YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA LUQAAS 6

6
Gaaffii Waa'ee Sanbataa
(Mat 12:1-8; Mar 2:23-28)
1Guyyaa Sanbataa tokkos Yesus maasii qamadii keessa darba ture; bartoonni isaa immoo asheetii ciranii, sukkuumanii nyaatan*. 2Yommus Fariisota keessaa jarreen tokko, ?Guyyaa Sanbataatti gochuun seeraan kan dhowwame maaliif gootu?? jedhanii isaan in gaafatan*. 3Yesus isaaniif deebisee, ?Daawit namoota isaa wajjin yommuu beela'e waan godhe hin dubbifne moo isin*? 4Innoo mana Waaqayyootti galee, buddeena ilaalchaa Waaqayyoof kan dhi'aate fudhatee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kenne; kun immoo luboota duwwaa irraa kan hafe warri kaan nyaachuun seeraan dhowwamee ture? jedhe*. 5Itti dabalees, ?Ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha? isaaniin jedhe.#1 Kes 23:25 2 Yoh 5:10 3-4 1Sam 21:1-6; Lew 24:9
Yesus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa
(Mat 12:9-14; Mar 3:1-6)
6Sanbata biraa tokkottis Yesus gara mana sagadaatti galee barsiise; namni harki isaa mirgaa naafate tokkos achi keessa ture. 7Barsiisonni seeraa fi Fariisonni ittiin Yesusin hadheessuudhaaf, mee Sanbataan namicha kana fayyisa yoo ta'e, jedhanii isa gaadan*. 8Yesus garuu waan jarri garaatti yaadan beekee, namicha harki isaa naafate sanaan, ?Ka'i, as gara fuula duraa kottu!? jennaan, namichi ka'ee fuula dura dhaabate*. 9Yommus Yesus jaraan, ?Isinuman gaafadha, seerri keenya guyyaa Sanbataatti maal akka goonu nu abbooma? Gaarii hojjechuu moo hamaa? Lubbuu namaa oolchuu moo yookiis balleessuu?? jedhe*. 10Naannoo isaa kan turan hundumaas tokko tokkoon erga ilaalee booddee namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe; kana irratti inni harka isaa diriirse, harki isaas deebi'ee fayye.
11Isaan garuu baay'ee aaran, achumaanis Yesusin maal gochuu akka danda'an walii wajjin mari'atan*.#7 14:1 8 5:22; 9:47; Mat 9:4; 12:25 9 14:3 11 Yoh 11:47
Yesus Bartoota Kudha Lamaan Fo'achuu Isaa
(Mat 10:1-4; Mar 3:13-19)
12Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule. 13Bariinaan bartoota isaa kan turan hundumaa ofitti waamee, isaan keessaas kudha lama fo'ate; warri inni ergamoota jedhee waame isaan kana*. 14Maqaan isaaniis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, Indriiyaas obboleessa Phexros, Yaaqoob, Yohannis, Filiphos, Bartolomewos, 15Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame, 16Yihudaa ilma Yaaqoob, Yihudaa nama biyya Keriyot; inni immoo booddee Yesusin dabarsee isa kennee dha*.#13 Yoh 6:70 14-16 HoE 1:13
Yesus Barsiisuu Isaa Fi Fayyisuu Isaa
(Mat 4:23-25)
17Yesus isaanii wajjin gaaricha irraa gad bu'ee, iddoo diriiraa tokko dhaabate. Bartoota isaa warra hafan keessaa baay'een, Yihudaa hundumaa keessaa Yerusaalem keessaas akkasumas mandaroota galaana bukkee, Xiiroosii fi Sidoon keessaas sabni lakkoobsa hin qabne isaanii wajjin turan. 18Isaan kun isa dhaga'uudhaa fi, dhukkuba isaaniittiis fayyuudhaaf dhufan; warri hafuura hamaadhaan rakkachaa turanis in fayyan. 19Tuuti jaraas humni isa biraa ba'ee, hunduma isaanii in fayyisa waan tureef, hundinuu harka isaaniitiin isa tuquudhaaf in yaalu turan*.#19 5:17; 8:46
Waa'ee Warra Gammadanii Fi Warra Gaddanii
(Mat 5:1-12)
20Yommus inni gara isaaniitti gara galee bartoota isaa do'atee, isaanitti dubbate;
?Gammadaa isin gadadamoota nana,
mootummaan Waaqayyoo kan keessan*.
21Gammadaa isin amma kan beeloftan,
quufuudhaaf jirtu;
gammadaa isin amma kan boossan,
kolfuudhaaf jirtu*.
22Ilma namaatiif jedhanii
namoonni yommuu isin jibban,
yommuu isin qoodan,
yommuu isin arrabsan,
yommuu maqaa keessan hadheessanis gammadaa*!
23Abaabiliin isaaniis raajota akkasuma gochaa turan;
egaa, yeroo sanatti gammadaa, quruphisaas,
waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta'a*.
24Garuu wayyoo isin warra geessifattaniif,
qannoo keessaniif kan ta'u argattaniittu*.
25Wayyoo isin warra amma quuftaniif,
beela'uudhaaf jirtu;
wayyoo isin amma kan kolfitaniif,
wawwaachuuf, boo'uufis jirtu*.
26Wayyoo isiniif namni hundinuu yoo isin jajate,
abaabiliin isaaniis raajota sobduu
akkasuma gochaa turan? jedhe*.#20 Yaq 2:5 21 Mul 7:16-17; Far 126:5-6; Isa 61:3 22 Yoh 15:18-19; 16:2; 1Phe 4:14 23 2Sen 36:16; HoE 7:52 24 Yaq 5:1 25 Yaq 4:9 26 Yaq 4:4
Waa'ee Diinota Jaallachuu
(Mat 5:38-48)
27Yesus itti fufee, ?Ani garuu isin warra na dhageessaniin, diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha*. 28Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa*! 29Namni maddii kee gara tokkoo yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo si irraa fudhate, qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin*! 30Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin! 31Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa*! 32Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu warra isaan jaallatan in jaallatu. 33Warra gaarii isiniif godhan duwwaadhaaf gaarii yoo gootan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu akkasuma in godhu. 34Warra isinii baasan duwwaadhaaf yoo liqeessitan galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu isuma liqeessan deebisanii argachuudhaaf cubbamoota akka isaaniif in liqeessu*. 35Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa, nuuf baasu jettanii utuu hin abdatinis liqeessaa! Gatiin keessan guddaa in ta'a, ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha. 36Abbaan keessan oo'a-qabeessa akka ta'e isinis oo'a-qabeeyyii ta'aa!? jedhe.#27 Rom 12:20 28 Rom 12:14 29 Yoh 18:22-23; HoE 23:3 31 Mat 7:12 34 Lew 25:35-37
Waa'ee Namatti Faraduu
(Mat 7:1-5)
37Yesus itti fufee, ?Namatti hin faradinaa isinittis hin faradamu; yakka hin murinaa yakki isinitti hin muramu; haa hafu jedhaa, Waaqayyos isiniif haa hafu in jedha*. 38Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe*.#37 Mat 6:14 38 Mar 4:24; 2Qor 9:6
39Yesus ammoo fakkeenya kana isaanitti hime; ?Namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa argisiisuu danda'aa? Lachanuus wal fudhatanii bowwaa keessa hin bu'anii ree*? 40Bartuun tokko barsiisaa isaa hin caalu; yoo ta'e illee guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa ta'a*. 41Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? 42Obboleessa keetiinis attamitti, ?Yaa obboleessa koo lakkii huuba ija kee keessaa sanan sii baasa? jettaani ree? Atoo utubicha ija kee keessa jiru hin argine iyyuu dha; ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa? jedhe.#39 Mat 15:14; 23:16 40 Mat 10:24-25; Yoh 13:16; 15:20
Muka Tokkoo Fi Ija Isaa
(Mat 7:17-20)
43Yesus barsiisa isaa itti fufee, ?Mukti ba'eessi ija gadhee hin godhatu akkasumas mukti gadheen ija ba'eessa hin godhatu. 44Mukti hundinuu ija inni godhatuun in beekama; harbuun baalaanwaraanteettii, iji wayniis kombolchattii hin ciramu*. 45Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata? jedhe*.#44 Mat 12:33 45 Mat 12:34-35
Mana Ijaartota Lamaan
(Mat 7:24-27)
46Yesus itti dabalee, ?Maaliif waanan isinitti himu utuu hin godhin, yaa gooftaa, yaa gooftaa naan jettu*? 47Gara koo kan dhufu, dubbii koos kan dhaggeeffatu, kan isa raawwatus, waan inni fakkaatu isinittan mul'isa. 48Inni nama boolla gad fageessee qotee, hundee mana isaa dhagaa irra dhaabee ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee, manii isaa irra danbali'ee, manichattis bu'e; garuu isa sochoosuu hin dandeenye, hundeen isaa jabaatee ijaarameera. 49Namni dubbii koo dhaggeeffate hin raawwanne garuu, nama hundee mana isaa gad fageessee utuu hin dhaabin, biyyoo irratti ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee yommuu itti bu'etti, manichi tokkichumaan jige, jiguun isaas badduu baasa ta'e? jedhe.#46 Mil 1:6; Mat 7:21; Yaq 1:22-25

Currently Selected:

WANGEELA LUQAAS 6: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in