan. 3Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne. 4Warri afchaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan. 5Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.#1 Luq 12:35-36; Mul 19:7
6?Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, ?Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!? jedhutu dhaga'ame. 7Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan*. 8Warri gowwoonni warra afchaalotaan, ?Ibsaan keenya dhaamuuf jedha, cuunfaa ejersaa keessan irraa waa nuuf kennaa!? ittiin jedhan. 9Warri afchaalonni garuu deebisanii, ?Warra gurguran bira dhaqaatii bitadhaa malee, innoo nuufis isiniifis hin ga'u? jedhaniin. 10Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe; warri qophaa'an isaa wajjin mana cidhichaatti ol galan, balballis in cufame. 11Durboota sana keessaa warri hafan immoo booddee dhufanii, ?Yaa gooftaa, yaa gooftaa nuuf bani!? jedhaniin. 12Inni immoo deebisee, ?Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku? jedheen*. 13Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!? jedhe*.#7 Luq 12:36 11-12 7:22-23; Luq 13:25-27 13 24:42
Fakkeenya Warra Horiin Isaanitti Kennamee
(Luq 19:11-27)
14Yesus itti dabalee, ?Dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti; inni hojjetoota isaa waamee, horii callaa qaba ture itti kennate*. 15Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme*. 16Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si'uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate. 17Inni meetii kuma lama fudhate immoo, meetii kuma lama buufate. 18Namichi inni meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale.#14 21:33; Mar 13:34 15 Rom 12:6
19?Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi'ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa'ate*. 20Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera? jedhe. 21Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen*. 22Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera? jedhe. 23Gooftaan isaa immoo, ?Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!? jedheen.#19 18:23 21 24:45-47
24?Namichi inni meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, ?Yaa gooftaa, ati nama gara-jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsinii walitti qabattu, ta'uu kee ani beeka. 25Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti? jedhe. 26Gooftaan isaa garuu deebisee, ?Ati hojjetaa hamaa dhaa fi dhibaa'aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu, iddoo itti hin bittimsinii akkan walitti qabadhu, beekteetta mitii? 27Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa'uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture. 28Egaa meeticha kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, isa meetii kuma kudhan qabuuf kennaa! 29Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf; kana kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama*. 30Hojjetaa isa waa'ee hin baafne kana dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe? isaaniin jedhe*.#29 13:12; Mar 4:25; Luq 8:18 30 8:12; 22:13; Luq 13:28
Firdii Isa Dhumaa
31Yesus ammoo, ?Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a*. 32Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar fo'u, innis namoota sana gargar in fo'a*. 33Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re'ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba. 34Ergasii mootichi warra mirga isaa jiraniin, ?Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa! 35Beela'een ture, nyaata anaaf kennitaniittu; dheebodheen ture, dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka nama keessaniitti na simtaniittu*. 36Qullaa koo ta'een ture, daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafattaniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu? jedhe.#31 16:27; 19:28; Mul 20:11-13; Zak 14:5 32 His 34:17; Rom 14:10 35 Isa 58:7
37?Ergasii warri qajeelonni deebisanii, ?Gooftaa! Yoom beela'uu kee arginee, nyaata siif kennine? Yookiis yoom dheebochuu kee arginee, dheebuu si baafne*? 38Yoom orma ta'uu kee arginee, akka nama keenyaatti si simne? Yookiis yoom qullaa ta'uu kee arginee, daara si baafne? 39Yoom dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, gara kee dhufne?? jedhaniin. 40Mootichi immoo deebisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan? isaaniin jedhe*.#37 6:3 40 10:42; Fak 19:17
41?Ergasii mootichi namoota bitaa isaa jiraniin, ?Isin abaaramoo nana, na biraa adeemaa! Gara ibidda bara baraa isa Seexanaa fi ergamoota Seexanaatiif qophaa'e dhaqaa*! 42Ani beela'een ture, isin nyaata anaaf hin kennine; dheebodheen ture, isin dheebuu ana hin baafne*. 43Orman ture, isin akka nama keessaniitti ana hin simne; qullaa koo ta'een ture, isinis daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture, hidhameen tures, isinis ana hin dubbifne? in jedha.#41 7:23; Mar 9:48; Mul 20:10,15 42 Yaq 2:15,16; 4:17
44?Isaanis deebisanii, ?Gooftaa! Yoom beela'uu kee, dheebochuu kee, orma ta'uu kee, qullaa ta'uu kee, dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, siif hojjechuu dhiifne?? jedhanii in gaafatu. 45Yommus mootichi deebisee, ?Ani dhuguman isinitti hima, warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof kan hin godhin anaafis hin goone? isaaniin jedhe. 46Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu? jedhe*.#46 Yoh 5:29; Dan 12:2
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 25: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.