Nuyi mootichaan,<<Irreen gargaarsa Waaqayyo keenyaa warra wanta gaariidhaaf isa barbaaddatan hundumaa wajjin jira; humni dheekkamsa isaa garuu warra dugda isatti gatan irratti in ta'a>> jennee dubbannee waan turreef, karaa irratti diinota keenya akka nu irraa eeganiif loltootaa fi abboota fardeenii mooticha kadhachuu nan yeella'e*. Kanaaf nuyi soomnee waa'ee kanaaf Waaqayyo keenya in kadhanne; innis nuuf in kadhatame.