Macaafa Isaayaas Raajichaa 64
64
Sabichi Waaqayyoon Araara Kadhachuu Isaa
1Tulloonni si sodaatanii akka raafamanitti,
maaloo bantiiwwan waaqaa tarsaaftee utuu gad buutee!
2Akkuma namni hanxaxiidhaan
ibidda qabsiisee,
ibidda ho'aadhaan bishaan danfisuutti,
akkasuma sabni lafa irraa
si duratti akka rom'aniif,
gad bu'ii diinota keetti
maqaa kee beeksisi!
3Ati yommuu gad buute,
tulloonnis si sodaatanii
si duratti in raafaman;
wanta nuyi hin yaadin,
isa nama sodaachisu sana in hojjette*;
4kan akka kee
warra isa abdataniif waa raawwatu
Waaqayyo kan biraa tokko illee hin jiru;
durii duriitii jalqabee dhaga'amee,
argamees hin beeku*.
5Ati gara nama
isa hojii qajeelaa
hojjechuutti gammaduu fi
gara nama isa karaa kee
yaadatuu in dhufta.
Kunoo! Nuyi waan cubbuu hojjenneef
ati nutti in dheekkamte;
nuyi cubbuu keessa bara dheeraa yoo turre iyyuu
amma immoo in fayyina;
6nuyi hundumti keenya garuu
akka wanta xuraa'aa taane,
qajeelummaan keenya hundinuus
akka moofaa xuraa'ummaa in ta'e;
nuyi hundumti keenya
akka baalaa in coollagne,
yakki keenyas akka qilleensaa
nu fudhatee in adeeme.
7Namni maqaa kee waammatu
tokko illee hin jiru,
namni ofii isaatiin ka'ee
gara keetti deebi'uu yaalus hin jiru;
ati fuula kee nu irraa in deebifte,
yakka keenyattis dabarsitee nu in kennite.#1-3 Far 18:6-15 4 1Qor 2:9
8Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya;
nuyi garuu suphee dha;
ati immoo akka nama suphee dha'uutti
harka keetiin nu tolchite;
nuyi hundumti keenya
hojii harka keetii ti*.
9Yaa Waaqayyo, maaloo nuyi saba kee ta'uu keenya yaadadhu!
Gara keenya ilaali malee,
baay'iftee nutti hin aarin;
bara baraanis yakka keenya
nutti hin yaadatin!
10Mandaroonni kee warri qulqullaa'oonni
duwwaa in ta'an,
Xiyoon lafa onaa in taate,
Yerusaalem in diigamte*.
11Manni qulqullummaa keenya
inni ulfina-qabeessi,
inni abboonni keenya keessatti si galateeffachaa turan
ibiddaan in gubame,
wanti nu gammachiisu
hundinuus in diigame*.
12Yaa Waaqayyo! Wanti akkasii kun
yommuu nu irra ga'u
calluma jettee dhiiftaa>>
Calluma jettees adaba
guddaadhaan nu dhiphiftaa?#8 63:16; 45:9; faaru 4:2; Rom 9:21 10 Far 74:3-7 11 63:15
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 64: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.