Seera Ba'uu 6
6
Waaqayyo Museedhaaf Deebii Kennee Ammas Isa Erguu Isaa
1Waaqayyo immoo Museedhaan,<<Mootichi harka koo isa jabaadhaan qabamee waan isaan gad dhiisuuf, inni biyya isaa keessaa iyyuu oofee akka isaan baasuuf, amma irree koo isa cimaadhaan waanan isa irratti hojjedhu arguuf jirta>> jedhe*.#1 11:1; 12:33
2Yommus Waaqayyo Museedhaan,<<Ani Waaqayyoo dha; 3ani Waaqayyo inni hundumaa danda'u, Abrahaamitti, Yisihaqitti, Yaaqoobittis mul'adheera; garuu maqaan koo <<Waaqayyo isa jiraataa dha>> jedhee isaanitti of hin beeksifne*. 4Biyya Kana'aan biyya takka galaa ta'anii keessa jiraatan isaaniif kennuudhaaf immoo kakuu isaanii wajjin galeera*. 5Kana malee immoo aadnaa Israa'eloota warra namoonni biyya Gibxii akka garbaatti hojjechiifachaa turanii dhaga'ee, kakuu koo yaadadheera. 6Egaa Israa'elootaan,<<Ani Waaqayyoo dha! Ba'aa warra Gibxii jalaa isin nan baasa, garbummaa isaanii keessaas isin nan oolcha; ani irree koo ol fudhadhee firdii gurguddaadhaan isin nan fura. 7Ani saba koo isin godhadhee isin nan simadha, Waaqayyo keessanis isiniif nan ta'a; isin immoo ani Waaqayyo keessan goofticha isa ba'aa warra Gibxii jalaa isin baasu akkan ta'e in beektu*. 8Ani biyya isan Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif kennuudhaaf kakadhe sanatti isin nan galcha, dhuunfaa keessan godhees isiniif nan kenna; ani Waaqayyoo dha>> jedhi!>> jedhe*. 9Museenis Israa'elootatti kana in hime, isaan garuu yaadni isaanii waan cabeef, garbummaanis waan isaanitti jabaateef isa hin dhaggeeffanne.#3 Uma 17:1; 28:3; 35:11; Bau 3:14-15 4 Uma 12:7; 17:7-8 7 Lew 11:45 8 Uma 22:16
10Waaqayyo yommus Museedhaan, 11<<Gara mootii Gibxii dhaqiitii akka inni Israa'eloota biyya isaa keessaa gad dhiisu, itti dubbadhu!>> jedheen. 12Museen garuu Waaqayyo duratti deebisee,<<Kunoo sabni Israa'el iyyuu ana hin dhageenye, attamitti mootichi immoo ana nama afaan isaa qajeelchee hin dubbanne#Bau 6:12,30 <<Nama afaan isaa qajeelchee hin dubbanne>> Ib<<Nama hidhiin isaa dhagna hin qabamin?. dhaga'a ree?>> jedhe*. 13Waaqayyo garuu Musee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxii keessaa baasuudhaaf, dhaqanii Israa'elootatti, mootii Gibxiittis akka himan isaan abboome.#12 4:10
Hidda Dhaloota Musee fi Aaron
14Warri maqaan isaanii kanatti fufee jirus, dura-buutuu sanyii abboota isaanii keessaa waamamanii dha; ilmaan Ruuben ilma Israa'el isa angafaa, Henok, Faluu, Hezronii fi Karmii dha; isaan kun gosa Ruuben. 15Ilmaan Shimi'oon, Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawulin durba warra Kana'aantu da'e; isaan kun immoo gosa Shimi'oon.
16Kanatti aanee immoo maqaa ilmaan Lewwiitu akka dhaloota isaaniitti dhufa; isaan Gershoon, Qehaat, Meraarii dha; Lewwii hamma waggaa dhibbaa fi soddomii torba guututti in jiraate*.
17Ilmaan Gershoon immoo, akka gosa isaaniitti Liibnii fi Shime'ii turan. 18Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Hebron, Uzii'elis; barri jireenya Qehaat waggaa dhibbaa fi soddomii sadii ture. 19Ilmaan Meraarii, Maahilii, Mushiis, isaan kun akka dhaloota isaaniitti gosa Lewwii turan*. 20Amraam Yokebeedin obboleettii abbaa isaa fuudhe, isheen Aaronii fi Musee in deesseef; barri Amraam jiraate waggaa dhibbaa fi soddomii torba ture*.#14-16 Uma 46:9-11 16-19 Lak 3:17-20 1Sen 5:27-30; 6:1-4 20 2:1-2
21Ilmaan Yizhaar immoo, Qoraahi, Nefeg, Ziikriis turan. 22Ilmaan Uzii'el immoo, Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitrii dha*. 23Aaron, Eliishebaa intala Aminaadaab obboleettii Nahishoon fuudhe; isheen Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaarin deesseef*. 24Ilmaan Qoraahi, Asiir, Elqaanaa fi Abii'aasaaf turan; isaan kun gosa Qoraahotaa ti. 25Ele'azaar ilmi Aaron durboota Futii'el keessaa tokko fuudhe; isheen Fiinehaasin deesseef; isaan kun akka gosa gosa isaaniitti dura-buutuu abboota sanyii Lewwii ti.#22 Lew 10:4 23 Bau 28:1
26Aaronii fi Museen warri Waaqayyo,<<Isin Israa'eloota akka kutata kutata isaaniitti biyya Gibxii baasaa!>> jedheen isaan kana. 27Waa'ee Israa'eloota biyya Gibxiitii baasuu, warri mootii Gibxiitti dubbatan isaan kana turan; Museen, Aaronis isaanuma kana. 28Gaafas Waaqayyo biyya Gibxiitti Museetti in dubbate; 29inni Museedhaan,<<Ani Waaqayyoo dha, waanan sitti dubbadhu hundumaa, mootii Gibxiitti himi!>> jedhe. 30Museen garuu achuma Waaqayyo duratti,<<Kunoo, anoo nama afaan isaa qajeelchee hin dubbannee dha, mootichi attamitti anaaf dhaga'a ree?>> jedhe*.#30 4:10; 6:12
Currently Selected:
Seera Ba'uu 6: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.