HOJII ERGAMOOTAA 2
2
Bu'uu Hafuura Qulqulluu
1Ayyaanni guyyaa shantamaffaa inni ?Phenxeqostee? jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan*. 2Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute. 3Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an. 4Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban*.#1 Lew 23:15-21; Kes 16:9-11 4 4:31; 10:44-46; 19:6; Mat 3:11; Luq 3:16; Mar 16:17; 1Qor 13:1; 14:1-14
5Yihudoonni Waaqayyoon sodaatan Yerusaalem kan jiraatan, saba irra lafa hundumaa keessaa kan dhufan turan. 6Jarreen kun hundinuu huursaa kana yommuu dhaga'an, iddoo kun ta'etti dacha'an; warri hafuura qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkon tokkon isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. 7Na'anii dinqifatanii, ?Warri dubbachaa jiran kun hundinuu Galiilota miti moo?? jedhanii gaafatan*. 8Dabalaniis, ?Tokkon tokkon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan dhageenya? 9Nuyi warri biyya Phaartee, warri Meediyaa, warri Elaam, nuyi namoonni Mesophotaamiyaa, warri Yihudaa, Qaphadooqiyaa, Phonxosii fi Asiyaas, 10nuyi warri Firiigiyaadhaa fi Phamfiliyaa, Gibxiidhaa fi kutaa Liibiyaa keessaa naannoo mandara Qareeneetii, nuyi warri Roomaas biyya ilaaluudhaaf kan dhufne. 11Nuyi Yihudoonni, amantii warra Yihudootaa kan fudhannes, nuyi warri Qareexisii fi Araboonni, isaan kun hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa afaan ofii keenyaan utuu jajanii in dhageenya? jedhan. 12Hundumti isaanii na'anii waan godhan wallaalanii, ?Kun maal ta'uuf jedha?? jedhanii wal gaggaafatan. 13Kaan immoo, ?Isaan kun daadhii jabaa quufaniiru? jedhanii itti ga'isan*.#7 1:11; Yoh 7:52 13 1Qor 14:19,23
Lallaba Phexros
14Phexros garuu warra kudha tokkoo wajjin dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, namootatti dubbachuutti ka'e, ?Isin yaa warra Yihudootaa, warri Yerusaalem jiraatanis hundinuu, mee hubadhaa, dubbiin koos isiniif haa galu! 15Jarreen kun kan machaa'an isinitti hin fakkaatin, amma ganama, yeroonis sa'aatii sadaffaa dha! 16Inni asitti ta'e kun garuu, waan Waaqayyo afaan raajicha Yo'eliin dubbatee dha;
17?Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta'a jedha Waaqayyo,
foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna,
ilmaan keessanii fi intaloonni keessan
raajii in dubbatu;
dargaggoonni keessan mul'ata in argu,
maanguddoonni keessanis abjuu in abjootu.
18Eyyee, guyyoota sanatti
hojjetoota koo warra dhiiraa fi dubartiidhaaf
hafuura koo nan kenna, raajiis in dubbatu.
19Wanta dinqisiisaa ol waaqa irraa,
milikkitas gad lafa irraa, dhiigaa fi ibidda,
aara lafa gurraachessus nan argisiisa;
20guyyaan gooftaa inni guddaanii fi dinqisiisaan
utuu hin dhufin,
aduun dukkanatti,
jiinis dhiigatti in geddaramti.
21Maqaa gooftaa kan waammatu
hundinuu immoo in oola? jedhe*.#17-21 Yoe 2:28-32 21 Rom 10:13
22?Isin yaa warra Israa'el, dubbii kana dhaggeeffadhaa, Waaqayyo harka Yesus nama Naazireet kanaan, hojii aangoo isaa, dinqiidhaa fi milikkita garaa garaa kan isin beektan, isin gidduutti hojjechuu isaatiin fudhatamaa isa godhe*. 23Namni kun akka Waaqayyo dur murtoo godhetti, akka yaada isaattis dabarfamee kenname; isin immoo harka warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin, muka irratti fanniftanii isa ajjeeftan*. 24Waaqayyo garuu hidhaa du'aattii hiike; inni harka du'aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef, du'aa isa kaase*.
25Daawit waa'ee isaatiif,
?Yeroo hundumaa goofticha fuula koo durattan ilaala,
akka ani hin sochooneefis
inni gara mirga koo jira;
26kanaaf garaan koo gammade,
arrabni koos in ililcha;
foon koos abdii keessa in buufata.
27Lubbuu koo iddoo warra du'aniitti hin dhiiftu,
dhuunfaa kees tortoratti dabarsitee hin kennitu*.
28Karaa gara jireenyaatti geessus na barsiifteetta;
anaa wajjin jiraachuu keetiin
garaa koo gammachuudhaan in guutta? in jedha*.#22 Yoh 3:2 23 Mat 27:35; Mar 15:24; Luq 23:33; Yoh 19:18; HoE 3:15; 4:28#24 Mat 28:5,6; Mar 16:6; Luq 24:5 25-28 Far 16:8-11 27 13:35
29?Yaa obboloota ko, waa'ee Daawit abaabilii keenyaa mul'inatti isinitti himuu nan jaalladha; inni du'eera awwaalameeras, awwaalli isaas hamma har'aatti iyyuu nu bira jira*. 30Inni raajii ture, Waaqayyo sanyii isaa keessaa tokko teessoo mootummaa isaa irra akka teessisuuf, kakuudhaan akka isa abdachiise in beeke*.
31Kanaaf duraan dursee argee, waa'ee du'aa ka'uu Kristosiif,
?Inni iddoo warra du'aniitti hin dhiifamne,
foon isaas tortoratti hin kennamne?
jedhee raajii dubbate*.
32Yesus kana, Waaqayyo du'aa kaaseera; nus hundumti keenya isa kanaaf dhuga-baatuu dha.
33Inni gara mirga Waaqayyoo abbaatti ol fudhatamee, hafuura qulqulluu isa abdachiifamee ture abbaa biraa fuudhee erge; kan isin amma argitanii fi dhageessan kun isa*.
34Daawit ofii isaa gara waaqaatti ol hin baane, haa ta'u iyyuu malee,
?Gooftichi gooftaa kootiin gara mirga koo taa'i,
35diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti?
jedhee dubbateera*.
36Egaa Waaqayyo, Yesus isa isin muka irratti fanniftan kana gooftaadhaa fi Masiihii akka godhe, Israa'elonni hundinuu utuu hin mamin haa beekan!? jedhe*.#29 1Mot 2:10; HoE 13:36 30 Far 132:11; 2Sam 7:12,13 31 Far 16:10 33 Yoh 12:32; 14:26 34-35 Far 110:1; Mat 22:44; Ibr 1:13 36 5:31; Filp 2:11
37Namoonnis kana dhaga'anii garaan isaanii baqaqe; Phexrosii fi ergamoota warra kaaniin, ?Yaa obboloota nana, maal goonu ree?? jedhan*. 38Phexros immoo, ?Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu*. 39Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi, ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraatanii, Waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafis? jedhee deebiseef*. 40Kana malees Phexros, kan biraa dubbii baay'eedhaan dhugaa isaanitti ba'e, ?Adaba dhaloota jal'aa kanatti dhufu jalaa oolaa!? jedhee, cimsee isaan gorse*. 41Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman*.#37 16:30; Luq 3:10; Ibr 4:12 38 3:19; Luq 24:47 39 Yoe 2:28,32; Isa 57:19; Yoh 10:16 40 Kes 32:5; Filp 2:15 41 4:4; 5:14
Jireenya Amantootaa
42Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan*. 43Dinqiinii fi milikkinni baay'een harka ergamootaatiin in godhamu, namoonni hundinuus Waaqayyoon in sodaatu turan*. 44Kan amanan hundinuu walii wajjin iddoodhuma tokko turan, kan isaan qaban hundinuus qixxee ture*. 45Araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan*. 46Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan. 47Isaan Waaqayyoon in galateeffatan, saba hundumaa durattis ayyaana argatan; gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale*.#42 20:7 43 5:5,11-16 44 4:32 45 4:34-35 47 2:21; 4:4; 5:14
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 2: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.