YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA YOHANNIS 21

21
Yesus Ammas Bartootatti Mul'achuu Isaa
1Kana booddee Yesus ciisa bishaan Xiberiyaas bukkeetti ammas bartootatti of mul'ise; akka kanatti aanee jirutti of mul'ise. 2Simoon Phexros, Toomaas inni ?Diidimos? jedhamu, Naataanaa'el inni Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewos, lamas bartoota warra kaan keessaa walii wajjin turan*. 3Yommus Simoon Phexros, ?Ani qurxummii qabuu nan dhaqa? isaaniin jedhe; isaanis, ?Nuyis sii wajjin in dhaqna? jedhaniin; gad ba'aniis bidiruu yaabbatan. Halkan sana garuu waan tokko hin qabne*.#2 11:16; 20:24; 1:45 3 Luq 5:5
4Erga boruun baqaqee immoo Yesus qarqara bishaanii dhaabatee ture; bartoonni garuu Yesus ta'uu isaa hin barre*. 5Yesus yommus, ?Ijoollee! Qurxummii waa of biraa hin qabdanii?? isaaniin jedhe; isaan immoo, ?Waawuu? jedhanii deebisaniif*. 6Inni immoo, ?Bidiricha bukkee gara mirgaatiin kiyyoo darbadhaa in argattus!? isaaniin jedhe. Isaanis kiyyicha darbatanii, baay'ina qurxummii irraa kan ka'es isa harkisuu dadhaban*. 7Bartuun inni Yesus jaallate immoo, ?Innoo gooftaa dha? jedhee Phexrositti dubbate. Simoon Phexros, inni gooftaa akka ta'e, yommuu dhaga'e, qomee isaa isa of irraa baasee ture uffatee bishaanitti gad utaale*. 8Bartoonni warri kaan immoo bidiruu keessa taa'anii, kiyyoo isa qurxummiin keessa guute harkisaa dhufan; isaan akka dhundhuma dhibba lamaa malee qarqara bishaanii irraa fagoo hin turre.#4 20:14; Luq 24:16 5 Luq 24:41 6 Luq 5:4-7 7 13:23; Mat 14:28-29
9Yommuu gara lafaatti ba'an immoo buddeenaa fi qurxummii barbadaa ibiddaa irra jiru argan. 10Yesus, ?Qurxummii isuma amma qabdan irraa waa fidaa!? isaaniin jedhe. 11Kanaaf Simoon Phexros bidiricha yaabee, kiyyoo isa qurxummii gurguddaan dhibbaa fi shantamii sadii keessa guute, gara lafaatti harkise; utuma qurxummiin hamma kana baay'atuu immoo kiyyoon hin tarsaane*. 12Yesus yommus, ?Kottaa afaan bule baafadhaa!? isaaniin jedhe. Bartoota keessaa immoo tokko illee ija jabaatee, ?Ati eenyu?? kan jedheen hin jiru; isaan gooftaa ta'uu isaa baraniiru. 13Yesus dhufee buddeenicha fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe*. 14Yesus du'aa erga kaafamee, kanaan si'a sadaffaa bartoota isaatti of mul'isuu isaa ti*.#11 Luq 5:6 13 6:11; Mat 14:19; 15:36; HoE 10:41 14 20:19,26
Yesus Phexrosin Gaafachuu Isaa
15Erga afaan bule baafatanii booddee Yesus, Simoon Phexrosiin, ?Simoon ilma Yohannis! Isa warri kun na jaallatan caalaa ana jaallattaa ree?? jedhe; inni immoo, ?Eyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta? jedheen. Yesus deebisee, ?Ilmoolee koo tiksi!? jedhe*. 16Si'a lammaffaas Yesus, ?Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?? jedheen; yommusis inni, ?Eyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta? jedhee deebiseef. Yesus immoo, ?Hoolota koo eegi!? jedheen*. 17Si'a sadaffaas Yesus, ?Simoon ilma Yohannis, ana jaalattaa ree?? jedheen. Phexros immoo waan inni si'a sadaffaa ?Ana jaalattaa ree? ittiin jedheef in gadde; deebise immoo, ?Gooftaa, ati waan hundumaa in beekta; akkan si jaalladhus atuu in hubatta? jedheen; Yesus immoo, ?Hoolota koo tiksi*! 18Dhuguma, dhuguman siin jedha, ati dargaggeessa yommuu turte ofuma keetiin mudhii kee hidhattee, gara jaallatte in dhaqxa turte; yommuu dulloomtu garuu ati harka kee in diriirsita, kan biraas mudhii kee si hidha, fuudhees gara ati hin jaallannetti si geessa? ittiin jedhe*. 19Kanas, Phexros du'a maaliitiin Waaqayyoof ulfina kennuuf akka jiru mul'isuuf dubbate; dubbii kana booddee immoo, ?Na duukaa bu'i!? ittiin jedhe*.#15 1:42; Luq 5:8-10; Mat 16:17; Yoh 13:37 16 Luq 22:32; 1Phe 5:2-4 17 13:38; 16:30; 2:25; HoE 20:28 18 21:7; Mat 16:22-23; HoE 21:11; 2Phe 1:14 19 12:33; 13:36; 1Phe 4:16
Yesus Waa'ee Bartuu Isa Kaanii Dubbachuu Isaa
20Phexros gara galee bartuu isa Yesus in jaallata ture isaan duukaa utuu dhufuu in arge; bartuun kun isa irbaata irratti isatti jedhee, ?Gooftaa, eenyu inni dabarsee si kennuuf jedhu?? jedhee gaafatee turee dha*. 21Phexros yommuu isa arge, Yesusiin, ?Gooftaa, inni kun immoo attam ta'a?? jedhe. 22Yesus immoo, ?Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade maaltu si dhibe? Atumtuu ana duukaa bu'i!? jedheen*. 23Achumaanis oduun, ?Bartuun kun hin du'u? jedhu obboloota keessatti odeeffame. Yesus garuu, ?Hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade, maaltu si dhibe?? jedheen malee, ?Inni hin du'u? hin jenne.#20 13:23,25 22 Mat 16:28
24Inni dubbii kanaaf dhugaa ba'u, kan kana hundumaa caafes bartuudhuma kana; nuyis akka dhugaan isaa amanamaa ta'e in beekna*. 25Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay'een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda'u anatti fakkaata*.#24 15:27; 19:35; 3Yoh 12; Mul 1:2 25 20:30

Currently Selected:

WANGEELA YOHANNIS 21: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in