WANGEELA LUQAAS 4
4
Qoramuu Yesus
(Mat 4:1-11; Mar 1:12-13)
1Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebi'ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa afurtama geggeeffame, 2Seexanaanis qoramaa ture. Guyyaa sana hundaa homaa iyyuu hin nyaanne; dhuma guyyoota sanaattis in beela'e*. 3Seexanichi yommus Yesusiin, ?Dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaa kanaan buddeena ta'i jedhiitii abboomi!? jedhe. 4Yesus immoo deebiseefii, ?Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu? kan jedhu caafameera? jedhe*. 5Seexanichi itti aansee iddoo ol jedhaatti isa geessee, hamma liphsuu ijaatti mootummoota biyya lafaa guutummaatti isatti argisiise. 6Achumaan immoo, ?Kana hundumaa irratti aboo siif nan kenna, ulfina isaaniis siif nan dabala, isaan kun hundinuu anatti dabarfamaniiru; anis immoo abbaa ani jaalladheef nan kenna*. 7Kanaafis jilbeenfattee yoo anaaf sagadde hundinuu kan kee in ta'a? jedheen. 8Yesus immoo deebisee, ? ?Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen*. 9Seexanichi ammoo Yerusaalemitti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irra isa dhaabachiisee, ?Dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate as irraa gad of darbadhu!
10?Dhimmanii akka si eeganiif
ergamoota isaa siif in abbooma*,
11isaanis miilli kee dhagaatti akka hin buunetti
harka isaanii irratti si baatu?
kan jedhu caafameera? jedheen*.
12Yesus yommus, ? ?Waaqayyoon gooftaa kee gar-malee hin eeggatin? jedhameera? jedhee deebiseef*. 13Seexanichi immoo Yesusin karaa garaa garaatiin erga qoree, hamma yerootti isa biraa sokke*.#2 Ibr 4:15 4 Kes 8:3 6 Mat 28:18; 1Yoh 2:15-17 8 Kes 6:13 10 Far 91:11 11 Far 91:12 12 Kes 6:16; 1Qor 10:9 13 Ibr 4:15
Yesus Galiilaatti Hojii Isaa Jalqabuu Isaa
(Mat 4:12-17; Mar 1:14-15)
14Kana booddee Yesus humna hafuura qulqulluutiin gara Galiilaatti deebi'e. Oduun isaas biyya naannoo sana jiru hundumaatti odeeffame. 15Innis manneen sagadaa isaaniitti in barsiisa, hundinuus isa in jaja ture.
Yesus Naazireetitti Tuffatamuu Isaa
(Mat 13:53-58; Mar 6:1-6)
16Naazireet, lafa itti guddate dhufee, guyyaa Sanbataattis akkuma amala isaa mana sagadaa isaanii dhaqee, macaafa dubbisuudhaafis ka'e. 17Macaafa raajicha Isaayaas itti kenninaan, maraa macaafichaa diigee kutaa dubbiin kanatti fufee jiru itti caafame argatee dubbises.
18Inni, ?Hafuurri gooftichaa ana irra jira,
sagalee misraachoo warra gadadamootti
himuudhaaf na dibeera;
warra booji'amanitti
akka gad dhiifaman labsuudhaaf;
warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf;
warra cunqurfaman luba baasuudhaaf;
19waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf
na ergeera*? kan jedhu ture.#18-19 Isa 61:1-2
20Macaafichas maree, isa mana sagadaa sana keessa ergamutti kennee taa'e; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus ija isaanii isa irratti irraanfatan. 21Yommus Yesus, ?Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti har'a raawwatame? isaaniin jechuu jalqabe. 22Kana irratti hundinuu dhugaa galchaniifii, dubbii gaarii afaan isaa keessaa ba'utti dinqifachaa, ?Kun ilma Yoseef miti moo?? jedhanii gaafatan*. 23Inni immoo, ?Yaa abbaa qorichaa, ofii kee fayyisi, dura si irratti ilaalla, jettanii anatti mammaaktanii, akka isa Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye, akkasuma biyya abbaa keettis hojjedhu naan jechuun keessan hin oolu? ittiin jedhe*. 24Itti dabales immoo, ?Raajiin tokko illee biyya abbaa isaatti akka hin fudhatamne dhuguman isinitti hima*. 25Bara Eliyaas raajichaatti yommuu waggaa sadii fi ji'a ja'a bokkaan bade, biyya sana hundumaattis beelli guddaan ta'e, haadhotiin hiyyeessaa baay'een Israa'el keessa akka turan dhugaa dha*. 26Garuu Eliyaas gara haadha hiyyeessaa mandara Saraaphtaa, kutaa biyya Sidoon keessa jiraatutti malee, warra kaan keessaa gara tokkotti illee hin ergamne*. 27Akkasumas bara Elsaai raajichaatti Israa'el keessa dhukkuba lamxii kan qaban namoota baay'eetu ture; garuu Na'amaan namicha Soriyaa sana duwwaa malee, warra kaan keessaa tokko illee hin qulloofne? jedhe*. 28Mana sagadaa keessa kan turan hundinuu kana dubbachuu isaa yommuu dhaga'an, baay'ee isatti aaran. 29Kanaafis ka'anii Yesusin daddarbachaa, gara gubbee gaara mandarri isaanii irratti ijaarametti ol isa baasan; kana gochuun isaaniis fittee sana irraa ha'anii, gad isa darbachuudhaaf ture*. 30Inni garuu isaanuma gidduu darbee karaa isaa irra bu'e*.#22 3:23; Yoh 6:42 23 Mat 4:13; Yoh 2:12 24 Yoh 4:44 25 1Mot 17:1,9; 18:1; Yaq 5:17 26 1Mot 17:8-16 27 2Mot 5:1-14 29 HoE 7:58 30 Yoh 8:59; 10:39
Yesus Qifirnaahomitti Hafuura Hamaa Ifachuu Isaa
(Mar 1:21-28)
31Ergasii Yesus biyya Galiilaa keessaa, gara mandara Qifirnaahom jedhamu tokkootti gad bu'ee, guyyaa Sanbataatti immoo namoota in barsiisa ture*. 32Waan inni dubbate aboodhaan waan tureef, barsiisa isaatiin garaan isaanii in rukutame*. 33Kunoo namni hafuura hamaadhaan#Luq 4:33 Hafuura hamaadhaan yookiis ?Hafuura xuraa'aadhaan.? qabame tokko mana sagadaa sana keessa ture; inni sagalee guddaadhaan caraanee, 34?Ayee, yaa Yesus nama Naazireet, dhimma keenya keessa maaltu si buuse? Silaa nu balleessuu yaaddee dhuftee? Anoo eenyu akka ati taate si beeka, yaa qulqulluu Waaqayyoo? jedhe*. 35Yesus immoo, ?Gab jedhi, keessaas ba'i!? jedhe hafuuricha hamaa ifate. Yommus hafuurri hamaan sun namoota gidduutti namicha kuffisee, waan tokkoon illee utuu isa hin miidhin keessaa ba'e. 36Kana irratti isaan hundinuu na'anii dinqifatanii, ?Maal dubbiin akkasii? Hafuurota hamootas aboodhaa fi humnaan abbooma; isaanis in ba'u? waliin jedhan. 37Oduun isaas naanna'aa sana iddoo jiru hundumaatti dhaga'ame.#31 Mat 4:13; Yoh 2:12 32 Mat 7:28-29; Yoh 7:46 34 4:41; 8:28; Mat 8:29; Yoh 6:69
Yesus Dhukkubsatoota Baay'ee Fayyisuu Isaa
(Mat 8:14-17; Mar 1:29-34)
38Yesus mana sagadaatii ba'ee, mana Simoonitti ol gale; amaatiin Simoon dhukkuba dhagna-gubaa jabaadhaan qabamtee waan ciiftuuf, akka ishee fayyisuuf itti himaniif. 39Kanaaf itti dhi'aatee siree ishee bukkee dhaabatee, dhukkuba dhagna-gubaa sana ifate. Dhukkubichis ishee dhiise; isheen immoo yommusuma kaatee isaan keessumsiifte. 40Aduun yommuu lixe, dhukkubsatoota dhukkuba garaa garaatiin rakkachaa turan kan manaa qaban hundinuu, gara isaatti fidan; inni yeroo sana harka isaa tokkon tokkon isaanii irra kaa'ee isaan in fayyise. 41Yommus hafuuronni hamoonni Kristos akka inni ta'e beeku waan turaniif, iyyanii, ?Ati ilma Waaqayyoo ti? isaan jechaa, namoota baay'ee keessaa in ba'u turan; inni garuu isaan in ifata, kana dubbachuus isaan in dhowwa ture*.#41 4:34; Mat 8:29; Mar 3:11-12
Yesus Manneen Sagadaa Keessatti Lallabuu Isaa
(Mar 1:35-39)
42Yommuu bari'es achii adeemee gara iddoo namni hin jirree dhaqe; tuuti jaraa garuu isa in barbaadu turan. Yeroo isa argatan immoo, deebi'ee isaan dhiisee akka hin adeemne gochuudhaaf yaalaa turan. 43Inni garuu, ?Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame? isaaniin jedhe*. 44Akkasitti manneen sagadaa warra Yihudootaatti lallabaa ture*.#43 8:1 44 Mat 4:23; 9:35
Currently Selected:
WANGEELA LUQAAS 4: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.