YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Isaayaas Raajichaa 59

59
Waa'ee Cubbuu Saba Isaatii Dubbachuu Isaa
1Kunoo! Harki Waaqayyoo gabaabbatee
isin fayyisuu hin dadhabne,
gurri isaas duudee iyya keessan
dhaga'uu hin dhabne*;
2yakki keessan isinii fi
Waaqayyo keessan gidduu goree
gargar isin in ittise,
akka isiniif hin dhageenyettis
sababii cubbuu keessaniitiif
Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;
3harka keessan dhiigaan,
bar'uu keessanis yakkaan xureessitaniittu;
afaan keessaniin soba in dubbattu,
arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageessiftu*.#1 50:2 3 1:15
4Namni firdii qajeelaadhaan adeemu,
namni dhugaadhaan faradus
tokko illee hin jiru;
isin dubbii waa'ee hin baafne in amanattu,
sobas in dubbattu;
hammina garaa keessa in kaa'attu,
jal'inas garaa keessan keessaa in baaftu*.
5Isin akka nama hanqaaquu mar'ataa
cabsee ilmoo ishee yaasuu ti,
akka nama fo'aa sariitii fo'uu tis;
namni utuu hin beekin
hanqaaquu sana yoo nyaate in du'a,
hanqaaquu isa cabu keessaa immoo
ilmoo bofaatu ba'a.
6Fo'aan sariitii isin fo'attan
uffata hin ta'u,
isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan;
hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha,
harkan keessaniin waan hamaa in hojjettu.
7Isin jal'ina hojjechuutti in fiigdu,
dhiiga nama yakka hin qabnee
dhangalaasuuttis in ariifattu;
yaadni keessan jal'aa dha,
gara itti adeemtanittis hojiin keessan
diiguu fi balleessuu duwwaa dha;
8lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan,
daandii keessan irras firdiin
qajeelaan hin jiru;
karaa jal'aa irra in adeemtu,
namni yaada keessan duukaa bu'us
nagaa hin qabu*.#4 Far 7:14 7-8 Fak 1:16; Er 2:34; Rom 3:15-17
9Kanaafis jarri,
<<Firdii qajeelaan nu irraa in fagaate,
qajeelummaanis nu bira hin ga'u;
nuyi ifa in eegganna,
garuu kunoo, dukkanatu dhufa;
nuyi ifa guyyaa in abdanna,
amma iyyuu garuu dukkana limixii
keessa adeemaa jirra.
10Akka nama jaamaa keenyan qaqqabannee,
akka nama ija hin qabnee
karaa in barbaaddanna;
akka waan dimimmisaa'eetti
guyyaa saafaadhaan in gufanna,
warra ciccimoo keessattis
akka warra du'anii in taane.
11Hundumti keenya
akka amaaketaa in gururiina,
gaddinees akka gugee in aadna;
firdii qajeelaa in abdanna,
inni garuu hin jiru;
fayyina in eegganna,
inni garuu nuttii fagoo dha*.#9-11 Dan 9:7-8,11-14; Kes 28:29; Isa 38:14
12<<Irra-dadarbaan keenya
si duratti baay'ateera,
cubbuun keenyas nu irratti dhugaa ba'eera;
balleessaa keenya beekneerra,
yakka keenyas hubanneerra.
13Nuyi irra daddarbineerra,
goofticha duratti soba dubbanneerra,
Waaqayyo keenya irraas deebineerra;
humnaan nama irratti kaanee
nama miidhuu in yaadna,
dubbii sobaas
garaa keenya keessatti
yaadnee in dubbanna.
14Kanaafis qajeelummaanii fi
firdii qajeelaa kennuun
nu irraa in fageeffame,
dhugaan yaa'ii guddaa keessatti
karaa irraa in jal'ifamte,
gara-qajeelinnis
achi keessatti argamuu in dadhabe.
15Dhugaan in dhibame,
namni wanta haamaa irraa gorus in saamama>> jedhan;
Waaqayyo garuu
firdiin qajeelaan akka dhabame argee in jibbe*.#12-15 Dan 9:15-19; Er 14:7; Isa 58:6-7; 1:17
16Kana qajeelchuudhaaf kan yaale
tokko illee akka hin jirre
Waaqayyo yommuu kana arge in dinqisiifate;
qajeelummaa isaatti in hirkate,
irree isaatiinis mo'icha in argate*;
17inni qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti in uffata,
fayyinas akka gonfoo sibiilaatti
mataa irra in kaa'ata;
inni ijaa baafachuu akka uffataatti,
hinaaffaas akka qolootti in uffata*;
18inni warra isa jibban irratti
dheekkamsa in fida,
diinota isaatiifis gatii isaanii in kenna;
namoonni biyyoota galaana gidduu
keessa jiraatanis
gatii hojii isaanii in argatu.
19Yommus warri biyya
gara lixa-biiftuu jiran
maqaa Waaqayyoof ulfina in kennu,
warri biyya gara ba'a-biiftuu jiranis
ulfina isaa in sodaatu;
warri isa jibban
akka bishaan dafee fiigutti
yommuu dhufan,
hafuurri Waaqayyoo isaanitti dhufee
isaan in oofa.#16 Far 72:1-4; His 13:4-5 17 Efe 6:14-17; 1Tas 5:8
20<<Inni furu, gara Xiyoon,
sanyii Yaaqoob keessaa
gara warra irra-daddarbaa isaaniittii deebi'anii
in dhufa>> jedhe;
Waaqayyo kana dubbateera*.
21Waaqayyo,<<Ani isiniif kakadheera; hafuurri koo isin irra in boqota; dubbiin koo inni ani afaan keessan keessa isiniif kaa'e, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee keessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee keessanii keessaas hamma bara baraatti hin dhabamu>> jedha.#20 Rom 11:26

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Macaafa Isaayaas Raajichaa 59