Seexanichi itti aansee iddoo ol jedhaatti isa geessee, hamma liphsuu ijaatti mootummoota biyya lafaa guutummaatti isatti argisiise. Achumaan immoo, ?Kana hundumaa irratti aboo siif nan kenna, ulfina isaaniis siif nan dabala, isaan kun hundinuu anatti dabarfamaniiru; anis immoo abbaa ani jaalladheef nan kenna*. Kanaafis jilbeenfattee yoo anaaf sagadde hundinuu kan kee in ta'a? jedheen. Yesus immoo deebisee, ? ?Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!? kan jedhu caafameera? jedheen*.