1
Seera Ba'uu 4:11-12
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Yommus Waaqayyo immoo,<<Afaan namaa eenyutu uume>> Eenyutu didaa yookiis duudaa, kan argu yookiis jaamaa isa godha>> Ana Waaqayyo mitii ree*>> Kanaaf amma ati dhaqi, ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara! Waan ati dubbattus sin barsiisa!>> jedheen*.
Compare
Explore Seera Ba'uu 4:11-12
2
Seera Ba'uu 4:10
Museen garuu Waaqayyoon,<<Yaa gooftaa ko, ani duris nama arraba qajeeluu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabes ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata>> jedhe*.
Explore Seera Ba'uu 4:10
3
Seera Ba'uu 4:14
Yommus dheekkamsi Waaqayyoo Musee irratti in boba'e; Museedhaan,<<Obbooleessi kee Aaron, sanyiin Lewwii jira mitii>> Inni ba'eessa godhee akka dubbatu ani beeka; kunoo, inni si simachuudhaaf in ba'a, yommuu si argus garaa isaatti in gammada.
Explore Seera Ba'uu 4:14
Home
Bible
Plans
Videos