YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA YOHANNIS 20

20
Yesus Du'aa Ka'uu Isaa
(Mat 28:1-10; Mar 16:1-8; Luq 24:1-12)
1Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite*. 2Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, ?Goofticha awwaala keessaa fudhataniiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeknu!? jettee isaanitti himte*.#1 20:19; HoE 20:7 2 13:23
3Yommusumas Phexrosii fi bartuun inni kaan ba'anii, gara awwaalichaa dhaqan. 4Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga'e. 5Innis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne. 6Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa'amee arge. 7Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa'amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee*. 8Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes. 9Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne*. 10Kana booddee bartoonni deebi'anii manatti galan.#7 11:14 9 Luq 24:25-27,44-46; HoE 2:27,31; 1Qor 15:4; Isa 53:10-12; Far 16:10
Yesus Maariyaam Ishee Magdalaatti Of Mul'isuu Isaa
(Mar 16:9-11)
11Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte. 12Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite. 13Isaan yommus, ?Dubartii nana, maaliif boossa?? jedhanii ishee gaafatan; isheen immoo, ?Gooftaa koo fudhataniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku? jettee isaaniif deebifte*. 14Kana jechaa yommuu gara galte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta'uu isaa hin barre*. 15Yesus immoo, ?Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?? jedhee ishee gaafate; isheen illee, kun eegduu dha jettee, waan yaadeef, ?Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida? ittiin jette*.#13 20:2 14 21:4; Luq 24:16 15 19:41
16Yommus Yesus, ?Maariyaam!? isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti gara galte afaan Ibraayisxiitiin, ?Rabbuunii!? ittiin jette; kana jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha. 17Yesus immoo, ?Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqi, ?Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a? jedhii isaanitti anaaf himi!? jedhee ishee abboome*. 18Ergasii Maariyaam isheen Magdalaa dhuftee, ?Ani goofticha argeera, inni dubbii kana anatti dubbateera? jettee bartootatti in himte.#17 6:62; Rom 8:29; Ibr 2:11-12
Yesus Bartoota Isaatti Of Mul'isuu Isaa
(Mat 28:16-20; Mar 16:14-18; Luq 24:36-49)
19Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe*. 20Kana erga jedhee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bartoonnis goofticha arganii gammadan*. 21Yesus ammas itti deebi'ee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe; itti fufees, ?Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga? jedhee isaanitti dubbate*. 22Kana jechaa hafuura isaanitti baafatee, ?Hafuura qulqulluu fudhadhaa*! 23Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru? isaaniin jedhe*.#19 20:1; 7:13; 9:22; 19:38; 20:26 20 19:34; 16:22; 1Yoh 1:1 21 14:27; 17:18 22 7:39; HoE 2:1-4,38; 1Qor 15:45 23 Mat 16:19; 18:18
Yesus Toomaasitti Of Mul'isuu Isaa
24Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni ?Diidimos? jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre*. 25Bartoonni warri kaanis, ?Goofticha argineerra? jedhanii itti himan; inni garuu, ?Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!? isaaniin jedhe*.#24 11:16; 14:5; 21:2 25 19:34; 20:20
26Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe*. 27Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe*. 28Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef*. 29Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe*.#26 20:19 27 Luq 24:39-40 28 1:1 29 1Phe 1:8; Ibr 11:1,27
Sababii Wangeelichi Caafameef
30Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera*. 31Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman*.#30 2:11; 12:37; 21:25 31 3:16; 6:69; Mat 16:16; 1Yoh 5:13; Rom 1:17

Currently Selected:

WANGEELA YOHANNIS 20: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in