YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAATEWOS 13

13
Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu
(Mar 4:1-9; Luq 8:4-8)
1Guyyaadhuma sanas Yesus manaa ba'ee ciisa bishaanii bira taa'e. 2Tuuti sonaan guddaan isa biratti walitti qabamnaan, bidiruu tokko yaabbatee barsiisuudhaaf taa'e; namoonni hundinuu immoo qarqara ciisa bishaanichaa in dhaabatu turan*. 3Yesus fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaanitti himuutti ka'e, ?Kunoo, namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e. 4Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'an, simbirroonni immoo dhufanii funaananii nyaatan. 5Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'anis biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan. 6Yommuu aduun itti baate garuu in coollagan; hidda gad fagoo waan hin godhatiniifis in gogan. 7Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan. 8Kaan garuu biyyoo gaarii irra bu'anii ija godhatan, iji isaaniis kaan dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa soddoma ta'e. 9Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu!? jedhe*.#2 luqaa 5:1-3 9 11:15
Fakkeenyi Maaliif Akka Barbaachise
(Mar 4:10-12; Luq 8:9-10)
10Ergasii bartoonni Yesusitti dhi'aatanii, ?Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?? jedhanii isa gaafatan. 11Yesus immoo deebisee, ?Dhoksaa mootummaa waaqaa beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne. 12Isa fudhatee waa qabuuf, hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf, kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama*. 13Isaan utuma ilaalanii hin argan, utuma dhaggeeffatanii hin dhaga'an, hin hubatanis; kanaafan fakkeenyaan isaanitti dubbadha. 14Egaa raajiin, Isaayaas dubbate isaanitti raawwatameera;
inni, ?Dhaga'uu in dhageessu garuu hin hubattan;
ilaaluu in ilaaltu, garuu hin argitan*.
15Yaadni garaa saba kanaa hadoodeera'o;
gurra isaanii cuqaalaniiru,
ija isaaniis dununfachiisaniiru.
Silaa'oo, ija isaaniitiin in argu,
gurra isaaniitiinis in dhaga'u turan;
yaada garaa isaaniitiinis in hubatu,
gara koottis in deebi'u turan,
anis isaan nan fayyisan ture? jedha ture.#12 25:29; Mar 4:25; Luq 8:18; 19:26 14 Isa 6:9-10; Yoh 12:40; HoE 28:26-27
16?Iji keessan garuu waan arganiif gurri keessanis waan dhaga'aniif ayyaantuu dha*. 17Raajonni baay'eenii fi warri jireenya qajeeltoo jiraatan isa isin argitan kana arguu akka kajeelan, akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga'uu akka kajeelan, akka hin dhaga'in hafanis dhuguman isinitti hima? ittiin jedhe*.#16 16:17; Luq 10:23-24 17 Yoh 8:56; 1Phe 1:10; Ibr 11:13
Hiikaa Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu
(Mar 4:13-20; Luq 8:11-15)
18Yesus itti fufee, ?Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maalitti akka hiikamu dhaggeeffadhaa. 19Akkuma sanyiin karaa bukkeetti facaafame ta'e, eenyu illee dubbii mootummichaa dhaga'ee yoo hubachuu dhabaate, inni hamaan dhufee dubbicha isa garaa isaa keessatti facaafame in butata. 20Akkuma sanyiin lafa dhagaa keessatti facaafame ta'e, akkasuma namni dubbicha dhaga'ee achumaan gammachuudhaan in fudhata. 21Inni yeroodhaaf malee hundee hin qabu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u achumaan in gufata. 22Akkuma sanyiin qoraattii keessa bu'e ta'e, akkasuma namni dubbicha in dhaga'a; kana booddees yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa dubbicha in hudha, ija utuu hin godhatinis in hafa*. 23Akkuma sanyiin lafa gaariitti facaafame ta'e immoo, akkasuma namni dubbicha in dhaga'a in hubatas; ija godhates, inni tokko dhibba, inni tokko jaatama inni kaanis soddoma in baata? jedhe.#22 6:19-34; 19:23; Luq 12:16-21; 1Xim 6:9-10,17
Fakkeenya Inkirdaadaa
24Yesus ammoo fakkeenya biraa tokko isaanitti hime, ?Mootummaan waaqaa nama sanyii gaarii qotiisa isaatti facaafatetti in fakkeeffama. 25Yeroo namni rafuttis diinni namichaa dhufee, inkirdaada qamadii keessa facaasee sokke. 26Midhaanichi guddatee ija erga godhatee booddee, inkirdaadichis immoo mul'ate. 27Kana irratti hojjetoonni abbaa warraatti dhi'aatanii, ?Gooftaa, sanyii gaarii qotiisa keetti facaafte mitii? Inkirdaada immoo eessaa godhate ree?? jedhaniin. 28Inni immoo, ?Nama diina koo ta'etu kana godhe? jedhee isaaniif in deebise; yommus hojjetoonni, ?Nuyi dhaqnee isa akka aramnu barbaaddaa ree?? jedhaniin. 29Abbaan qotiisichaa garuu, ?Lakkii inkirdaada utuu aramtanii isaa wajjin qamadii akka hin buqqifnetti, dhiisaa! 30Hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan. Yeroo midhaan sassaabamutti warri sassaaban, dura in kirdaadicha bubuqqisanii akka gubamuuf bissii bissiitti akka hidhaniif, qamadicha garuu gombisaa kootti akka anaaf sassaabaniif ittan himadha? jedhee isaaniif deebise? jedhe*.#30 3:12; Mul 14:15
Fakkeenya Ija Mukaa Hundumaa Irra Xinnaatuu Fi Fakkeenya Raacitii
(Mar 4:30-32; Luq 13:18-21)
31Yesus itti fufee fakkeenya kan biraa tokko isaanitti hime; ?Mootummaan waaqaa ija sanaaficaa namni fuudhee qotiisa isaa keessa facaase fakkaata. 32Iji isaa sanyii hundumaa irra xinnayyoo dha, yommuu guddatu garuu biqila hundumaa irra caalee mukas ta'e, simbirroonni dhufanii damee isaa irratti mann'ee in ijaarratu? jedhe*.#32 His 17:23; 31:6; Dan 4:9,18
33Yesus ammas ?Mootummaan waaqaa raacitii dubartiin fuutee daakuu safartuu sadiin maktee, raacitichis hunduma isaa bukeessu fakkaata? jedhee fakkeenya kan biraa tokko isaanitti in dubbate.
Yesus Fakkeenyaan Dubbachuu Isaa
(Mar 4:33-34)
34Yesus kana hundumaa fakkeenyaan namoota sanatti dubbate; fakkeenya malees waan tokko isaanitti hin dubbanne. 35Kanaan raajichaan inni,
?Fakkeenyaanan afaan saaqqadha,
uumamuu biyya lafaatii jalqabee
isa dhokatee tures nan beeksisa?
jedhamee dubbatamee in raawwatame*.#35 Far 78:2
Yesus Fakkeenya Inkirdaadichaa Hiikuu Isaa
36Yesus kana booddee namoota sana gad dhiisee manatti ol lixe; yommus bartoonni isaa itti dhi'aatanii, ?Fakkeenya inkirdaada qotiisicha keessaa nuuf hiiki!? jedhaniin. 37Yesus immoo deebisee, ?Inni sanyii gaarii facaasu ilma namaa ti; 38qotiisichi biyya lafaa ti; sanyiin gaariin ilmaan mootummaa ti; inkirdaadis ilmaan isa hamaa ti*. 39Diinichi inkirdaada facaase Seexana; yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti; warri midhaan sassaabanis ergamoota Waaqayyoo ti. 40Akkuma inkirdaadi walitti qabamee ibiddaan gubamu, dhuma biyya lafaattis immoo akkasuma in ta'a*. 41Ilmi namaa ergamoota isaa in erga; isaanis karaa Waaqayyo irraa waan nama gufachiisu hundumaa, warra hamaa hojjetan hundumaas mootummaa isaa keessaa walitti in qabu*, 42boolla ibiddaattis isaan in darbatu. Achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga'a*. 43Egaa warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu; namni gurra qabu haa dhaggeeffatu!? jedheen*.#38 Yoh 8:44; 1Qor 3:9; 1Yoh 3:8,10 40 3:10; 7:19; Yoh 15:6 41 24:31; 25:31-46; Sef 1:3 42 13:50; 8:12 43 Dan 12:3
Fakkeenya Qabeenya Dhokfameetii Fi Fakkeenya Callee Gati-Jabeessaa
44Yommus Yesus, ?Mootummaan waaqaa qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata; namni tokko qabeenya kana argee deebisee erga dhoksee booddee, gammachuu irraa kan ka'e dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lafa qotiisaa sana bitate*.#44 Fak 2:4; Filp 3:7
45?Mootummaan waaqaa ammas naggaadee callee babba'eessa barbaadu fakkaata. 46Naggaadichi callee gati-jabeessa argannaan, dhaqee waan qabu hundumaa gurguree callee sana bitate? jedhe*.#46 Fak 8:10,11
Fakkeenya Kiyyoo Qurxummii
47Yesus itti fufee, ?Mootummaan waaqaa ammas kiyyoo galaanatti darbatamee akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabe fakkaata*. 48Kiyyichis guunnaan, qurxummi-qabduun gara qarqara bishaaniitti isa harkisanii, taa'anii qurxummii isa gaggaarii qodaa isaaniitti naqanii, isa gaggadhee immoo gaggatan. 49Yeroo dhuma biyya lafaattis akkasuma in ta'a; ergamoonni Waaqayyoo ba'anii warra hamoota warra qajeelotattii gargar in baasu*. 50Warra hamoota boolla ibiddaatti in darbatu; achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga'a? jedhe*.#47 22:9,10 49 25:32 50 13:42; 8:12
Waan Bartoonni Yesus Barsiisuuf Jiran
51Kana booddee Yesus, ?Kana hundumaa hubattaniittuu ree?? jedhee isaan gaafate; isaan immoo deebisanii, ?Eyyee? jedhaniin. 52Inni garuu, ?Kanaaf barsiisaan seera durii mootummaa waaqaatiif bartuu ta'e qopheeffame hundinuu, abbaa manaa isa mana mi'a isaatii keessaa waan haaraa fi waan moofaa gad baasu fakkaata? jedhe.
Yesus Naazireetitti Tuffatamuu Isaa
(Mar 6:1-6; Luq 4:16-30)
53Yesus fakkeenya kana hundumaa isaanitti himee erga raawwatee, iddoo sana dhiisee in adeeme*. 54Gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqee, mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiise. Warri isa dhaga'an immoo raajeffatanii, ?Ogummaan akkasii hojiin aangoo kun hundinuus eessaa dhufeef? 55Kun ilma isa muka sooftichaa mitii? Haati isaas Maariyaam jedhamtee waamamti mitii ree? Yaaqoobii fi Yosee fi, Simoonii fi Yihudaan obbolaa isaa ti mitii*? 56Obboleettonni isaas hundinuu as nu bira jiru mitii ree? Egaa wanti kun hundinuu eessaa dhufeef?? jedhan*. 57Isaan kanaaf isa maman; Yesus garuu, ?Raajiin iddoo biraatti malee, biyya isaatti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu? isaaniin jedhe*. 58Sababii amanti-dhabina isaaniitiif hojii aangoo baay'isee achitti hin hojjenne.#53 7:28 55 12:46; Yoh 6:42 56 Yoh 7:15,52 57 Yoh 4:44

Currently Selected:

WANGEELA MAATEWOS 13: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in