Macaafa Isaayaas Raajichaa 62
62
Xiyoon Maqaa Haaraa Argachuu Ishee
1Qajeelummaan ishee akka biiftuu ganamaa
hamma ol ba'utti,
fayyinni ishees akka guca bobba'utti hamma ibsutti,
ani waa'ee Xiyooniif
calluma hin jedhu,
waa'ee Yerusaalemiif hin boqodhu*.
2Sabni lafa irraa qajeelummaa kee,
mootonni hundinuus
ulfina kee in argu;
maqaa haaraa isa Waaqayyo ofii isaatii
siif kenneen in waamamta*;
3ati akka gonfoo miidhaginaa fi
akka marata mootiin
mataatti maratuutti
harka Waaqayyo gooftaa keetii
keessatti in eegamta;
4Ati si'achi,
<<Ishee gad dhiifamte>> hin jedhamtu,
ati,<<Ishee ani jaalladhu>>
biyyi kees,
<<Ishee abbaa manaa qabdu>> in jedhamti;
Waaqayyo si jaallata'o,
biyyi kees abbaa manaa in argatti*.
5Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,
akkasuma ilmaan kee si fudhatanii
qabeenya isaanii si in godhatu;
akkuma dhirsi misirroo
misirroo isaatti gammadu,
akkasuma Waaqayyo kees
sitti in gammada.#1 Far 137:5-6 2 65:15; 60:14; Mul 2:17 4 54:6; 60:15; Hos 2:21-22
6Yaa Yerusaalem,
ani kelloota mandara kee irra
eegdota kaa'eera,
isaan halkanii fi guyyaa
calluma hin jedhan;
isin warri waa'ee Yerusaalem
Waaqayyo duratti dhi'eessitan hin boqotinaa*!
7Hamma Waaqayyo Yerusaalemin
deebisee jabeessee dhaabutti,
hamma inni akka isheen
biyya lafaa irratti jajamtu godhutti,
boqonnaa isaaf hin kenninaa!
8Waaqayyo irree isaa mirgaa
isa cimaa ol kaasee,
<<Si'achi diinni kee midhaan kee
akka nyaatu hin godhu,
daadhii waynii kee isa ati
itti dadhabde hojjettes
ormi akka dhugu hin godhu*;
9isin warri
midhaanicha sassaabdanii galchitan garuu
midhaanicha nyaattanii
Waaqayyoon in galateeffattu;
warri ija waynii funaantanii
manatti galchitanis
oobdii mana qulqullummaa koo keessatti
daadhii waynii in dhugdu>>
jedhee kakateera*.#6 52:8; 49:16 8 65:21-22 9 Kes 12:17-18
10Kellaa mandaraa keessa ba'aa,
gad ba'aatii sabaaf karaa qopheessaa!
Ka'aa, ka'aatii karaa guddaa tolchaa,
dhagaa karaa keessaa fufuudhaa,
saba lafa irraatiif faajjii ol fuudhaa*!
11Waaqayyo kunoo, intala Xiyooniin,
<<Ilaa! Fayyisaan kee in dhufa,
gatiin inni namaaf kennu
isa harka jira,
miindaa isaas of duraa qaba>> jedhee,
hamma andaara lafaatti in labse*.
12Yommus sabni isaa,<<Saba qulqullaa'aa,
isa Waaqayyo fure>> in jedhama;
yaa Yerusaalem ati immoo,
<<Mandara ishee barbaadamte,
ishee hin gatamne>>
jedhamtee in waamamta.#10 40:3-4; 57:14 11 40:9-10; Zak 9:9
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 62: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.