YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Izraa 4

4
Jarri Tokko Deebifamee Ijaaramuu Mana Qulqullummaatiin Mormuu Isaanii
1Warri lafa itti booji'amanii deebi'an Waaqayyo gooftaa Israa'eliif mana qulqullummaa ijaaraa akka jiran, diinonni Yihudaa fi Benyaamiin yommuu dhaga'an, 2gara Zarubaabelii fi angafoota abbootaa dhaqanii,<<Nuyi illee akkuma keessan Waaqayyo keessan in barbaanna, erga bara Esar-Haadon mootiin biyya Asor as nu fide jalqabnee Waaqayyo keessaniif nuyi aarsaa dhi'eessaa turre; egaa kottaa manicha ijaaruu isin in gargaarra>> jedhan*. 3Zarubaabel, Iyaasuunii fi angafoonni abboota Israa'el warri kaan garuu deebisanii,<<Waaqayyo keenyaaf mana qulqullummaa nuu wajjin ijaaruudhaaf isin qooda hin qabdan; akkuma Qiiros mootiin Faares nu abboome iyyuu, nuyi kophaa keenya Waaqayyo gooftaa Israa'eliif mana qulqullummaa in ijaarra*>> jedhan*.#1-2 2Mot 17:24-41 3 2:2; 1:2-4
4Sabni garaa garaa biyyicha keessa jiraatu namoota Yihudaa humna buusanii akka isaan manicha hin ijaarreefis in sodaachisan. 5Guutummaa bara Qiirosii fi Daariyos mootota Faaresitti namoota isaan gorsanii akeeka isaanii irraa kaachisan isaanitti in bitan*.#5 4:24
Deebi'ee Ijaaramuu Yerusaalemin Mormuu Namootaa
6Jalqaba bara mootummaa Ahashwerositti, warri hojii kanaan morman caaffataan warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraatan in hadheessan*. 7Bara mootummaa Artashaastaatti Biishlaam, Miitredaat, Xaabi'elii fi hidhanni isaanii warri kaan Artashaastaa mootii Faaresitti caaffata in ergan; caaffatichis afaan Aaramiin caafamee isa irraa in hiikame. 8Rehuum ajajaan irra-keessaa fi Shiimshaayi caafaan akka kanatti fufee jirutti caaffata Yerusaalemin hadheessu Artashaastaa mootichatti in ergan.#6 As 1:1
9Rehuum ajajjuu irra-keessaa, Shiimshaayi caafaan hidhata isaanii warra kaan, isaanis abboota firdii, warra biyya Triipholii, biyya Faares, biyya Erekii fi Baabilon bulchan, warra Elaam isa Susaa keessaa,
10akkasumas saba warra kaan warra Osnaapher guddichii fi ulfina-qabeessi booji'ee mandaroota Samaariyaa fi kutaa biyyaa isa laga Efraaxiis gamaa keessa qubsiisee biraa caafame.
11Yaadni caaffaticha keessa jiru immoo kanatti aanee kan jiruu dha.
<<Haa ga'u gara Artashaastaa mootichaa!
Kun garboota kee warra laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiran biraa caafame;
12Yihudoonni warri kutaa biyya kee gar tokko keessaa gara keenyatti ol ba'an, Yerusaalem dhaqanii mandara warra didduu fi warra hamtu-gootee deebisanii ijaaraa jiru; dallaa isaa raawwachuu ga'aniiru, hundee isaas deebisanii haaressaniiru; egaa kun si mooticha biratti beekamaa haa ta'u!
13<<Mandarri kun deebi'ee yoo ijaarame, dallaan isaas yoo raawwate jarri kun gibira, qaraxa, horii waan adda addaatiif baasuun ta'u in dhowwatu; sababii kanaatiifis qabeenyi mootichaa xinnaachaa akka adeemu, si mooticha biratti beekamaa haa ta'u!
14Nuyi si mootichaaf amanamuun waan nu irra jiruuf, salphina kee kana calluma jennee ilaaluun qajeelaa ta'ee nutti hin mul'anne; kanaaf dubbii kana sitti beeksisuuf caaffataan sitti ergineerra.
15Macaafa seenaa isa warri si dura turan caafanii kaa'an qortee yoo ilaalte mandarattiin didduu, moototaa fi warra kutaa biyyaa bulchaniifis rakkiftu akka turte, durumaa jalqabees ishee keessatti gooliin ka'aa akka ture ati iyyuu bira geessee baruu in dandeessa; mandarattiinis sababiidhuma kanaaf balleeffamte.
16Egaa mandarattiin deebitee yoo ijaaramte, dallaan ishees ijaaramee yoo wal ga'e, ati laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuutii waan tokko illee akka hin qabne si mootichatti in beeksifna>> kan jedhu ture.
17Deebiin mooticha biraa Rehuum ajajjuu irra-keessaa fi Shiimshaayi caafaadhaaf, hidhata isaanii warra kaan warra Samaariyaa jiraataniif akkasumas warra laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuutiin iddoo biraa jiraataniif ergame kanatti aanee kan jiruu dha.
Innis,<<Nagaa keenya isiniif in dhi'eessina!
18Caaffanni isin nuuf ergitan fuula keenya duratti dhi'aatee mul'inatti dubbifameera.
19Abboommiin keenya qorannaan godhamee, mandarattiin kun duruma iyyuu mootota irratti akka kaatu, diduunii fi goliin ishee keessatti ta'aa akka ture beekameera*.
20Yerusaalem mootota jajjaboo guutummaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiran mo'an qabdi turte; gibirri, qarannii fi horiin waan adda addaatiif baasuun ta'u isaaniif kennamaa ture.
21<<Amma immoo nu biraa abboommiin hamma ba'utti mandarattiin akka hin ijaaramne, jarris hojii isaa akka itti hin fufne abboomaa!
22Dubbii kana salphaatti akka hin ilaalleef of eegadhaa! Wanti mootummaa kana miidhu maaliif guddachaa adeema ree?>> jedha ture.#19 2Mot 18:7; 24:1
23Rehuum, Shiimshaayi caafaanii fi hidhanni isaanii warri kaan, akkuma caaffanni Artashaastaa mootichaa fuula isaanii duratti dubbifameen ariitiidhaan Yerusaalemitti Yihudoota bira dhaqanii giddiidhaan hojicha isaan in dhaabsisan. 24Kana irratti hojiin ijaarsa mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessaa in dhaabate; hojichi hamma Daariyos mootiin Faares mo'ee waggaa lammaffaa isaatiitti gargar in cite*.#24 4:5

Currently Selected:

Macaafa Izraa 4: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in