YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Izraa 6

6
Abboommiin Qiiros Biraa Ba'ee Ture Argamuu Isaa
1Yommus mana mi'aa warra Baabilon iddoo caaffanni taa'u keessa qorannaan akka godhamuuf Daariyos mootichi in abboome. 2Kunoos macaafni maramaan tokko kutaa biyyaa isa <<Medoon>> jedhamu keessaa mana mootummaa mandara Ahimaataatti in argame; wanti isa keessatti caafamee tures kanatti aanee kan jiruu dha. Innis,
3<<Qiiros mo'ee waggaa tokkoffaa isaatti waa'ee mana qulqullummaa isa kan Waaqayyoo isa Yerusaalem keessaatiif abboommii in baase;<<Manni qulqullummaa iddoon itti aarsaa dhi'eessan deebifamee akka ijaaramuuf hundeen isaa haa kaa'amu! Hojjaan manichaa dhundhuma jaatama, bal'inni isaas dhundhuma jaatama haa ta'u*!
4Toorri sadii dhagaa gurguddaan buufamee, toorri tokko immoo mukti haaraan buufamee haa ijaaramu! Gatiin isaas horii mootummaa keessaa haa baafamu!
5Akkasuma immoo qodaan warqee fi qodaan meetii inni kan mana Waaqayyoo inni Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fuudhee gara biyya Baabilonitti geessee ture, mana Waaqayyoo keessatti eegamuun waan irra jiruuf, mana qulqullummaa Yerusaalem keessaatti, iddoo isaatti haa deebifamu!>> jedheera>> kan jedhuu dha.#3 1Mot 6:2
Hojichi Akka Itti Fufuuf Daariyos Abboomuu Isaa
6Yommus Daariyos deebisee,<<Yaa Taatenaayi bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiruu, yaa Shetaar-Boznaayi, isin warri kutaa biyya sanaa keessatti hidhata isaanii taatanis, iddoo sana irraa fagaadhaa!
7Hojii ijaarsa mana Waaqayyoo kana keessa hin lixinaa! Inni Yihudoota bulchuu fi jaarsoliin, mana Waaqayyoo kana iddoo isaa duriitti deebisanii haa ijaaran!
8<<Kana malees immoo deebisanii ijaaruu mana Waaqayyoo kanaaf jaarsolii Yihudootaatiif gochuun kan isiniif ta'u isin nan abbooma; hojichi gargar akka hin cinnetti horii warri kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiran mootummaadhaaf gibira baasan keessaa ariitiidhaan wanti jara kanaaf barbaachisu guutummaatti haa kennamuuf!
9Qalma gubamee Waaqayyo bantii waaqaatii fi dhi'eeffamuu barbaachisuu fi tuntunoowwan, korbeeyyii hoolaa, xobbaallaa korbeeyyii hoolaa akkasumas qamadii, soogidda, daadhii waynii fi dhadhaa ejersaa wanta tokko illee utuu keessaa hin hir'isin akka luboonni warri Yerusaalem jedhanitti guyyaa guyyaatti haa kennamuuf!
10Kunis akka isaan aarsaa garaa ciibsu Waaqayyo bantii waaqaatiif dhi'eessaniif, ana mootichaaf, ijoollee kootiifis jireenya akka kadhataniif in ta'a*.
11<<Itti dabalees,<<Ajaja kana namni geddaru utubaan mana isaa keessaa haa buqqifamu, namichis isatti haa rarraafamu! Manni isaa immoo tuullaa kosii haa ta'u!>> jedhee ani abboommii baaseera.
12Mootota yookiis saba dubbii kana geddaruudhaaf yookiis mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessa jiru kana diiguudhaaf harka ol fudhatan immoo Waaqayyo inni Yerusaalemin lafa maqaan isaa itti waamamu godhee fo'ate gara isaan haa galchu!
Ani Daariyos abboommii kana baaseera; innis akkuma jirutti hojii irra haa oolu!>> jedhe.#10 Er 29:7; 1Xim 2:1-2
Manni Qulqullummaa Raawwatamee Eebbifamuu Isaa
13Yommus Taatenaayi bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu, Shetaar-Boznaayii fi hidhanni isaanii akkuma Daariyos mootichi abboommii dabarsetti waan hundumaa in raawwatan. 14Jaarsoliin warra Yihudootaa jajjabina Haagee raajichaa fi Zakaariyaas ilma Iddoo biraa argataniin manicha ijaaruu itti in fufan, hojiin isaas wal in qixxaateef; isaan akka abboommii Waaqayyo isa kan Israa'elitti, akka ajaja Qiiros, Daariyosii fi Artashaastaa mootota Faaresittis ijaaranii in raawwatan*. 15Manni qulqullummaa kun Daariyos mo'ee waggaa ja'affaatti, ji'a Adaar gaafa guyyaa digdamii sadaffaa ijaaramee in raawwatame.#14 Hag 1:1; Zak 1:1
16Namoonni Israa'el, luboonni, Lewwoonnii fi warri kaan warri lafa itti booji'amanii turanii deebi'an, guyyaa manni Waaqayyoo itti eebbifame gammachuudhaan in ayyaaneffatan. 17Guyyaa eebbifamuu mana Waaqayyoo kanatti tuntunoo dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lama, xobbaallaa korbeeyyii hoolaa dhibba afur, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuufis guutummaa Israa'eliif akka lakkoobsa gosa isaaniitti korbeeyyii reettii kudha lama in dhi'eessan*. 18Akkuma macaafa Musee keessatti caafametti luboota akka kutata isaaniitti, Lewwootas akka hirmata isaaniitti hojii mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessa jiru irra in dhaaban*.#16-17 Lak 7:1-88; 1Mot 8:62-66 18 Lak 3:6; 1Sen 23-24
Ayyaana Faasiikaa Ayyaaneffachuu Isaanii
19Warri lafa itti booji'amanii deebi'an ji'a tokkoffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha afuraffaatti ayyaana Faasiikaa in ayyaaneffatan. 20Luboonnii fi Lewwoonni of in qulleessan, hundumti isaaniis akka seeraatti qullaa'oo in ta'an; Lewwoonni warra lafa itti booji'amanii deebi'aniif, luboota obboloota isaaniif, ofii isaaniitiifis hoolaa Faasiikaa in qalan. 21Hoolaa Faasiikaa kanas Israa'eloonni lafa itti booji'amanii deebi'an, warri Waaqayyoon goofticha Israa'el barbaaddachuudhaaf xuraa'ummaa saba garaa garaa biyya sana keessa jiraatanittii addaan of baasanii Israa'eloota obboloota isaanii kanatti dabalaman hundinuus in nyaatan*. 22Hojii mana Waaqayyo goofticha Israa'el hojjechuudhaaf irreen isaanii akka jabaatuuf, waaqayyumti ofii isaatii yaada mootii Asor gara isaaniitti deebisee waan isaan gammachiiseef, ayyaana Maxinoo guyyaa torbaaf gammachuudhaan in ayyaaneffatan*.#19-21 Bau 12:1-14 22 Bau 12:15-20

Currently Selected:

Macaafa Izraa 6: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in