Macaafa Isaayaas Raajichaa 61
61
Rakkina Keessaa Akka Ba'an Misraachoo Himuu Isaa
1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira,
sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf,
Waaqayyo na dibeera;
warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf,
warra booji'amanitti gad dhiifamuu,
warra hidhamanittis hiikamuu
akkan labsuuf inni na ergeera;
2waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame,
guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu
akkan labsuuf,
warra gaddan hundumaas
akkan jajjabeessuuf na ergeera*;
3warri Xiyoon keessaa gadduu irra jiran,
qooda daaraa mataatti firfirfatan,
uffata miidhaginaa mataa irra
akka buufatan,
qooda gaddan, dibatanii
akka gammadan,
qooda hafuura gaddaas,
gammachuudhaan akka faarfatan
gochuudhaaf na ergeera;
isaan,<<Qilxuu qajeelinaa,
isa Waaqayyo ulfina isaa
ittiin argisiisuudhaaf dhaabe>>
jedhamanii in waamamu.
4Isa dur diigamee ture
deebisanii in ijaaru,
isa dur onee tures in haaressu;
mandaroota warra
dhaloota baay'ee dura
diigamanii turan,
deebisanii in tottolchu*.#1-2 11:2; Mat 11:5; Luq 4:18-19; Isa 42:1; 57:15; 42:7; 63:4; 34:8 4 58:12
5Ormi bushaayee keessan
isiniif in tiksa,
ilmaan ormaas
qotiisa isiniif in qotu,
wayniis isiniif in dhaabu*.
6Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu,
<<Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis>> in jedhamtu;
badhaadhummaa saba warra kaanii in nyaattu,
ulfina isaaniis fudhattanii
ittiin of in jajju*.
7Qooda yeelloof salphina baachaa turtan,
amma immoo biyya keessan keessatti
ulfina dachaa lama in argattu,
ga'aa keessanittis in gammaddu;
biyya keessan keessatti deebitanii
gammachuu in argattu,
bara baraanis kan keessan in ta'a.#5 60:10 6 Bau 19:6; 1Phe 2:5,9; Mul 1:6; 20:6
8Ani Waaqayyo,
<<Firdii qajeelaa nan jaalladha,
saamichaa fi jal'ina garuu nan jibba;
ani amanamummaa kootiin
saba kootiif gatii hojii isaanii nan kenna,
isaaniifis kakuu bara baraa nan gala*;
9sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti
beekamaa in ta'a,
ijoolleen isaaniis namoota gidduutti beekamoo in ta'u;
namni isaan argu hundinuu,
isaan sanyii isa
ani Waaqayyo eebbise sanaa ta'uu isaanii
in beeksisa>> jedha.#8 Far 37:28; Anb 2:4
10Ani Waaqayyotti guddisee nan gammada,
lubbuun koos Waaqayyo kootti in ililchiti;
akkuma dhirsi misirroo
akka lubaatti shaashii maratu,
akkuma misirroonis mi'a
miidhaginaa naqattutti,
akkasuma inni uffata fayyinaa
anatti uffiseera,
qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera;
11akkuma lafti sanyii biqilchu,
iddoon dhaabaas
wanta isa keessatti
facaafame magarsu,
akkasuma Waaqayyo gooftaan,
qajeelummaanii fi galanni
afaan saba lafa irraa hundumaa keessaa
akka dhaga'amu in godha.
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 61: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.