Lakkoobsa xuuphii isaan hojjetaniis irraa hin cabsinaa, hammuma dur itti murame akka fidan godhaa! Jara kanatti hojiitu xinnaate, kanaaf<<Dhaqnee Waaqayyo keenyaaf aarsaa dhi'eessina>> jedhanii anatti iyyu. Isaan dubbii waa'ee hin baafne dhaggeeffachuu dhiisanii, hojii isaaniitti akka qabamaniif, hojiin ulfaataan isaan irra haa kaa'amu!>> jedhe.