HOJII ERGAMOOTAA 1
1
Ittiin Lixa
1Yaa ulfaataa Tewofilos!
Macaafa koo isa kanaan duraa keessatti, waan Yesus hojjetee fi barsiise hundumaa caafeera*. 2Kunis immoo jalqaba isaatii kaasee, hamma guyyaa inni ergamoota isaa warra fo'ate hafuura qulqulluudhaan abboomee, gara waaqaatti ol fudhatametti kan ta'ee dha*.#1 Luq 1:1-4 2 Mat 28:19; Mar 16:19; Luq 24:49-51; Yoh 20:21-22
Jiraataa Ta'uu Yesusii Fi Abdii Hafuura Qulqulluu
3Yesus du'a isaa booddee immoo jiraataa akka ta'e, deddeebi'ee karaa hin mamsiifneen isaanitti of mul'ise; guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate*. 4Isaanii wajjin utuu jiruus, ?Abdii abbaan koo isiniif kenne, isa ani isinitti hime sana eeggadhaa malee, Yerusaalemii hin ba'inaa!? jedhee isaan abboome*. 5Itti dabalees, ?Yohannis bishaaniin cuuphe, isin garuu guyyaa baay'ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu? jedhe*.#3 Yoh 20:19-30; 1Qor 15:4-8 4 10:41; Luq 24:49; Yoh 14:16; 15:26 5 Mat 3:11; Mar 1:8; Luq 3:16; Yoh 1:33; HoE 2:4; 11:15-17
Yesus Gara Waaqaatti Ol Fudhatamuu Isaa
6Yeroo walitti qabamanitti ergamoonni, ?Yaa gooftaa, si'a kana Israa'eliif mootummaa deebiftaafii ree?? jedhanii gaafatan*. 7Inni immoo, ?Yeroo yookiis bara abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne*. 8Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu? isaaniin jedhe*. 9Dubbii kana dubbatees, utuma isaan ilaalanii gara waaqaatti ol fudhatame; duumessi isa simate, ija isaanii duraas in dhokse*. 10Utuma isaan karaa inni ol ba'e sanattii ija hin buqqifatin, kunoo namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bukkee dhaabatanii*, 11?Isin namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii waaqa keessa ilaalaa jirtu? Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa? jedhaniin*.#6 Luq 19:11; 24:21 7 Mar 13:32 8 5:32; Mat 28:19; Mar 16:15; Luq 24:47-48; Yoh 15:27 9 Mar 16:19; Luq 24:50-51; Yoh 6:62 10 Luq 24:4 11 Mat 26:64; Luq 21:27; Mul 1:7
Waa'ee Isa Iddoo Yihudaa Bu'uu
12Kana booddee ergamoonni gaara ejersaatii gara Yerusaalemitti deebi'an; gaarichi mandaricha irraa adeemsa guyyaa Sanbataa, kunis akka dhundhuma kuma lamaa in fagaata ture. 13Yommuu deebi'an immoo mana isa keessa turan kutaa olaanutti galan. Isaanis Phexros, Yohannis, Yaaqoob, Indriiyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekamee fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan*. 14Isaan kun hundinuu dubartoota tokkoo wajjin, Maariyaam haadha Yesus, obboloota isaa wajjinis yaada tokkoon kadhataaf of kennanii turan*. 15Gidduu sana Phexros walga'ii, amantoota#HoE 1:15 Amantoota Grii ?Obboloota.? akka nama dhibbaa fi digdamaa ta'an keessa dhaabatee, 16?Obboloota nana, dubbiin macaafaa inni hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin waa'ee Yihudaaf dubbate, raawwatameera; innoo warra Yesusin qabuu dhaqan dura adeemee argisiise*. 17Inni nuu wajjin lakkaa'amee, hojii kanas nuyii wajjin hojjechuudhaaf fuula qabatee ture. 18Namichi kun, horii isa hojii jal'inaa hojjetee argate sanaan, lafa bitate; ofii isaa mataadhaan kufee tarsa'ee, mar'umaan isaas bakkee guute*. 19Kunis warra Yerusaalem jiraatan hundumaa biratti beekame, lafichis afaan isaaniitti ?Akeldaamaa? jedhamee waamame, hiikuun isaas ?Lafa dhiigaa? jechuu dha.
20Macaafa faarfannaa keessatti,
?Qe'een isaa haa onu,
isa keessa jiraachuufis tokko illee hin argamin!?
Akkasumas, ?Hojii inni geggeessuuf itti waamame,
namni kan biraa haa fudhatu? kan jedhu caafameera*.#13 Mat 10:2-4; Mar 3:16-19; Luq 6:14-16 14 2:1; Mat 13:55; Luq 24:53 16 Far 41:9; Yoh 13:18 18 Mat 27:3-8 20 Far 69:25; 109:8
21?Kanaafis yeroo itti Yesus gooftaan nu gidduu deddeebi'aa ture hundumaatti, warra nuu wajjin turan keessaa nama tokko nu barbaachisa*. 22Innis yeroo cuupphaa Yohannisii jalqabee, hamma guyyaa gooftaan itti nu biraa ol fudhatametti, nu gidduu kan ture, nuu wajjin dhuga-baatuu du'aa ka'uu isaa ta'uun irra jira? jedhe*. 23Achumaan namoonni lama maqaan isaanii dha'ame; isaanis Yoseef isa Baarsaabaas yookiis Yosxos jedhamee waamamu, akkasumas immoo Maatiyaas isa jedhamu turan.
24Warri walitti qabaman sun, ?Gooftaa, garaa namoota hundumaa beektu, isaan kana lamaan keessaa isa fo'atte mul'isi*! 25Hojiidhaaf ergaa Yihudaan irraa gara gale, gara iddoo isaaf ta'u dhaqe kana haa fudhatuuf? jedhanii kadhatan*. 26Yommus isaan lamaaniif muka buufnaan, Maatiyaasiif ba'e; inni kana irratti ergamoota kudha tokkon sanatti dabalame*.#21 Yoh 15:27 22 10:37-41; Mat 3:16; Mar 1:9; 16:19; Luq 3:21; 24:51 24 15:8; 1Sam 16:7; Luq 16:15 25 Far 109:8 26 Fak 16:33
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.