Macaafa Izraa 5
5
Caaffata Taatenaayi Daariyosiif Erge
1Yommus Haagee raajichii fi Zakaariyaas raajichi ilmi Iddoo maqaa Waaqayyo gooftaa Israa'el isa hundumaa gara irraa jiruun, Yihudoota biyya Yihudaa fi mandara Yerusaalem keessa jiraatanitti raajii in dubbatan*. 2Bara sana Zarubaabel ilmi She'altii'elii fi Iyaasuu ilmi Yozaadaaq ka'anii mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessaa deebisanii ijaaruu in jalqaban; raajonni Waaqayyoos isaan gargaaruudhaaf isaan bira turan*.#1 Hag 1:1; Zak 1:1 2 2:2; Hag 1:14; Zak 4:9
3Kana irratti Taatenaayi bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu Shetaar-Boznaayii fi hidhanni isaanii dhufanii,<<Mana kana deebiftanii akka ijaartaniif hojii dallaa kanaas akka raawwattaniif eenyutu isin abboome?>> jedhanii isaan in gaafatan. 4Akkasumas immoo maqaa namoota mana kana deebisanii ijaaruutti jiranii in gaafatan. 5Jaarsoliin warra Yihudootaa, Waaqayyoon isaanii isaan in eega waan tureef, dubbiin isaa Daariyos mooticha bira ga'ee deebiin isaa caaffataan hamma dhufutti hojii isaanii irraa ittifamuu hin dandeenye*.#5 Kes 11:12; 1Mot 8:29
6Taatenaayi bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu Shetaar-Boznaayii fi hidhanni isaanii, warri kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu gamaa bulchan warri kaanis, Daariyos mootichatti caaffata in ergan. 7Dhaamsi isaan itti erganis kanatti aanee jira;
<<Yaa Daariyos mootichaa, nagaan siif haa ta'u!
8Nuyi gara kutaa biyya Yihudaa, gara mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo guddichaa akka dhaqne si mooticha biratti haa beekamu! Manichi dhagaa gurguddaadhaan ijaaramaa, muktis keenyan isaa keessa galfamaa jira; hojiin isaas sirriitti wal qixxaatee hisachaa jira.
9<<Nuyis,<<Mana kana deebiftanii akka ijaartaniif, hojii dallaa kanaas akka raawwattaniif eenyutu isin abboome?>> jennee jaarsolii in gaafanne. 10Akkasumas warra hojicha geggeessan caafnee sitti beeksisuu akka dandeenyutti maqaa isaaniis gaafannee ture. 11Deebiin isaan nuuf kennanis,
<<Nuyi garboota Waaqayyo gooftaa bantii waaqaatii fi lafaa ti; mana qulqullummaa isa mootiin Israa'el inni guddaan bara baay'ee dura ijaaree raawwatee tures deebifnee ijaaraa jirra. 12Sababiin isaa immoo abboonni keenya Waaqayyoon gooftaa bantii waaqaa gaddisiifnaan, inni immoo Nebukadnezaar nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonitti dabarsee isaan kenne; mootichis isa manicha balleessee, namoota immoo booji'ee biyya Baabilonitti geessee ture*.#12 2Mot 25:8-12; 2Sen 36:17-20
13<<Haa ta'u iyyuu malee, Qiiros mootiin Baabilon mo'ee waggaa tokkoffaa isaatti, manni qulqullummaa kun deebi'ee akka ijaaramuuf in abboome*. 14Qodaa warqee fi qodaa meetii isa kan mana Waaqayyoo isa Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fuudhee, galma waaqayyolii warra Baabilon keessa kaa'ee ture gad in baasise; mi'ichas namicha isa biyya Yihudaa akka inni bulchuuf fo'e, isa Sheshbazaar jedhamu sanatti in kenne*. 15Namichaanis <<Manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo Yerusaalem keessatti iddoo isaa duriitti deebifamee haa ijaaramu! Ati immoo mi'a kana fuudhii, dhaqii manicha keessa kaa'i!>> jedhe. 16<<Kana irratti Sheshbazaar dhufee mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiru kanaaf hundee isaa kaa'e; yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti ijaaramaa jira, hin raawwatamnes>> kan jedhu ture. 17Kanaafis yaa mootii, jaalala kee yoo ta'e, manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf Qiiros mooticha biraa abboommiin ba'ee yoo jiraate, mana mi'aa mootichaa isa Baabilon keessa jiru keessa haa ilaalamu! Waa'ee dubbii kanaafis ati mootichi murtoo tokko nuuf ergi!>> jedhan.#13 1:1-2 14 1:7-8
Currently Selected:
Macaafa Izraa 5: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.