Macaafa Izraa 10
10
Yihudoonni Yaada Garaa Isaanii Geddarachuu Isaanii
1Izraan balbala mana qulqullummaa duratti gad gombifamee, boo'aa, kadhachaa, cubbuus himachaa utuu jiruu, Israa'el keessaa dhiirri, dubartiin, ijoolleenis tuuti sonaan baay'een, isa biratti walitti qabamanii, hirqinfatanii in boo'an. 2Qomoo Elaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehii'el deebisee Izraadhaan,<<Nuyi saba biyyichaa keessaa intaloota ormaa fuudhuun keenya Waaqayyo keenya duratti cubbuu hojjenneerra; kana keessaa immoo Israa'elootaaf amma iyyuu abdiin jira*. 3Egaa kottaa akka gorsa gooftaa kootii fi akka gorsa warra abboommii Waaqayyo keenyaa sodaataniitti dubartoota kana ijoollee isaan da'anii wajjin of biraa in adeemsifna; kunis seeraan haa ta'u! 4Kun si harka jira; nuyis sii wajjin jirra, ka'i, jabaadhuu hojjedhu!>> jedhe. 5Yommus Izraan ka'ee akka dubbii kanaatti akka hojjetaniif luboota warra geggeessitoota, Lewwootaa fi namoota Israa'el warra kaan guutummaatti in kaksiise; isaanis in kakatan.#2 9:1-2
6Kana booddee Izraan balbala mana qulqullummaa duraa ka'ee, gara kutaa manaa isa Yehohaanaan ilmi Eliyaashiib keessa taa'u in dhaqe; sababii amanamummaa dhabuu warra booji'amanii turaniif gadda irraa kan ka'e midhaan utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin achi in bule. 7Kana booddee warri iddoo itti booji'amanii deebi'an hundinuu Yerusaalemitti akka walitti qabamaniif, kutaa biyya Yihudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin in labsame. 8Namni guyyaa sadii keessatti achitti hin argamin hafe immoo, murtoo geggeessitoonnii fi jaarsoliin kennaniin, wanti inni qabu hundinuu sarbamee, ofii isaatiis waldaa warra biyya itti booji'amanii deebi'anii keessaa in baafama.
9Guyyaa sadan sana keessatti namoonni Yihudaa fi namoonni Benyaamiin Yerusaalemitti walitti in qabaman; ji'a salgaffaatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa digdammaffaa namoonni hundinuu dhufanii oobdii mana qulqullummaa keessa in taa'an; dubbiin kunii fi bokkaan yandoon yeroo sana roobee isaan in rom'isiise. 10Yommus Izraan lubichi ka'ee jaraan,<<Isin hin amanamne, intaloota ormaa fuudhuun keessan yakka Israa'el irratti yakka dabaltaniittu; 11amma Waaqayyo gooftaa abboota keessaniitti cubbuu keessan himadhaa, wanta isatti tolu godhaa! Saba naannoo keessan jiranii fi dubartoota warra ormaa keessaa fuutan ofittii gargar baasaa!>> jedhe.
12Kana irratti guutummaan waldichaa deebisee sagalee guddaadhaan,<<Dubbiin kun dhugaa dha! Amma immoo wanta ati jette gochuun nuuf in ta'a. 13Garuu nuyi namoota baay'ee dha, yeroon isaas yeroo bokkaa yandoo waan ta'eef, ala dhaabachuu hin dandeenyu; kanuma irratti iyyuu immoo nuyi yakka guddaa yakkine; dubbichis guyyaa tokko yookiis guyyaa lamatti kan raawwatu miti. 14Kanaafis hamma dubbiin kun iddoo ga'utti geggeessitoonni keenya dubbii kana irra haa turan! Dheekkamsi Waaqayyoo inni boba'aan waa'ee dubbichaaf nutti dhufe kun hamma nu irraa deebi'utti, warri intaloota ormaa fuudhan hundinuu jaarsolii fi abboota firdii mandara mandara isaanii wajjin yeroo dhaabataatti haa dhufan!>> jedhan. 15Yonaataan ilma Asaahelii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwaa duwwaatu dubbichaan morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichis immoo yaada isaanii in fudhatan.
16Yeroo sanatti warri biyya itti booji'amanii deebi'anis akkuma yaada dhi'aatetti in raawwatan; Izraan lubichi akka mana mana abbaa isaaniitti dura-buutota qomoo in fo'ate; addaan isaan baasees maqaa maqaa isaanii in caafate; isaan immoo ji'a kurnafaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti taa'anii dubbicha qorachuu in jalqaban. 17Ji'a jalqabaatti, ji'ichattiis guyyaa tokkoffaatti waa'ee namoota warra intaloota ormaa fuudhanii qoratanii in raawwatan.
Israa'eloota Intaloota Ormaa Fuudhuudhaan Yakka Hojjetan
18Gosa lubootaa keessaa intaloota ormaa kan fuudhan kanatti aananii jiru; ilmaan Iyaasuu ilma Yozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa Ma'aseyaa, Elii'ezer, Yaariibii fi Gedaaliyaa dha.
19Isaan hundinuu dubartoota isaanii kana akka gad dhiisaniif kakatanii waliif in galan; sababii yakka isaaniif tokkon tokkon isaanii aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko tokko in dhi'eessan.
20Ilmaan Iimer keessaa, Haanaanii fi Zebaadiyaa dha.
21Ilmaan Haariim keessaa, Ma'aseyaa, Eliyaas, Shemaa'iyaa, Yehii'elii fi Uziyaa dha.
22Ilmaan Phaashhur keessaa, Elyo'enaayi, Ma'aseyaa, Ishmaa'el, Nataani'el, Yozaabaadii fi El'aasaa dha.
23Lewwoota keessaa immoo, Yozaabaad, Shime'ii, Qelaayaa innis Qeliixaa dha, Phetaahiyaa, Yihudaa fi Elii'ezer.
24Faarfatoota keessaa, Eliyaashiib, karra eegdota keessaa, Shaalum, Xelemii fi Urii dha.
25Israa'eloonni warri kaan kanatti fufanii jiru; isaanis immoo ilmaan Faarosh keessaa, Ramiiyaa, Yiziiyaa, Malkiiyaa, Miiyaamiin, El'aazaar, Malkiiyaa fi Benaayaa dha.
26Ilmaan Elaam keessaa, Mataniyaa, Zakaariyaas, Yehii'el, Abdii, Yeremootii fi Eliyaas.
27Ilmaan Zaatuu keessaa, Elyo'enaayi, Eliyaashiib, Mataniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziizaa dha.
28Ilmaan Bebaayi keessaa, Yehohaanaan, Haanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
29Ilmaan Baanii keessaa, Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaashub, Shi'eelii fi Yiremoot.
30Ilmaan Fa'aat Mo'aab keessaa, Adnaayi, Kilaal, Benaayaa, Ma'aseyaa, Mataniyaa, Bezaali'el, Binuyii fi Minaasee dha.
31Ilmaan Haariim keessaa, Elii'ezer, Yishiiyaa, Malkiiyaa, Shemaa'iyaa, Shimi'oon,
32Benyaamiin, Maluukii fi Shemaariyaa dha.
33Ilmaan Hashum keessaa, Matenayi, Mataataa, Zaabaad, Eliifelex, Yeremaayi, Minaasee fi Shime'ii dha.
34Ilmaan Baanii keessaa, Ma'aadaayi, Amraamii, U'el,
35Benaayaa, Bedeyaa, Keluhii,
36Waanyaa, Meremoot, Eliyaashiib,
37Mataniyaa, Matenayii fi Yaa'asaawuu dha.
38Ilmaan Binuyi keessaa, Shime'ii,
39Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa,
40Maknadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi,
41Azaari'el, Shelemiyaa, Shemaariyaa,
42Shaalum, Amaariyaa fi Yoseef.
43Ilmaan Neboo keessaa, Yi'ii'el, Matiitiyaa, Zaabaad, Zebiinaa, Yaadaayi, Yo'elii fi Benaayaa dha.
44Namoonni kun hundinuu warra intaloota ormaa fuudhanii dha; dubartoota kana keessaas kaan ilmaan horaniiruuf.
Currently Selected:
Macaafa Izraa 10: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.