Macaafa Izraa 9
9
Israa'eloonni Saba Naannoo Isaanii Wajjin Fuudhaa Fi Heerumaan Wal Makuu Isaanii
1Kun hundinuu erga ta'ee booddee, geggeessitoonni gara koo dhufanii,<<Sabni Israa'el luboonnii fi Lewwoonni iyyuu utuu hin hafin Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota warra naannoo isaanii jiraniif hojii isaanii isa ciiggaasisaa irraa of hin eegganne; 2namoonni Israa'el kun ofii isaaniitii intaloota saba naannoo isaanii in fuudhan, ilmaan isaaniis in fuusisan; akkasitti sanyiin qulqullaa'aan saboota naannoo isaa jiranii wajjin wal make; geggeessitoonnii fi gargaartonni warra biyya bulchanii amanamuu dhabuu kana keessatti warra jalqabaa turan>> jedhan*. 3Ani kana yommuun dhaga'e na'ee dinqifadhee gadda irraa kan ka'es uffata koo fi kitaa koo tarsaasee, mataa koo fi areeda koo of irraa ciree, of irra gad nan taa'e. 4Sababii amanamuu dhabuu warra biyya itti booji'amanii deebi'aniif, isa Waaqayyo inni kan Israa'el dubbate dhaga'anii warri rom'an ana biratti walitti in qabaman; anis na'ee dinqifadheen hamma yeroo aarsaa galgalaatti achuma taa'e.#1-2 Bau 34:11-16; Nah 13:23-28; Mil 2:10-12; Kes 7:3; 23:3
5Ani yeroo aarsaa isa galgalaatti lafan taa'ee gaddaa turee nan ka'e; uffanni koo fi kitaan koo akkuma tarsa'ee jirutti jilbeenfadhee kadhataaf harka koo gara Waaqayyo gooftaa kootti bal'isee, 6<<Yaa Waaqayyo ko, ani nan yeella'e, shan keessaas nan cabe; yakki keenya ol ka'ee mataa keenya caaleera, balleessaan keenyas bantii waaqaa bira ga'eera; kanaafis gara kee ilaaluu hin danda'u yaa Waaqayyo ko*! 7Bara abboota keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaa guddaa hojjechaa jirra; sababii yakka keenyaaf nuyi, mootonni keenyaa fi luboonni keenya harka mootota biyya naannoo keenya jiraniitti, billaatti, booji'amuutti, saamamuuf akkuma har'aa kana yeellaasifamuutti kennamneerra. 8Amma garuu yeroo gabaabaadhaaf ati Waaqayyo gooftaan keenya araara nutti argisiiftee hambaa nu hambiftee harka garbummaa jalaa baaftee, iddoo kee isa qulqullaa'aa keessa lafa amansiisaa irra nu dhaabdeetta; yaa Waaqayyo keenyaa, ati garbummaattii xinnoo nu furtee ija nu ibsiteetta. 9Nuyi garbummaa jala gallee utuma jirruu, ati Waaqayyoon keenya garbummaa keenya keessatti iyyuu nu hin ganne; nuyi bayyaannannee mana kee mana Waaqayyo keenyaa dhaabuudhaaf, isa jiges deebifnee ijaaruudhaaf mootonni Faares karaa akka nuuf kennaniif, kutaa biyya Yihudaa fi Yerusaalem keessattis dalasaa kan nuuf ta'an akka nuuf abboomaniif, ati Waaqayyoon keenya isaan duratti gaarummaa nu argisiifteetta.#6 Dan 9:7-8
10<<Amma immoo yaa Waaqayyo keenyaa, kana booddee maal jechuu dandeenya ree>> Nuyi abboommii kee, 11isa ati karaa garboota kee warra raajotaa,<<Biyyi isin dhaaluudhaaf itti galtan saba biyyichaatiin manca'eera, xuraa'ummaa hojii isaanii isa ciiggaasisaatiinis biyyicha waliin ga'aniiru*; 12kanaafis isin akka jabaattaniif, wanta gaarii biyyichi baasu akka nyaattaniif, biyyichas ijoollee keessaniif, dhaala bara baraa gootanii akka dabarsitaniif, intaloota keessan ilmaan isaaniitti hin heerumsiisinaa! Ilmaan keessanis intaloota isaanii hin fuusisinaa! Raawwattanii nagaa hin kenninaaf, akka isaanitti tolus hin godhinaa!>> jettee abboomte dhiifneerra*.#11 Lew 18:24-27 12 9:2
13<<Sababii hojii keenya isa hamaatiif balleessaa keenya isa guddaatiif kun hundinuu yoo nutti dhufe iyyuu, ati Waaqayyoon keenya nu hambiftee akka jiraannu nu goote malee, akka yakka keenyaatti nu hin adabne. 14Egaa deebinee abboommii kee in cabsinaa ree>> Saba wanta ciiggaasisaa hojjetanii wajjinis fuudhaa fi heerumaan wal in maknaa ree>> Yoo akkas goone hamma namni baraaramee hafu tokko illee dhibutti aartee nu hin balleessituu ree>> 15Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el, ati qajeelaa dha; namni tokko illee balleessaa hojjetee fuula kee dura dhaabachuu kan danda'u hin jiru; nuyi garuu baraaramnee hafnee har'a cubbuu keenyaa wajjin fuula kee dura jirra>> nan jedhe.
Currently Selected:
Macaafa Izraa 9: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.