YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAATEWOS 14

14
Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa
(Mar 6:14-29; Luq 9:7-9)
1Yeroo sanatti Herodis abbaan biyyaa oduu Yesus dhaga'ee, 2hojjetoota isaatiin immoo, ?Kun Yohannis cuuphaa dha, isatu du'aa kaafame; kanaaf hojiin aangoo kun hundinuu isaan hojjetamaa jiru? jedhe. 3Herodis waa'ee Herodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphosiif jedhee, Yohannisin qabsiisee fuuncaadhaan hiisisee, mana hidhaatti galchisiisee ture*. 4Yohannis yommus Herodisiin, ?Ati ishee fuudhuun kee seera miti? in jedha ture*. 5Inni Yohannisin ajjeesisuu barbaade ture, garuu namoota warra Yohannisin akka raajiitti ilaalan sodaate*.#3 11:2; Luq 3:19-20 4 19:9; Lew 18:16; 20:21 5 21:26
6Guyyaan seenaa dhaloota Herodis geenyaan, intalli Herodiyaas keessummoota sana duratti sirbitee Herodisin gammachiifte. 7Kana irratti inni waanuma isheen gaafatte isheedhaaf kennuudhaaf kakaadhaan abdachiise. 8Intalattiin immoo haadha isheetiin gorfamtee, ?Asitti mataa Yohannis cuuphaa gabateetti anaaf kenni? jette. 9Mootichi yommus in gadde, garuu sababii kakaa isaatiif, keessummoota isaatiifis jedhee akka inni isheedhaaf kennamu in abboome. 10Itti erges, mana hidhaa keessatti mataa Yohannis mormatti irraa kuchisiise. 11Mataan isaa sun gabateetti fidamee intalattiidhaaf in kenname; isheen immoo haadha isheetti in geessite. 12Yommus bartoonni Yohannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan; dhaqaniis Yesusitti in himan.
Yesus Namoota Kuma Shan Nyaachisuu Isaa
(Mar 6:30-44; Luq 9:10-17; Yoh 6:1-14)
13Yesus kana yommuu dhaga'e kophaa isaa bidiruudhaan achii ka'ee gara iddoo qoofniitti sokke; tuuti sun immoo adeemuu isaa dhaga'anii mandarootaa miillaan isa duukaa bu'an. 14Yesus qarqara bishaaniitti yommuu bu'e tuuta gobbuu argee, isaaniif oo'ee, dhukkubsatoota isaaniis in fayyise*. 15Yeroo galgalaa'e immoo bartoonni gara isaa dhufanii, ?Kun lafa onaa dha, guyyichis sokkeera; egaa tuuti kun gara gandeenii dhaqanii nyaata ofii isaaniitiif haa bitataniif gad isaan dhiisi!? jedhan. 16Yesus immoo, ?Dhaquu isaan hin barbaachisu, ofii keessanii waan isaan nyaatan kennaaf!? isaaniin jedhe. 17Isaan garuu deebisanii, ?Nuyi buddeena shanii fi qurxummii lama duwwaa asii qabna? jedhaniin. 18Inni immoo, ?As gara kootti fidaa!? jedhe.#14 9:36
19Kana booddee marguma sana irra akka taa'aniif tuuta sana abboomee, buddeenan shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara waaqaatti ol ilaalee, eebbisee cabsees, buddeenan sana bartoota isaatti kekkenne; bartoonni immoo tuuta sanaaf in dhi'eessan*. 20Isaan hundumtinuu nyaatanii in quufan; ergasii bartoonni hurraa isaan irraa hafe gundoo kudha lama guutuu fuudhan*. 21Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee dhiirri akka kuma shanii turan.#19 15:35-39 20 2Mot 4:43-44
Yesus Bishaan Gubbaa Adeemuu Isaa
(Mar 6:45-52; Yoh 6:15-21)
22Yesus hamma ofii isaatii tuuta sana gad dhiisutti, bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce'aniif bartoota isaa in giddisiise. 23Tuuta sana erga gad dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture*. 24Bidirichi garuu yeroo kana qarqara irraa baay'ee fagaate; sababii qilleensi fuula duraan itti qilleensa'uufis dha'aa bishaaniitiin asii fi achi daddarbatamaa ture. 25Halkan keessaa gara iyya indaanqoo isa lammaffaattis Yesus bishaan gubbaa adeemaa gara isaanii dhufe. 26Bartoonni garuu bishaan irra utuu inni adeemuu arganii baay'ee na'anii, ?Innoo ekeraa dha? jechaa, sodaachuu isaanii irraa kan ka'e iyyan*. 27Yesus immoo achumaan isaanitti dubbatee, ?Jabaadhaa, innoo anaa, hin sodaatinaa!? jedhe. 28Phexros deebisee, ?Gooftaa! Si erga ta'ee, bishaan irra gara kee akkan dhufu na abboomi!? jedheen. 29Inni immoo, ?Kottu!? jedhe; yommus Phexros bidiricha keessaa ba'ee bishaan gubbaa gara Yesusitti adeemuutti ka'e. 30Qilleensi jabaan sun yeroo isatti dhaga'ame garuu in sodaate; gad liqimfamuu jalqabnaanis iyyee, ?Gooftaa! Na oolchi!? jedhe. 31Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee, ?Yaa namicha amantii hir'uu! Maaliif mamte?? jedheen*. 32Yeroo isaan bidiruu yaabbatanitti qilleensichi in dhaabate. 33Kana irratti warri bidiricha keessaa Yesusiif sagadanii, ?Ati dhuguma ilma Waaqayyoo ti!? jedhaniin*.#23 Luq 6:12; 9:18,28 26 Luq 24:37 31 8:26 33 16:16; Yoh 1:49
Yesus Genesaarexitti Dhukkubsatoota Fayyisuu Isaa
(Mar 6:53-56)
34Yommuu ce'anis bakkee Genesaarexitti lafatti ba'an. 35Namoonni iddoo sanaa immoo isa ta'uu baranii, naanna'aa sana hundumaatti erganii, warra dhukkubsachaa turan hundumaa gara isaatti fidan. 36Warri dhukkubsatan kun shaashara wayyaa isaattii duwwaa illee akka tuqaniif isa in kadhatu turan; hammi shaashara wayyaa isaa tuqan hundinuus in fayyan*.#36 9:20-21; Luq 6:19

Currently Selected:

WANGEELA MAATEWOS 14: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in