Yommus Waaqayyo,<<Gad qabamuu saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba'uudhaaf iyyatanis dhaga'eera; dhiphina isaaniis ani beeka*; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu'eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal'aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, lafa Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaattis ol isaan nan baasa.