YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Isaayaas Raajichaa 65

65
Firdiin Adabaa Fi Firdiin Fayyinaa Akka Dhufu Himuu Isaa
1Waaqayyo,<<Ani warra
ana hin iyyaafatinitti
nan mul'adhe,
warra ana hin barbaadinittis nan argame;
saba maqaa koo hin waammatiniin,
<<Ani asan jira,
ani asan jira>> nan jedhe*.
2Ani guyyaa hundumaa
harka koo gara saba didee ka'eetti,
gara isa karaa hin taane irra adeemuutti,
gara isa akeeka ofii isaatii irra bu'eettis
nan bal'ise*.
3Sabni kun wanta yeroo hundumaa
fuula koo duratti hojjetaniin
ana in aarsu;
iddoo dhaabaa keessatti
aarsaa qalmaa in dhi'eessu,
xuuphii irrattis ixaana in aarsu*.
4Isaan awwaala gidduu in taa'u,
halkanis iddoo dhokataa
keessa in bulu;
foon boyyee in nyaatu,
bishaan foon isa qalma
Waaqayyo tolfamaaf dhi'aatus
xuwwee isaanii keessa jira*.
5Isaan nama yommuu argan,
nuyi qullaa'oo waan taaneef,
<<Achuma ijaajji malee,
nutti hin dhi'aatin!>>
in jedhu;
warri akkasii
akka aara ibidda
yeroo hundumaa boba'uu,
dheekkamsi koo akka boba'u in godhu.#1 Rom 10:20 2 Rom 10:21 3 1:29 4 66:17; Lew 11:7; 19:31
6<<Kunoo! Gatiin yakka isaanii
caafamee na dura jira,
ani Waaqayyo guutummaatti hamma hojii isaanii
isaaniif nan kenna malee,
calluma hin jedhu;
eyyee, akka hojii isaaniitti
mataa isaaniitti nan deebisa.
7Isaan tulloota irratti
ixaana waan aarsaniif,
gaarota irrattis waan na arrabsaniif,
gatii yakka isaanii fi gatii yakka abboota isaanii,
gatii hojii isaanii isa duriis
matuma isaaniitti nan deebisa>> jedha.
8Waaqayyo ammas dubbatee,
<<Akkuma namoonni ija waynii
damee muka wayniitti jiru
sababii inni dhama
of keessaa qabuuf hin ganne,
anis garbicha kootiif jedhee
akkasuma nan godha malee,
hunduma isaanii hin balleessu*.
9Sanyii Yaaqoob gosa Yihudaa keessaa
nama tokko nan kaasa,
innis tulloota koo in dhaala;
warri ani fo'adhe iddoo kana in fudhatu,
garboonni koos achi keessa in jiraatu*.
10Saba koo warra na barbaaddataniif
Shaaron iddoo hoolota itti yaafatan,
dachaan Aakoris
iddoo saawwan dheechifatan in ta'a*.
11Isin warra ana Waaqayyoon dhiiftanii,
tulluu koo isa qulqullaa'aa irraanfattanii,
<<Gaad>> waaqayyolii milkii fi,
<<Maanii>> Waaqayyittii Ateeteef
maaddii qopheessitanii,
dhibaayyuufis daadhii waynii
qodaatti in guuttaniif.
12Kanaaf ani billaatti dabarsee
isin nan kenna,
isin hundumti keessan
kukkuftanii in gorra'amtu;
isin wanta ana duratti
hamaa ta'e hojjettan,
wanta ana hin gammachiifnes gootan malee,
yommuun isin waame
na jalaa hin oowwaanne,
yommuun dubbadhes isin
anaaf hin dhageenye>> jedhe*.#8 Uma 18:26-32 9 Er 3:18 10 33:9; Iya 7:26 12 66:4; Er 7:13
13Kanaafis Waaqayyo gooftaan,
<<Kunoo! Garboonni koo in nyaatu,
isin garuu in beeloftu.
Kunoo! Garboonni koo in dhugu,
isin garuu in dheebottu.
Kunoo! Garboonni koo in gammadu,
isin garuu in yeellaasifamtu.
14Kunoo! Garboonni koo
garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu,
isin garuu garaan keessan waan gadduuf,
hafuurri keessanis waan cabeef in wawwaattu.
15Warri ani fo'adhe
maqaa keessan ittiin
wal abaaruuf in godhatu;
kanaafis ani Waaqayyo gooftaan
isin nan fixa,
garboota koos maqaa haaraadhaan nan waama*.
16Dhiphinni inni durii irraanfatamee
ija koo duraa waan dhokateef,
namni biyyicha keessatti of eebbisu,
ana Waaqayyo isa dhuga-qabeessaan
of haa eebbisu!
Namni biyyicha keessatti kakatu,
ana Waaqayyo isa dhuga-qabeessaan haa kakatu!>> jedhe*.#15 62:2; Er 24:9; Mul 2:17 16 19:18; Er 4:2; Amo 8:14
Waaqayyo Wanta Haaraa Akka Uumu Dubbachuu Isaa
17Waaqayyo,<<Kunoo!
Ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi
lafa haaraa nan uuma;
wanti dur ta'e hin yaadatamu,
inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu*.
18Kunoo! Ani Yerusaalemin
mandara nama gammachiiftu,
saba ishees warra gammadan
waanan godhuuf,
isin wanta ani uumutti
bara baraan gammadaa, ililchaas!
19Yommus ani mandara Yerusaalemitti
saba koottis nan gammada;
sagaleen boo'ichaa fi sagaleen iyyaa
si'achi ishee keessatti hin dhaga'amu*.#17 43:18-19; 66:22; 2Phe 3:13; Mul 21:11 18-19 35:10; 25:8; Mul 21:4
20<<Achi keessatti mucummaatti
du'uun hin jiru;
namni dulloomee utuu
bara hin quufin du'u
achi keessatti hin argamu;
namni waggaa dhibba jiraatee du'u iyyuu
akka waan dargagummaatti
du'eetti in ilaalama;
namni waggaa dhibba
utuu hin ga'in du'u immoo
akka nama abaarameetti in ilaalama*.
21Isaan mana ijaarratanii
keessa in jiraatu,
muka wayniis dhaabbatanii
ija isaa in nyaatu*.
22Si'achi mana isaan ijaarratanitti
namni kan biraa hin galu,
muka waynii isaan dhaabbatanis
ija isaa namni kan biraa hin nyaatu;
sabni koo akka muka gaattiraa
bara dheeraa in jiraatu,
warri ani fo'adhes
isa harka isaaniitiin
itti dadhabanii hojjetan in nyaatu*.
23Isaan si'achi akkasumaan
dadhabanii hin hojjetan,
ijoolleen isaaniis dingata
du'uuf hin dhalatan;
isaan ijoollee isaanii wajjin
sanyii warra Waaqayyo eebbisee
ta'anii in jiraatu.
24Yommus utuu isaan
ana hin kadhatin nan deebisaaf;
utuma isaan
anatti himatanii hin fixinis nan dhaga'aaf*.
25Yommus yeeyyii fi ilmoon hoolaa
walii wajjin in sooratu,
leencis akka sangaa
cidii in nyaata;
bofni garuu awwaaruma ishee in nyaatti;
isaan kun hundinuu
tulloota koo warra qulqullaa'oo hundumaa irratti
waan hamaa hin godhan,
si'achis waan tokko illee hin balleessan>>
jedhee dubbateera*.#20 Zak 8:4-5 21 62:8 22 Kes 28:30; Far 128:2 24 30:19; 58:9 25 11:6-9; Uma 3:14

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Isaayaas Raajichaa 65