Macaafa Izraa 8
8
Lakkoobsa Warra Biyya Itti Booji'amanii Izraa Wajjin Deebi'anii Galanii
1Bara mootummaa Artashaastaa mootichaa keessa ana Izraa wajjin Baabilonii kan dhufan dura-buutonni abbootaa fi warri maqaan isaanii isaanii wajjin caafame kanatti aanee kan jiruu dha*;
2gosa Fiinehaas keessaa, Gershoom; gosa Itaamaar keessaa, Daani'el; gosa Daawit keessaa, Haxush*,
3innis ilma Shekaaniyaa ture; gosa Faarosh keessaa Zakaariyaas; isaa wajjin immoo namoota dhibbaa fi shantamatu caafame.
4Gosa Phaahat Mo'aab keessaa Elyo'enaayi ilma Zaraayaa; isaa wajjin immoo namoota dhibba lamatu caafame.
5Gosa Zaatuu keessaa Shekaaniyaa ilma Yehaazii'el; isaa wajjin immoo namoota dhibba sadiitu caafame.
6Gosa Adiin keessaa Ebeed ilma Yonaataan; isaa wajjin immoo namoota shantamatu caafame.
7Gosa Elaam keessaa Yeshaa'iyaa ilma Ataaliyaa; isaa wajjin immoo namoota torbaatamatu caafame.
8Gosa Shefaaxiyaa keessaa Zebaadiyaa ilma Mikaa'el; isaa wajjin immoo namoota saddeettamatu caafame.
9Gosa Yo'aab keessaa Obaadiyaa ilma Yezii'el; isaa wajjin immoo namoota dhibba lamaa fi kudha saddeettu caafame.
10Gosa Baanii keessaa Shelomiit ilma Yosiifiyaa ti; isaa wajjin immoo namoota dhibbaa fi jaatamatu caafame.
11Gosa Bebaayi keessaa Zakaariyaas ilma Bebaayi; isaa wajjin immoo namoota digdamii saddeettu caafame.
12Gosa Azigaad keessaa Yohaannaan ilma Aqaaxaan; isaa wajjin immoo namoota dhibbaa fi kudhantu caafame.
13Gosa Adoniiqaam keessaa warri gara booddee Eliifelex, Yeu'elii fi Shemaa'iyaa dha; isaanii wajjin immoo namoota jaatamatu caafame.
14Gosa Biigwaayi keessaa, Utaayii fi Zaakur; isaanii wajjin immoo namoota torbaatamatu caafame.#1 7:1,7 2 1Sen 3:22
15Anis bishaan isa gara mandara Ahawaatti yaa'u biratti walitti isaan nan qabe; iddoo buufataa sanas guyyaa sadii in teenye; jaras yommuun to'adhe namoota warra kaanii fi luboota malee, Lewwoota hin argine. 16Kana irrattan dura-buutota keessaa Elii'ezerin, Arii'elin, Shemaa'iyaa, Elnaataanin, Yaariibin, Elnaataanin, Naataanin, Zakaariyaasii fi Meshulaamin akkasumas warra beektota keessaa Yoyaariibii fi Elnaataanin waamsisee, 17dhaqanii namoota mana Waaqayyo keenyaaf hojjetan akka nuuf fidaniif gara Iddoo isa lafa <<Kasiifaa>> jedhamutti dura-buutuu turee fi gara obboloota isaa warra mana qulqullummaa keessaa hojjetaniitti isaan nan erge. 18Irreen gargaarsa Waaqayyo keenyaa inni gaariin nuu wajjin waan tureef isaan sanyii Mahaalii ilma Lewwii Yaaqoob keessaa nama hubataa <<Sherebiiyaa>> jedhamu tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin namoota kudha saddeet*, 19akkasumas Hashabiiyaa, isaa wajjin immoo gosa Meraarii keessaa Yeshaa'iyaa, obboloota isaa fi ilmaan isaanii namoota digdama, 20kana malees, sanyii warra Daawitii fi gurguddoonni biyyaa Lewwootaaf akka hojjetaniif kennanii turan keessaa, hojjetoonni mana qulqullummaa dhibbi lamaa fi digdamni, adduma addaan caafamanii turan*.#18 7:6 20 1Sen 9:2
21Nuyi, ijoollee keenya, qabeenya keenya hundumaas karaa nagaa irra akka geggeessuuf Waaqayyo keenya duratti gad of deebifnee akka isa kadhannuuf bishaan mandara Ahawaa biratti sooma nan labse. 22Nuyi mootichaan,<<Irreen gargaarsa Waaqayyo keenyaa warra wanta gaariidhaaf isa barbaaddatan hundumaa wajjin jira; humni dheekkamsa isaa garuu warra dugda isatti gatan irratti in ta'a>> jennee dubbannee waan turreef, karaa irratti diinota keenya akka nu irraa eeganiif loltootaa fi abboota fardeenii mooticha kadhachuu nan yeella'e*. 23Kanaaf nuyi soomnee waa'ee kanaaf Waaqayyo keenya in kadhanne; innis nuuf in kadhatame.#22 7:6
24Yommus ani luboota warra geggeessitoota keessaa Sherebiiyaa fi Hashabiiyaa luboota akka isaanii kurnanii wajjin walumatti namoota kudha lama nan fo'e. 25Meetii, warqee fi mi'a garaa garaa isa mootichi, gorsitoonni isaa, gurguddoonni isaa fi Israa'eloonni achi turan hundinuu mana Waaqayyo keenyaaf kennanis miijanee isaanitti nan kenne. 26Wanti ani miijanee itti kennes meetii akka kiilo graamii kuma digdamii sadii, mi'a meetii irraa hojjetame akka kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shanii miijanu, warqee akka kiilo graamii kuma sadii fi dhibba shan, 27caabii warqee walumatti akka kiilo graamii kuma saddeetii fi dhibba shanii baasu, digdama; akkasumas mi'a ba'eessaa fi gati-jabeessa akka warqee sibiila borrajjii irraa hojjetame lama turan.
28Ani isaanitti dubbadhee,<<Isin, mi'i kun hundinuus Waaqayyoof kan qullooftanii dha; meetichii fi warqichi kennaa namoonni fedha isaaniitiin Waaqayyo gooftaa abboota keessaniitiif kennanii dha. 29Yerusaalemitti kutaa mana qulqullummaa keessatti luboota warra geggeessitoota, Lewwootaa fi abboota gosa Israa'el duratti miijantanii hamma laattanitti ba'eessa godhaatii eegaa!>> nan jedhe. 30Akkasitti luboonnii fi Lewwoonni meeticha, warqichaa fi mi'a qullaa'aa isa mana Waaqayyo keenyaa isa Yerusaalem keessaatti galfamuudhaaf miijaname in fuudhan*.#25-30 1:4; 7:19
31Nuyi Yerusaalem dhaquudhaaf ji'a isa duraatti, ji'ichattiis guyyaa kudha lammaffaatti bishaan mandara Ahawaa biraa in kaane; irreen gargaarsa Waaqayyo keenyaa nuu wajjin waan jiruuf, inni diinota keenyaa fi warra riphanii karaa irratti nu eeggatan nu oolche*. 32Akkasitti nuyi Yerusaalemin geenyee guyyaa sadiif in boqonne. 33Guyyaa afuraffaatti immoo gara mana Waaqayyo keenyaa dhaqnee meeticha, warqichaa fi mi'icha isa qullaa'aa miijannee, Meremoot lubicha ilma Uriiyaatti in kennine; Ele'azaar ilmi Fiinehaas, Lewwoonni lama Yozaabaad ilmi Iyaasuu fi No'aadiyaan ilmi Binuyii isaa wajjin turan. 34Wanti hundinuu lakkaa'amee miijanamee, akkuma miijanameenis guutummaatti in caafame.#31 7:6
35Yommus warri biyya itti booji'amanii deebi'an guutummaa Israa'eliif tuntunoo kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii ja'a, xobbaallaa hoolaa torbaatamii lama akkasumas aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeeyyii reettii kudha lama Waaqayyo isa kan Israa'eliif qalma gubamuuf in dhi'eessan; kun hundinuu qalma Waaqayyoof gubamuuf dhi'aate. 36Jarri abboommii mootichaa warra kutaa biyya mootichaa bulchanii fi abboota biyyaa kutaa biyya laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jirutti in kennan; isaan immoo namoota lafa itti booji'amanii deebi'an kanaaf hojii mana Waaqayyoo in gargaaran.
Currently Selected:
Macaafa Izraa 8: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.