Macaafa Isaayaas Raajichaa 66
66
Waa'ee Firdii Fi Waa'ee Abdii Himuu Isaa
1Waaqayyo,<<Bantiin waaqaa teessoo koo ti,
laftis ejjeta miilla kootii ti,
eessatti mana anaaf ijaartu>>
Iddoon boqonnaa kootiis eessa*>>
2Kana hundumaa harka kootu hojjete,
wanti kun hundinuus
akkasuma in ta'an;
ani gara isa gad deebi'aa fi
isa hafuura cabaa,
gara isa yommuun itti dubbadhu hollatuu nan ilaala*.#1 1Mot 8:27; Hag 1:3-8; faaru 2:1; Mat 5:34-35; HoE 7:49-50; 17:24 2 57:15
3<<Namni korma qalee
aarsaa anaaf dhi'eessu,
akka waan nama ajjeesee ti;
namni hoolaa qalee
aarsaa anaaf dhi'eessu,
akka waan saggoo saree kutee ti;
namni kennaa midhaanii
aarsaa anaaf dhi'eessu,
akka nama dhiiga boyyee
anaaf dhi'eessuu ti;
namni aarsaa ixaanaa dhi'eessu,
akka nama waaqayyolii
tolfamoo waaqessuu ti;
warri akkas godhan karaa oofii isaanii in fo'atu,
hojii oofii isaanii isa ciiggaasisaatti in gammadu*.
4Yommuun isaan waame
isaan ana jalaa waan hin oowwaatiniif,
yommuun isaanitti dubbadhes
isaan waan anaaf hin dhaga'iniif,
ani isaan adabuu nan barbaada,
naasuus isaanitti nan fida;
isaan ana duratti hamaa in hojjetan,
wanta ani jibbus
in fo'atan>> jedhe*.#3 1Sam 15:22-23; Isa 65:4 4 65:12
5Isin warri sagalee isaa dhageessanii hollattan,
dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!
Waaqayyo,
<<Obboloonni keessan warri
maqaa kootiif jedhanii
isin jibbanii, tokkummaa isaanii
keessaa isin baasan,
warri,<<Mee Waaqayyo haa galateeffamu!
Nus gammachuu keessan in argina>>
jedhanii isinitti ga'isan in yeellaasifamu*.
6Waca isa mandara keessaa,
sagalee isa mana qulqullummaa
keessaas dhaggeeffadhaa!
Kunis sagalee, Waaqayyo
isa diinota isaatiif
gatii isaanii kennuufiitti jiruu ti.#5 Luq 6:22
7<<Dubartiin utuu hin ciniinsifatin,
utuu dhukkubbiin itti hin dhaga'aminis
ilma in deessii>>
8Namni wanta akkasii dhaga'ee beeku,
wanta akkasii argee beekus jiraa>>
Lafti, miixuu guyyaa tokkootiin,
saba tokko si'a tokkotti
of keessaa in baaftii ree>>
Xiyoon garuu akkuma miixatteen ilmaan in deesse*.
9Wanta ani dhalachuu biraan ga'e
akka inni hin dhalanne nan godhaa ree>>
Akka inni dhalatu kanan godhus
gadameessa nan cufaa ree?>>
jedha Waaqayyo keessan*.
10Yerusaalemii wajjin gammadaa,
isheedhaafis ililchaa!
Warri ishee jaallattan hundinuu,
warri isheedhaaf
boo'aa turtan hundinuus
guddisaatii isheedhaa wajjin gammadaa*!
11Isin harma ishee isa nama jajjabeessu
hootanii in quuftu,
guutummaa ulfina ishee irraas
waraabbattanii itti in gammaddu.#7-8 49:20-21; 60:22 9 37:3 10 Far 122:6
12Waaqayyo,<<Kunoo! Ani nagaa
akka yaa'aa bishaanii ishee keessa nan yaasa,
badhaadhummaa saba lafa irraas
akka burqaa bishaanii
ishee keessa nan lolaasa;
isin akka aannaniitti isa in dhugdu,
akka mucaatti kaasuu ishee irratti in baatamtu,
gudeeda ishee irrattis in ururfamtu*.
13Haati mucaa ishee akkuma urursitu,
anis akkasuma isin nan urursa;
Yerusaalem keessatti
jajjabina in argattu*.
14Isin kana yommuu argitan in gammaddu,
akka margaas in laliftu;
irreen ana Waaqayyoo,
garboota koo biratti in beekama;
diinonni koo garuu dheekkamsa koo in argu>> jedha.#12 49:22; 60:4 13 49:15; Far 131:2
15Kunoo! Waaqayyo ibiddaan in dhufa,
konkolaataan isaas akka bubbee ti;
inni aarii dheekkamsaatiin,
bobaa ibiddaatiinis in ifata*.
16Waaqayyo ibiddaa fi billaa isaatiin
nama hundumaatti in farada,
namoota baay'ees in fixa*.#15 Far 50:3; Mul 19:11-15 16 Er 25:30-31; Mul 19:15
17Waaqayyo,<<Warri iddoo dhaabaatti Waaqayyittii tolfamtuu ishee achi keessa jirtuuf hojjechuudhaaf of qopheessanii fi of qulleessan hundinuu, warri foon boyyee nyaatan, warri foon hantuutaa nyaatan, warri wanta ciiggaasisaa nyaatan hundinuus walii wajjin in dhumu*. 18Ani hojii isaanii fi yaada isaanii beeka; kanaafis dhufee saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa walitti nan qaba; isaanis dhufanii ulfina koo in argu. 19Ani isaan gidduu milikkita nan dhaaba; warra isaan keessaa baqatanii oolanis gara saba Tarshiish, gara saba Fux, gara saba Lud, gara saba Meshek, gara saba Tubaalii fi Yaawaanitti, gara saba biyya galaana gidduu jiran warra fagootti, gara warra maqaa koo hin dhaga'in, ulfina koos hin argin jiraniitti nan erga; isaan saba lafa irraa gidduutti ulfina koo in himu. 20Isaan akka nama anaaf aarsaa dhi'eessuutti saba lafa irraa hundumaa keessaa obboloota keessan fardaan, konkolaataadhaan, konkolaataa mi'a baatuun, gaangoodhaan, gaalaanis gara tulluu koo isa qulqullaa'aatti gara Yerusaalemitti in fidu; akkuma ijoolleen Israa'el kennaa midhaanii qodaa qulqullaa'aatti mana qulqullummaa kootti dhi'eessan, isaanis akkasuma obboloota keessan in dhi'eessu*. 21Ani immoo isaan keessaa gar tokko lubootaa fi Lewwoota akka ta'aniif nan fo'adha.#17 1:29; 65:3-4; Lew 11:1-23 20 6:3-7
22<<Akkuma bantiiwwan waaqaa haaraanii fi lafti haaraan warri ani uumu ana dura jiraatan, akkasuma sanyiin keessanii fi maqaan keessan fuula koo dura in jiraata*. 23Ayyaana baatii ji'a hundumaatti, Sanbata hundumaattis nama kan ta'e hundinuu ana duratti sagaduudhaaf in dhufa*. 24Kana booddees gad ba'anii reeffa warra na yakkanii in argu; raammoon isaan nyaatu hin du'u, ibiddi isaan gubus hin dhaamu; isaan nama kan ta'e hundumaa duratti jibbisiisoo in ta'u>> jedhe; Waaqayyo kana dubbateera*.#22 65:17 23 Zak 14:16 24 Dan 12:2; Mar 9:48
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 66: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.