WANGEELA MAATEWOS 12
12
Gaaffii Waa'ee Sanbataa
(Mar 2:23-28; Luq 6:1-5)
1Yeroo sana Yesus guyyaa Sanbataatti maasii qamadii tokko keessa darbe; bartoonni isaa immoo beela'anii waan turaniif, asheetii isaa ciranii nyaachuutti ka'an*. 2Warri Fariisotaa yommuu kana argan Yesusiin, ?Bartoonni kee akka seeraatti Sanbataan gochuun kan hin taane gochaa jiru, ilaali?*! 3Inni immoo deebisee, ?Daawit namoota isaa wajjin yommuu beela'e waan godhe hin dubbifne moo isin*? 4Inni mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa isa Waaqayyoof dhi'aate nyaate; isa nyaachuun luboota duwwaaf malee, isaaf warra isaa wajjin turaniif, seeraan dhowwamaa ture*. 5Yookiis luboonni guyyuma Sanbataatti mana qulqullummaa keessatti Sanbata akka xureessan, yakka ta'ees akka isaanitti hin lakkaa'amin, seera keessaa hin dubbifnee ree*? 6Mana qulqullummaa irra kan caalu as akka jiru, ani isinittan hima*. 7Garuu inni, ?Ani gara-laafina malee, aarsaan barbaada miti? jedhu, maal jechuu akka ta'e utuu hubattaniittu ta'ee, warra yakka hin qabnetti yakka hin murtan turtan*. 8Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha? isaaniin jedhe.#1 Kes 23:25 2 Bau 20:10; Kes 5:14 3 1Sam 21:1-6 4 Lew 24:9 5 Lak 28:9-10 6 12:41-42; Luq 11:31-32 7 9:13; Hos 6:6
Yesus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa
(Mar 3:1-6; Luq 6:6-11)
9Achiis darbee Yesus mana sagadaa isaanii lixe. 10Kunoo, namni harki isaa naafaa tokko achi ture; yommus jarri ittiin isa hadheessuudhaaf, ?Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraa?? jedhanii isa gaafatan*. 11Inni immoo, ?Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, hoolaan isaas guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo kufe, qabee achi keessaa kan hin baafne eenyu inni*? 12Egaa namni immoo hammam hoolaa irra haa caalu ree? Kanaafis guyyaa Sanbataatti gaarii hojjechuun seera? isaaniin jedhe. 13Ergasii namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe; namichis diriirse, harki isaa deebi'ee akkuma isa kaanii fayyaa ta'e. 14Warri Fariisotaa garuu gad ba'anii, attamitti akka isa balleessan mari'achuutti ka'an*.#10 Luq 14:3 11 Luq 14:5 14 Yoh 5:16,18
Yesus Hojjetaa Waaqayyoo Isa Fo'amaa Ta'uu Isaa
15Yesus kana baree achii sokke; namoonni baay'eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise*; 16jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe*. 17Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta'e*;
18innis, ?Ilaa hojjetaa koo isa ani fo'adhe,
isa jaallatamaa kan koo tii,
isa lubbuun koo itti gammade;
hafuura koo isa irra nan bulcha,
inni saba hundumaaf firdii qajeelaa in labsa*.
19Inni hin wacu, hin caraanus,
namni tokko illees karaa keessatti
sagalee isaa hin dhaga'u.
20Firdiin qajeelaan akka mo'u hamma godhutti,
inni jajjaba buruqfamaa hin cabsu,
fo'aa ibsaa isa seequs hin dhaamsu;
21sabni hundinuu maqaa isaa in abdatu?
isa jedhee dha.#15 Mar 3:7-10; Luq 6:17-19 16 8:4; 9:30; Mar 3:12 17 Isa 42:1-4 18 3:17
Yesus Humna Maaliitiin Hafuurota Hamoota Akka Baasu
(Mar 3:20-30; Luq 11:14-23)
22Yommus namicha hafuurri hamaan keessa jiru, iji isaa jaamaa, arrabni isaas didaa tokko gara Yesusitti fidan; inni immoo arrabni namichaa akka dubbatu, iji isaas akka argu godhee isa fayyise*. 23Yommus namoonni hundinuu na'anii dinqifatanii, ?Kun ilma Daawit ta'uu hin danda'uu?? jedhan. 24Warri Fariisotaa yommuu kana dhaga'an garuu, ?Namichi kun Bi'el Zebul angafa Seexanootaa duwwaadhaan hafuurota hamoota baasa? jedhan*. 25Yesus immoo yaada isaanii beekee, ?Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu; mandarri tokko yookiis maatiin tokko ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, dhaabachuu hin danda'u. 26Seexannis Seexana yoo baase ofii isaatii gargar in caba, egaa mootummaan isaa attamitti dhaabachuu danda'a ree? 27Yoo ani humna Bi'el Zebuliin hafuurota hamoota baase, ijoolleen keessan immoo humna eenyuutiin isaan baasu? Kanaafis ijoolleedhumti keessan isinitti in farachiisu. 28Ani garuu hafuura Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera*.#22 9:32-33 24 9:34; 10:25 28 1Yoh 3:8; HoE 10:38
29?Yookiis namicha jabaa sana duraan dursee yoo hidhe malee, attamitti namni mana nama jabaa tokkoo lixee mi'a isaa saamuu danda'a ree? Erga isa hidhee garuu dhuguma mana isaa akka jirutti saamuu in danda'a*. 30Eenyu illee gara koo yoo ta'uu dhabaate mormituu koo ti, akkasumas na gargaaree kan walitti hin qabne, in bittimsa*. 31Kanaafis ani isinittan hima, cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka'u garuu hin dhiifamu*. 32Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti, bara dhufuttis dhiifama hin argatu? isaaniin jedhe*.#29 Isa 49:24 30 Mar 9:40; Luq 9:50 31 1Yoh 5:16; Ibr 6:4-6; 10:26 32 Luq 12:10; 1Xim 1:13
Muka Tokkoo Fi Ija Isaa
(Luq 6:43-45)
33Yesus itti fufee, ?Muka gaarii qabaadhaa, iji isaas gaarii in ta'a; yookii immoo muka gadhee qabaadhaa, iji isaas gadhee in ta'a; mukti ija isaatiin in beekama*. 34Isin ijoollee mar'ataa! Ofii keessanii hamoota erga taatanii, attamitti gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata*. 35Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. 36Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii, guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru. 37Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama? jedhe.#33 7:17-20 34 3:7; 23:33; Luq 3:7; Mat 15:18
Barsiisonni Seeraa Fi Fariisonni Milikkita Gaafachuu Isaanii
(Mar 8:11-12; Luq 11:29-32)
38Yommus barsiisota seeraa fi Fariisota keessaa jarri tokko Yesusiin, ?Yaa barsiisaa! Milikkita akka ati nu argisiiftu barbaanna? jedhan*. 39Inni garuu deebisee, ?Dhaloonni hamaanii fi gara gaggalaan milikkita in barbaada; garuu milikkita Yoonaas raajichaa irraa kan hafe milikkinni tokko illee hin kennamuuf*. 40Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira*. 41Namoonni Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa wajjin ka'anii in dhi'aatu, ittis in farachiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga'anii yaada garaa isaanii geddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira*. 42Mootuun biyya gara mirgaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin kaatte in mul'atti, ittis in farachiifti. Isheen ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf biyya fagoodhaa dhufteetti; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira? jedhe*.#38 16:1; Mar 8:11; Luq 11:16; Yoh 6:30; 1Qor 1:22 39 16:4; Mar 8:12 40 Yon 2:1 41 Yon 3:5,8 42 1Mot 10:1-10; 2Sen 9:1-12
Hafuurri Hamaan Ba'ee Deebi'uu Isaa
(Luq 11:24-26)
43Yesus, ?Hafuurri hamaan nama keessaa yommuu ba'u, iddoo itti aara galfatu barbaaduuf lafa bishaan hin jirre keessa in deddeebi'a; garuu tokko illee hin argatu. 44Kana booddees, ?Mana koo isa ani keessaa ba'ettan deebi'ee gala? jedha. Yommuu deebi'ee dhufus, manichi duwwaa isaa haramee, qopheeffamee in argata. 45Ergasii dhaqee hafuurota torba isa irra kan hammaatan of duukaa in fida; isaanis manichatti galanii keessa taa'u. Jireenyi namicha sanaa inni gara booddee isa duraa irra kan itti hammaatu ta'a; kan dhaloota hamaa kanaas akkasuma in ta'a? jedhe*.#45 2Phe 2:20
Haadha Yesusii Fi Obboloota Isaa
(Mar 3:31-35; Luq 8:19-21)
46Utuu Yesus namootaa wajjin dubbachaa jiruu, kunoo haati isaa, obboloonni isaas isaa wajjin dubbachuu barbaadanii dhufanii, ala in dhaabatu turan*. [ 47Yommus namni tokko, ?Ilaa! Haati kee fi obboloonni kee ala dhaabatanii jiru, sii wajjin dubbachuu barbaadus? ittiin jedhe.] 48Yesus garuu deebisee namicha isatti himeen, ?Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyufa'i?? jedhe. 49Harka isaas gara bartoota isaatiitti qabee, ?Kunoo ti haati koo, obboloonni koos! 50Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa kan godhu eenyu iyyuu, obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis? jedhe*.#46 13:55; Mar 6:3; Yoh 2:12; HoE 1:14 50 Yoh 15:14; Rom 8:29
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 12: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.