YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAATEWOS 24

24
Yesus Waa'ee Diigamuu Mana Qulqullummaa Dubbachuu Isaa
(Mar 13:1-2; Luq 21:5-6)
1Yesus mana qulqullummaa keessaa ba'ee, utuu adeemaa jiruu, bartoonni isaa ijaarsa mana qulqullummaa isatti argisiisuudhaaf dhufan. 2Inni garuu deebisee, ?Isaan kana hundumaa in argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in diigama malee? isaaniin jedhe*.#2 Luq 19:44
Yesus Waa'ee Rakkinaa Fi Ari'atamuu Dhufuuf Jiruu Dubbachuu Isaa
(Mar 13:3-13; Luq 21:7-19)
3Akkuma Yesus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti, ?Nutti himi, kun yoom ta'a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?? jedhan*. 4Yesus immoo deebisee, ?Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa*! 5Baay'een, ?Ani Masiihii dha? jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu*. 6Lolaa fi oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanetti ilaaladhaa! Kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. 7Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a; beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a*. 8Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti.#3 24:27,37,39; 13:39,40,49; 28:20; HoE 1:6-8 4 2Tas 2:3 5 24:11,23-24; Yoh 5:43; 1Yoh 2:18 7 2Sen 15:6; Isa 19:2
9?Yommus rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin in ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu*. 10Yeroo sanatti namoonni baay'een in gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennu, walis in jibbu. 11Raajonni sobduun baay'een in ka'u; namoota baay'ees in wallaalchisu*. 12Seera malee jiraachuun waan baay'atuuf, jaalalli namoota baay'ee qabbanaa'aa in adeema*. 13Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya*. 14Saba hundumaatti akka dhugaa ba'uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa? jedhe*.#9 10:17,22; Yoh 16:2 11 7:15; 2Phe 2:1; 1Yoh 4:1 12 2Tas 2:10; 2Xim 3:1-5 13 10:22 14 28:19
Yesus Milikkita Garaa Garaa Kennee Of Eeggachiisuu Isaa
(Mar 13:14-23; Luq 21:20-24)
15Yesus itti fufee, ?Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, inni Daani'el raajichi waa'ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa'aa dhaabatee arguuf jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu*! 16Yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan. 17Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin bu'in*! 18Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin! 19Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha*! 20Baqachuun keessan yeroo gannaatti yookiis guyyaa Sanbataatti akka hin taaneef kadhadhaa! 21Yommus rakkinni guddaan ta'uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'es hin ta'u*. 22Guyyoonni sun utuu gabaabbachuu dhabaatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.#15 Dan 9:27; 11:31; 12:11 17 Luq 17:31 19 Luq 23:29 21 Dan 12:1; Mul 7:14
23?Egaa yeroo sanatti namni, ?Ilaa Masiihiin as jira? yookiis ?Achi jira? yoo isiniin jedhe hin amaninaa! 24Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu*. 25Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.#24 Kes 13:1-3; 2Tas 2:9-10; Mul 13:13-14
26?Kanaafis, ?Kunoo, lafa onaa keessa jira? yoo isiniin jedhan gad hin ba'inaa; ?Kunoo mana keessa gola jira? yoo isiniin jedhanis hin amaninaa! 27Akka bakakkaan ba'a-biiftuutti bu'u hamma lixa-biiftuutti ibsu, dhufni ilma namaas akkasuma in ta'a*. 28Raqni iddoo jirutti gogocoroonni wal ga'u? jedhe*.#27 Luq 17:23-24 28 Iyo 39:30; Luq 17:37
Yesus Waa'ee Dhufa Ilma Namaa Dubbachuu Isaa
(Mar 13:24-27; Luq 21:25-28)
29Yesus itti dabalee, ?Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu*. 30Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul'ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo'uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru*. 31Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo'aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokko hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu? jedhe*.#29 Isa 13:10; 34:4; His 32:7; Yoe 2:10,31; 3:15; Mul 6:12,13 30 26:64; Dan 7:13; Mul 1:7 31 13:41; Isa 27:13; Zak 2:6; 1Qor 15:52; 1Tas 4:16; Mul 8:2
Fakkeenya Muka Harbuu
(Mar 13:28-31; Luq 21:29-33)
32Yesus ammoo ?Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi'aate in hubattu. 33Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi'aate beekaa!
34?Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si'anaa kun hin darbu*. 35Waaqnii fi lafti darbuuf jiru; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu? jedhe*.#34 16:28 35 5:18; Luq 16:17
Guyyicha Yookiis Yericha Homtinuu Hin Beeku
(Mar 13:32-37; Luq 17:26-30,34-36)
36Yesus itti dabalee, ?Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan*. 37Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a*. 38Bara sana bishaan badiisaa dura, hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. 39Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta'a*. 40Gaafas namoonni lama lafa qotiisaatti in argamu, inni tokko in fudhatama inni kaan immoo in dhiifama. 41Dubartoonni lama dhagaa daakuutti in daaku, isheen tokko in fudhatamti isheen kaan immoo in dhiifamti. 42Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa*! 43Abbaan manaa halkan keessaa yeroo hattuun itti dhuftu utuu beeke in dammaqa, mana isaas hin qochiisiisu ture; kanas immoo yaadadhaa*! 44Kanaaf isinis immoo qophaa'oo ta'aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa? jedhe*.#36 HoE 1:7; 1Tas 5:1-2 37 Uma 6:5-13 39 Uma 7:6-24; 2Phe 3:6 42 25:13 43 Luq 12:39-40; 1Tas 5:2; 2Phe 3:10; Mul 3:3 44 Mul 16:15
Hojjetaa Amanamaa Yookiis Hin Amanamne
(Luq 12:41-48)
45Yesus itti fufee, ?Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa'ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaa'ate isa kami ree? 46Egaa hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba. 47Dhuguman isinitti hima, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf jira*. 48Garuu hojjetaan hamaan sun yaada isaa keessatti, ?Gooftaan koo in tura? in jedha ta'a*; 49hojjetoota akka isaatii reebuu, ofii isaatii immoo nyaachuu warra machooftuu wajjinis dhuguu in jalqaba ta'a. 50Yommus gooftaan isaa guyyaa inni hin eeginitti, yeroo inni hin beekinittis in dhufa; 51mataa hojjetaa sanaas in tarsaasa, guyyaa isa dhumaattis ga'aa warra of hin arginee in hiraaf, achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru? jedhe*.#47 25:21,23 48 2Phe 3:4 51 8:12

Currently Selected:

WANGEELA MAATEWOS 24: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in