WANGEELA LUQAAS 5
5
Waamamuu Phexrosii Fi Ilmaan Zabdewos
(Mat 4:18-22; Mar 1:16-20)
1Gaaf tokko Yesus bishaan ciisaa Genesaarex jedhamu bukkee in dhaabata ture; namoonni baay'een immoo dubbii Waaqayyoo isa irraa dhaga'uudhaaf wal dhiibuudhaan isatti bu'an. 2Bidiruu lama qarqara bishaanichaatti hidhamanii arge; qurxummi-qabduunis keessaa ba'anii kiyyoo isaanii in dhiqu turan. 3Bidiroota sana keessaa isa kan Simoon yaabee, Simoonin bidiruu isaa bishaanitti buusee, qarqara irraa xinnoo ishee gara gidduutti akka butuuf gaafate; achumaan taa'ee, bidiricha irraa jara in barsiisa ture*. 4Dubbii isaa erga dhaabee booddee, Simooniin, ?Gara tuujjubichaatti hiiqi; qurxummii qabuudhaafis kiyyoo keessan darbadhaa!? jedhe. 5Simoon immoo deebisee, ?Yaa barsiisaa, eda halkan guutuu baay'ee itti dadhabne, homaas hin qabne, amma garuu erga ati dubbattee dubbii keetiif jedhee kiyyicha nan darbadha? jedheen*. 6Isaan kiyyoo isaanii yommuu darbatan, kiyyoon isaanii hamma tarsa'uu ga'utti, qurxummii danuu qabatan*. 7Hiriyoonni isaanii bidiruu biraa keessa kan turan dhufanii akka isaan gargaaraniif hawwatan; isaanis dhufaniifii, baay'ina qurxummiitiif liqimfamuu hamma ga'anitti, bidiroota lachuu qurxummiidhaan guutan. 8Simoon Phexros waan ta'e kana yommuu arge, jilba Yesusitti kufee, ?Yaa gooftaa sitti dhi'aachuun anaaf hin ta'u, ani nama cubbamaa dha? jedhe. 9Simoonii fi isaa wajjin kan turan hundinuu waa'ee qurxummii danuu qabuu isaaniitiif na'anii, dinqifatan. 10Yaaqoobii fi Yohannis, ilmaan Zabdewos warri hojiidhaan hiriyoota Simoon turan, dubbii kana akkuma warra kaanii raajeffatan. Yesus yommus Simooniin, ?Hin sodaatin, si'achi immoo nama kan walitti qabdu in taata? jedhe. 11Bidiroota isaanii gara qarqaraatti erga baasanii booddee, hundumaa dhiisanii Yesus duukaa bu'an*.#1-3 Mat 13:1-2; Mar 3:9-10; 4:1 5 Yoh 21:3 6 Yoh 21:6 11 Mat 19:27
Yesus Namicha Lamxaa'aa Qulleessuu Isaa
(Mat 8:1-4; Mar 1:40-45)
12Yesus mandara tokkotti argame. Namichi dhagni isaa guutuun lamxaa'e tokkos achi ture; inni Yesusin yommuu arge, adda isaatiin lafa dha'ee, ?Yaa gooftaa fedha kee yoo ta'e na qulleessuu in dandeessa? jedhee isa kadhate. 13Yesus hiixatee qabees, ?Fedheera qullaa'i!? jedhe; achumaan namichi lamxii isaa irraa qullaa'e. 14Yesus immoo, ?Kana homaattuu hin himin, garuu dhaqi luba of ilaalchisi, akka Museen abboomettis fayyuun kee hundumaattuu haa mul'atuuf qullaa'uu keetiif kennaa kee dhi'eessi!? jedhee isa abboome*. 15Haa ta'u iyyuu malee, waa'een isaa caalaatti odeeffamnaan, namoonni lakkoobsa hin qabne isa dhaga'uudhaa fi dhukkuba isaaniittiis fayyifamuudhaaf gara isaatti dacha'an. 16Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke*.#14 8:56; Mar 7:36; Lew 14:1-32 16 Mar 1:35
Yesus Namicha Dhagni Isaa Gar Tokko Du'e Fayyisuu Isaa
(Mat 9:1-8; Mar 2:1-12)
17Gaaf tokko Yesus in barsiisa ture. Fariisonnii fi barsiisonni seeraas gandeen kutaa biyya Galiilaatii fi Yihudaatii, mandara Yerusaalemiis dhufanii, achi in taa'u turan. Humni Waaqayyoo gooftaa inni fayyisus Yesusii wajjin ture. 18Kunoos jarreen tokko nama dhagni isaa gar tokko du'e sireedhaan fidan; ol galchaniis Yesus dura kaa'uu yaalan. 19Garuu baay'ina namootaatiif karaa dhabnaan, mana yaabsisan; bantii mana [biyya sanaa isa diriiraa] saaqanii, akkuma siree irra ciisetti Yesus duratti gad buusan. 20Yesus amantii jarreen kanaa yommuu arge isa dhukkubsataadhaan, ?Namicha nana, cubbuun kee hundinuu siif dhiifameera? jedhe*. 21Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni, ?Eenyu namichi Waaqayyoon arrabsu kun? Waaqayyo duwwaa malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?? jedhanii guungumuu jalqaban*. 22Yesus yaada isaanii yommuu hubate, gaaffii isaan gaafate; ?Maaliif kana garaa keessanitti yaaddu*? 23Kamtu salphaa dha? Cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo yookiis ka'iitii adeemi jechuu? 24Garuu ilmi namaa lafa irratti dhiifamuu cubbuu kennuudhaaf aboo akka qabu beekaa!? jedhe. Achumaanis isa dhagni isaa gar tokko du'een, ?Sittan hima, ka'iitii siree kee fudhadhuu mana keetti gali!? jedheen*. 25Si'uma sana utuma isaan ilaalanii, ka'ee siree irra ciisaa tures fudhatee, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaa mana isaatti gale. 26Yommus hundumti isaanii abjuu ta'anii, Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan; naasuunis isaan qabate, ?Har'a dinqii takkaa hin ta'in argine? jedhan.#20 7:48 21 7:49; Isa 43:25 22 6:8 24 Yoh 5:8
Waamamuu Lewwii
(Mat 9:9-13; Mar 2:13-17)
27Yesus kana booddee achii ba'ee utuu adeemuu, qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko iddoo qaraxaa utuu taa'uu argee, ?Na duukaa bu'i!? jedheen. 28Kana irratti Lewwiin hundumaa dhiisee ka'ee, duukaa bu'e. 29Ergasii Lewwiin Yesusin simachuudhaaf mana isaatti cidha guddaa qopheesse; qaraxoonnii fi namoonni biraa baay'atanii isaanii wajjin maaddiitti taa'anii turan. 30Yommus Fariisonnii fi barsiisonni seeraa bartoota Yesus irratti guungumanii, ?Warra qaraxxuudhaa fi warra akka seeraatti hin jiraannee wajjin maaliif nyaattu? Maaliif dhugdus?? jedhanii gaafatan*. 31Yesus deebisee, ?Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee. 32Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, cubbamoota gara yaada garaa isaanii geddarachuutti waamuun dhufe malee? isaaniin jedhe.#29-30 15:1-2; 19:7
Gaaffii Waa'ee Soomii
(Mat 9:14-17; Mar 2:18-22)
33Yommus jarreen kun deebisanii Yesusitti dubbatanii, ?Bartoonni Yohannis si'a baay'ee in soomu in kadhatus, bartoonni Fariisotaas immoo akkasuma godhu, bartoonni kee garuu in nyaatu, in dhugus? jedhan. 34Yesus immoo, ?Utuu dhirsi misirroo isaanii wajjin jiruu warra cidhaa soomsisuu dandeessuu ree*? 35Guyyaan dhirsi misirroo isaan duraa itti fudhatamu dhufuuf jira; yommus in soomu? isaaniin jedhe.#34 Yoh 3:29
36Yesus fakkeenya kana immoo isaanitti hime, ?Homtinuu erbee uffata haaraa irraa tarsaasee uffata moofaatti hin erbu. Kana yoo godhe, uffata haaraa isa irraa tarsaase sana in balleessa; erbeen isaas isa moofaa wajjin wal hin fudhatu. 37Homtinuus daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqu; kana yoo godhe daadhichi qodicha in dhoosa in dhangala'as, lachanuus in badu. 38Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu. 39Namni daadhii ba'aa erga dhugee booddee daadhii xobbee hin barbaadu, isa ba'aatu wayya in jedha? jedhe.
Currently Selected:
WANGEELA LUQAAS 5: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.