YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Isaayaas Raajichaa 60

60
Waa'ee Ulfina Xiyoon Himuu Isaa
1Ifni kee dhufeera,
ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera,
kanaafis ka'ii ibsi!
2Kunoo! Dukkanni lafatti in uffisa,
dukkanni limixiinis
saba lafa irraa in dhoksa;
siif garuu ifni Waaqayyoo in ba'a,
ulfinni isaas si irratti in argama*.
3Sabni lafa irraa gara ifa kee,
mootonnis gara biiftuu
isa siif ba'uu in dhufu*.#1-2 9:1-2; Far 27:1; Mul 21:23 3 2:2-3; Mul 21:24
4Ol jedhii asii fi achi ilaali!
Hundumti isaanii walitti qabamanii
gara kee in dhufu;
ilmaan kee fagoodhaa in dhufu,
intaloota kees kaasuutti
baatanii gara kee in fidu*;
5ati kana yommuu argitu
fuulli kee in ifa,
onneen kees gammachuu irraa
kan ka'e na'ee in dha'ata;
qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu
kan kee in ta'a,
badhaadhummaa saba lafa irraas
siif in fidu*.
6Gaalonni cocolleen danuun,
biyya Miidiyaanii fi
biyya Eefaatii dhufanii,
biyya kee keessa in guutu;
namoonni biyya Sheebaatii dhufan hundinuu,
warqeedhaa fi ixaana fe'anii in fidu,
galata Waaqayyoos in himu*.
7Karri bushaayee Qedaar hundinuu
siif walitti in qabamu,
korbeeyyiin Nabaayyootis
dhimma ati barbaaddu irra
siif in oolu;
isaan hundinuu aarsaa fudhatamoo ta'anii
iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhi'eeffamu;
Waaqayyo immoo manni ulfina isaatii
ulfina akka argatu in godha*.#4 49:18,22; 62:10; 66:12,20 5 60:13; 66:12; Mul 22:26 6 1Mot 10:1-2; Far 72:10,15; Mat 2:1-11 7 His 27:21
8Warri akka duumessaa,
akka gugeewwan mann'ee isaaniitti fiiganii
balali'an kun eenyufa'i>>
9Ilmaan kee warra biyyoota
galaana gidduu keessaa
Waaqayyoon abdatan,
biyya fagoodhaa warra fidan keessaa,
markaboonni Tarshiish
warra duraa ti;
isaan meetii isaanii fi warqee isaanii
isaanii wajjin in fidu;
kanas maqaa Waaqayyo gooftaa kee
isa qulqulluu kan Israa'el
isa ulfina siif kenneef
jedhanii in godhu*.#9 51:5
10Waaqayyo,<<Yaa Yerusaalem,
warri ormaa kellaa mandara keetii in ijaaru,
mootonni isaaniis siif in hojjetu;
ani aaree si rukuteen ture,
amma garuu siif oo'ee sin maara*;
11sabni lafa irraa badhaadhummaa isaanii
gara kee akka fidaniif,
mootonni isaaniis tarreedhaan
akka ol galaniif,
karroonni kee yeroo hundaa
banamanii in taa'u,
halkanii fi guyyaas hin cufaman*.
12Sabni yookiis mootummaan
siif hin hojjenne in bada,
inni raawwatee in balleeffama;
13yommus si Yerusaalemin
deebisanii ijaaruuf,
mana qulqullummaa koo
ittiin miidhagsuuf,
mandara koos ulfina-qabeettii gochuuf,
birbirsa, muka
yeroo hundumaa baalli isaa lalisuu fi
qaraaroo caakkaa Liibaanon
keessaa in fidu.
14Ilmaan warra si cunqursaa turanii
amma gugguufanii gara kee in dhufu;
warri dur si tuffatan hundinuus
amma miilla kee jalatti in kufu;
isaan,<<Ati mandara Waaqayyoo ti
Xiyoon mandara Waaqayyoo
isa qulqulluu kan Israa'el>>
jedhanii si in moggaasu*.#10 61:5; 54:8 11 Mul 21:25-26 14 14:2; His 48:35
15<<Isa dur namni si irraa goree, si jibbees ture,
isa dur namni tokko illee
si keessa hin darbine,
amma immoo ani bara baraan
surra-qabeettii sin godha,
dhaloota hundumaafis
iddoo gammachuu in taata;
16ati aannan saba warra kaanii in dhugda,
qabeenya moototaas in nyaatta;
yommus ani Waaqayyo
inni aango-qabeessi kan Yaaqoob
isa si fayyisuu fi isa si furu
akkan ta'e in beekta*.#16 49:23
17<<Ani qooda sibiila borrajjii, warqee,
qooda sibiilaa, meetii,
qooda mukaa, sibiila borrajjii,
qooda dhagaas, sibiila nan fida;
nagaan eegduu kee,
qajeelummaanis geggeessituu kee
akka ta'u nan godha,
18si'achi sagaleen humnaan nama irratti ka'uu
biyya kee keessatti hin dhaga'amu;
miidhaan yookiis balleessaan
daarii biyya kee keessatti hin argamu;
kelloota mandara kee<<Fayyina?,
balbaloota kees <<Galata>> jettee in moggaafta*.#18 11:9; Er 6:6-7
19<<Ani Waaqayyo ibsaa bara baraa
siif nan ta'a,
ulfina kootu ifa kee ta'a malee,
si'achi guyyaa biiftuun,
halkanis jiini
ifa siif hin ta'u;
20aduun kee deebitee hin lixxu,
jiini kees ifa ishee hin hir'iftu;
ani Waaqayyo ifa bara baraa
siif nan ta'a,
barri gadda keetiis in raawwatama*.
21Yommus sabni kee hundinuu
qajeelota in ta'u,
biyyichas dhaala bara baraa in godhatu;
isaan biqiltuu isa ani dhaabe,
isa ani ulfina koo
ittiin argisiisuuf
harka kootiin hojjedhee dha.
22Maatiin xinnaan baay'atee
kumaatama in ta'a,
inni hundumaa irra gad deebi'aanis
saba aango-qabeessa in ta'a;
ani Waaqayyoo dha;
yeroo isaatti kana hundumaa
dafee nan raawwadha>> jedhe*.#19-20 Zak 14:6-7; Mul 21:23; 22:5 22 49:19-20

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Isaayaas Raajichaa 60