YouVersion Logo
Search Icon

Seera Ba'uu 5

5
Dubbachuu Musee Irratti Mootiin Gibxii Saba Israa'el Irratti Miidhaa Jabeessuu Isaa
1Kana booddee Museenii fi Aaron mooticha bira dhaqanii,<<Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el,<<Sabni koo lafa onaatti ayyaana anaaf haa ayyaaneffatanii, gad isaan dhiisi!>> jedhe>> jedhan*. 2Mootichi immoo deebisee,<<Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhaga'ee namoota Israa'el gad dhiisu kun eenyu inni>> Ani Waaqayyoon hin beeku, namoota Israa'elis immoo gad hin dhiisu>> jedhe*. 3Ammas Museenii fi Aaron,<<Waaqayyo inni kan warra Ibrootaa nutti mul'ateera; egaa karaa guyyaa sadii lafa onaa keessa adeemnee, Waaqayyo keenya gooftichaaf aarsaa in dhi'eessina! Nuyi kana yoo gochuu dhabaanne, inni dha'icha yookiis waraana nutti in fida>> jedhan*. 4Mootiin warra Gibxii garuu Musee fi Aaroniin,<<Isin jara kana maaliif hojii dhowwitu>> Dhaqaa ba'aa keessan baadhaa!>> jedhe. 5Mootichi itti fufee,<<Jarri kun amma iyyuu warra biyya kanaa caalaa baay'ataniiru; isin immoo akka isaan hojii dhiisanii boqotan in barbaaddu!>> jedhe*.#1 3:18; 7:16; 8:1; 9:1,13 2 2Mot 18:35; Iyo 21:15; Dan 3:15 3 3:12 5 1:7,12
6Mootichi gaafasuma warra humnaan isaan hojjechiisan, warra hojii geggeessanis yommuu abboome, 7<<Cidii isa hojii xuuphiitiif hamma ammaatti jara kanaaf kennaa turtan, isaan ofii isaaniitii dhaqanii haa barbaaddatan malee, si'achi isin hin kenninaaf! 8Lakkoobsa xuuphii isaan hojjetaniis irraa hin cabsinaa, hammuma dur itti murame akka fidan godhaa! Jara kanatti hojiitu xinnaate, kanaaf<<Dhaqnee Waaqayyo keenyaaf aarsaa dhi'eessina>> jedhanii anatti iyyu. 9Isaan dubbii waa'ee hin baafne dhaggeeffachuu dhiisanii, hojii isaaniitti akka qabamaniif, hojiin ulfaataan isaan irra haa kaa'amu!>> jedhe.
10Warri humnaan isaan hojjechiisanii fi warri hojii geggeessan achii ba'anii saba sanaan,<<Mootiin,<<Si'achi ani cidii isiniif hin kennu, 11isin ofii keessanii dhaqaatii lafa argitanii cidii barbaaddadhaa; garuu hojii keessan durii irraa wanti tokko illee hin hir'atin>> jedhe>> jedhan! 12Jarris akka cidiitti xuuphii ittiin hojjechuudhaaf, iddoo midhaan irraa haamame qarmii walitti qabachuudhaaf, guutummaa biyya Gibxii keessa in tamsa'an. 13Warri humnaan isaan hojjechiisan immoo,<<Isa dur yeroo cidii argattan guyyaa guyyaatti hojjettan, ammas immoo hammuma sana guyyaa guyyaatti hojjedhaa!>> jedhanii isaan in jarjarsu turan. 14Warri mootichaaf humnaan isaan hojjechiisan immoo, saba Israa'el keessaa warra ofii isaaniitii hojii geggeessuu irra kaa'an sana reebanii,<<Har'aa fi kaleessa immoo maaliif lakkoobsa xuuphii isa dur hojjettan irraa hir'iftan?>> jedhanii gaafatan.
15Warri saba Israa'el keessaa hojii geggeessuu irra kaa'aman gara mootichaa dhaqanii iyyatanii,<<Maaliif nuun hojjetoota kee akkas goota>> 16Nuyi hojjetoota keef cidiin hin kennamne, garuu xuuphii hojjedhaa nuun jedhu; kanuma irratti iyyuu kunoo hojjetoonni kee in reebamu, garuu balleessaan immoo kan namoota keetii ti>> jedhan. 17Mootichi immoo,<<Isin dhibaa'oo dha, hojii hin hojjettan! Kanaaf<<Dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhi'eessina>> jettu; 18amma lafa hojii keessaniitti deebi'aa hojjedhaa! Hamma isinitti murame in dhi'eessitu, garuu cidiin isiniif hin kennamu!>> jedhe. 19Saba Israa'el keessaa warri hojii geggeessuu irra kaa'aman, lakkoobsi xuuphii isaan guyyaa guyyaatti hojjetan akka hin hir'anne yommuu isaanitti himametti, wanta hamaa keessa akka bu'an in argan.
Museen Rakkina Saba Isaa Gooftaatti Dhi'eessuu Isaa
20Warri hojii geggeessan sun mooticha biraa ka'anii, Museedhaa fi Aaron warra isaan eegaa turanitti ba'an; 21Museedhaa fi Aaroniin immoo,<<Fooliin keenya mootichaa fi hojjetoota isaa biratti akka xiraa'u gootanii, billaa isaan ittiin nu ajjeesanis harka isaaniitti akka kennitanitti waan lakkaa'amuuf, Waaqayyo isinitti haa ilaalu! Isinitti haa faradus!>> jedhan.
22Museen immoo deebi'ee Waaqayyoon,<<Yaa gooftaa, maaliif saba kanatti wanta hamaa fidde>> Egaa maaliif ana ergite ree>> 23Erga ani mooticha bira dhufee maqaa keetiin isatti dubbachuu jalqabee, inni wanta hamaa saba kana irraan ga'eera, ati immoo saba kee kana oolchuudhaaf waan tokko illee hin goone>> jedhe.

Currently Selected:

Seera Ba'uu 5: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in