1
WANGEELA LUQAAS 6:38
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam'u, guutees kan irra dhangala'utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama? jedhe*.
Compare
Explore WANGEELA LUQAAS 6:38
2
WANGEELA LUQAAS 6:45
Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata? jedhe*.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:45
3
WANGEELA LUQAAS 6:35
Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa, nuuf baasu jettanii utuu hin abdatinis liqeessaa! Gatiin keessan guddaa in ta'a, ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:35
4
WANGEELA LUQAAS 6:36
Abbaan keessan oo'a-qabeessa akka ta'e isinis oo'a-qabeeyyii ta'aa!? jedhe.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:36
5
WANGEELA LUQAAS 6:37
Yesus itti fufee, ?Namatti hin faradinaa isinittis hin faradamu; yakka hin murinaa yakki isinitti hin muramu; haa hafu jedhaa, Waaqayyos isiniif haa hafu in jedha*.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:37
6
WANGEELA LUQAAS 6:27-28
Yesus itti fufee, ?Ani garuu isin warra na dhageessaniin, diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha*. Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa*!
Explore WANGEELA LUQAAS 6:27-28
7
WANGEELA LUQAAS 6:31
Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa*!
Explore WANGEELA LUQAAS 6:31
8
WANGEELA LUQAAS 6:29-30
Namni maddii kee gara tokkoo yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo si irraa fudhate, qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin*! Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin!
Explore WANGEELA LUQAAS 6:29-30
9
WANGEELA LUQAAS 6:43
Yesus barsiisa isaa itti fufee, ?Mukti ba'eessi ija gadhee hin godhatu akkasumas mukti gadheen ija ba'eessa hin godhatu.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:43
10
WANGEELA LUQAAS 6:44
Mukti hundinuu ija inni godhatuun in beekama; harbuun baalaanwaraanteettii, iji wayniis kombolchattii hin ciramu*.
Explore WANGEELA LUQAAS 6:44
Home
Bible
Plans
Videos