Museen nama ga'aa erga ta'ee, gaaf tokko gara sanyii isaatti gad ba'ee hojii isa ba'aa ulfaataa isaanitti ta'e sana in ilaale; namni Gibxii tokko Ibroota sanyii isaa keessaa isa tokko utuu rukutuu arge*. Inni asii fi achi ilaalee nama biraa tokko illee yeroo dhabetti, namicha Gibxii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse.