YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Isaayaas Raajichaa 63

63
Guyyaan Waaqayyo Itti Ijaa Baasu Akka Dhufu Himuu Isaa
1Inni uffata dhiiga cuuphame uffatee biyya Edoom keessaa
mandara Bozraatii
as ba'u kun eenyu>>
Inni uffata miidhagaa uffatee
as dhufaa jiru,
inni humna isaa isa guddaadhaan
as ba'aa jiru kunis eenyu>>
<<Ana, inni qajeelummaadhaan dubbatu,
ana, inni fayyisuudhaaf
aangoo qabu*!>>
2Wayyaan kee maaliif diimate ree,
uffanni kee maaliif
uffata nama waynii cuunfuu fakkaate ree*?#1 34:6 2 Mul 19:13
3Gooftichi immoo,<<Ani kophaa koo
waynii cuunfeera,
saba keessaas namni tokko illee
anaa wajjin hin turre;
ani dheekkamee isaan irra nan ejjedhe,
aarees isaan nan dhidhiite;
dhiigni isaanii uffata kootti in faffaca'e,
uffata koo hundumaas in xureesse*.
4Guyyaan itti ijaa baasu murtoo godheera,
barri ani itti isaan furus dhi'aateera*.
5Ani asii fi achi ilaalee,
nama na gargaaru tokko illee
yommuun dhabe nan dinqisiifadhe;
garuu aaree harka dheekkamsa koo
yommuun ol fudhadhe,
mo'icha nan argadhe;
6ani dheekkamsa kootiin saba irra nan ejjedhe,
aarii kootiinis isaan nan macheesse,
dhiiga isaaniis lafatti nan dhangalaase>> in jedha.#3 Yoe 3:13; Mul 14:20 4 34:8; 61:2
Galataa Fi Kadhata Saba Waaqayyoo
7Ani araara Waaqayyo godhe nan hima,
gochaa isaa isa galateeffamaas nan odeessa;
wanta Waaqayyo nuuf godhe hundumaaf,
gaarummaa isaa isa guddaa
isa inni saba Israa'el argisiiseef,
wanta inni akka oo'a isaa fi
akka arjummaa isaatti
isaaniif godheefis,
isa nan galateeffadha*.
8Inni isaaniin,
<<Isaan dhugumaan saba koo ti,
ilmaan ana hin sobnee dha>>
jedhee ture;
kanaaf inni fayyisaa isaaniif ta'e;
9yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate,
ergamaan isaa inni isa bira jiru isaan in oolche;
Waaqayyo ofii isaatii jaalala isaatii fi oo'a isaatiin
isaan in fure;
inni durii duriitii jalqabee
yeroo hundaa ol fuudhee
isaan in baate*;
10isaan garuu didanii
hafuura isaa isa qulqulluu in gaddisiisan;
kanaaf inni immoo gara galee
diina isaanitti ta'ee isaan in lole*.#7 Far 77:11-12 9 Bau 3:2; 14:19 10 Far 78:40; 106:43
11Isaan bara darbe,
bara Musee garbicha isaa
yommuu yaadatan,
<<Inni geggeessitootaa wajjin
sabni isaa galaana keessa
akka ce'an godhe,
inni hafuura isaa isa qulqulluu
isaan keessa kaa'e meerree*>>
12Inni irree isaa isa ulfina-qabeessaan
Musee gargaare,
inni ulfinni maqaa isaa
bara baraan akka beekamu gochuudhaaf
galaana gargar isaaniif hire eenyu*>>
13Inni akka farda gufannaa malee
lafa onaa keessa adeemutti,
galaana gad fagoo keessa
akka isaan ce'an godhe eenyu>>
14Akka saawwan dachaatti
gad bu'anii boqotanii,
akkasuma hafuurri Waaqayyoo
boqonnaa isaaniif akka kennu
kan godhe eenyu?>> in jedhan;
ulfinni maqaa kee akka beekamuuf
ati saba kee akkasitti geggeessaa turte.#11 Bau 2:1-10; Lak 11:17 12 Bau 14:29
15Yaa Waaqayyo, waaqa irraa gad ilaali,
iddoo kee isa qulqullaa'aa fi
ulfina-qabeessa keessaas
nu mil'adhu!
Hinaaffaan kee fi aangoon kee meerree,
gara-laafummaa kee fi oo'a kee nu dhowwatte moo*>>
16Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya;
Abrahaam nu hin beeku yoo ta'e iyyuu,
Yaaqoobis nu hin yaadatu yoo ta'e iyyuu,
ati garuu abbaa keenya, furii keenya,
maqaan kees kan bara baraa ti*.
17Yaa Waaqayyo! Maaliif karaa kee irraa nu kaachifta>>
Nuyi akka si hin sodaannettis
maaliif garaa keenya jabeessita>>
Garboota keetii fi gosa
warra dhuunfaa kee ta'aniif
jedhii deebi'i*!
18Sabni kee inni qulqulluun
yeroo gabaabaa duwwaadhaaf
iddoo kee isa qulqulluu
dhaala godhatee ture;
amma garuu diinonni kee iddoo kee
isa qulqulluu
miillaan in dhidhiitan*;
19nuyi akka warra
ati takkaa mootii isaanii
taatee hin beeknee in taane,
warra dur maqaa keetiin
waamamanii hin beeknes
in fakkaanne.#15 57:15; Kes 26:15 16 Kes 32:6 17 6:9-10; 57:17 18 Far 79:1

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Isaayaas Raajichaa 63