YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 7

7
Saamu'el Saba Israa'el Geggeessuu Isaa
1Warri mandara Kiriiyat-Ya'ariim dhufanii sanduuqa kakuu Waaqayyoo fudhatanii, gara mana Abiinaadaab isa tulluu irra jirutti in geessan; Ele'azaar ilmi isaa immoo sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana akka eeguuf addaan isa in baasan*. 2Sanduuqi kakuu Waaqayyo gara mandara Kiriiyat-Ya'ariimitti erga geeffamee yeroo dheeraa dha, innis akka waggaa digdamaa ti; sabni Israa'el guutummaatti boo'ichaan gara Waaqayyootti in deebi'e. 3Yommus Saamu'el namoota Israa'el hundumaan,<<Isin waaqayyolii ormaa, Ashtaarotii fi warra kaan of gidduudhaa calaaftanii, garaa keessan guutuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebitan, garaa keessan guutummaatti isaaf yoo kennitan, isa duwwaas yoo waaqeffattan, inni harka warra Filisxeemotaa isin in oolcha>> jedhe*. 4Kana irratti warri Israa'elis Ba'aalii fi Ashtaarotin calaasanii Waaqayyoon duwwaa in waaqeffatan*.#1 2Sam 6:1-4 3 Iya 24:23; Uma 35:2 4 Abo 10:16
5Yommus Saamu'el, Waaqayyoon isaaniif kadhachuudhaaf, Israa'eloonni hundinuu Miisphaatti akka walitti qabamaniif in waame*. 6Isaanis Miisphaatti walitti qabamanii bishaan buduqsanii Waaqayyo duratti in dhangalaasan; itti fufaniis Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuu isaanii himachaa guyyaa sana guutuu in sooman; Saamu'el immoo mandara Miisphaa keessa taa'ee saba Israa'eliif firdii in kenna ture*. 7Filisxeemonni akka namoonni Israa'el Miisphaatti walitti qabaman yommuu dhaga'an, gurguddoonni Filisxeemotaa warri humnaan mo'an isaan rukutuudhaaf in ba'an; Israa'eloonni immoo kana dhaga'anii isaan in sodaatan. 8Kana irratti Saamu'eliin,<<Waaqayyo gooftaan keenya harka warra Filisxeemotaa akka nu oolchutti isa nuuf kadhachuu gargar hin kutin!>> jedhan. 9Yommus Saamu'el ilmoo hoolaa tokko fudhatee qalee, qalma gubamu Waaqayyoof dhi'eessee, saba Israa'eliif gara Waaqayyootti in iyye; kadhata isaas Waaqayyo in dhaga'eef*. 10Saamu'el qalma gubamu sana dhi'eessuutti utuu jiruu, Filisxeemonni Israa'elootatti lola kaasuudhaaf itti in dhi'aatan; Waaqayyo garuu gaafasuma sagalee guddaadhaan Filisxeemotatti qaqaweessa'ee waan godhan isaan in wallaalchise; kanaafis isaan Israa'eloota duratti in rukutaman*. 11Namoonni Israa'elis Miisphaadhaa ba'anii hamma Betkaar godaatti Filisxeemota ari'anii in rukutan.#5 10:17; Abo 20:1 6 2Sam 23:16 8-9 12:23; 1Mot 13:6; Er 37:3 10 2:10; Uma 35:5; Bau 14:24; 23:27
12Saamu'elis dhagaa guddaa tokko fuudhee Miisphaadhaa fi Sheen gidduu dhaabe;<<Waaqayyo hamma yowwanaatti nu gargaareera>> jedhee, maqaa iddoo sanaa Ebeen-Ezeritti in moggaase; [<<Ebeen-Ezer>> jechuun,<<Dhagaa gargaarsaa>> jechuu dha]. 13Irreen Waaqayyoo Filisxeemotaan waan mormeef guutummaa bara Saamu'elitti gad isaan deebisee ture; isaan deebi'anii saamichaaf gara daarii biyya Israa'el hin dhufne. 14Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti mandaroota Filisxeemonni qabatanii turan hundumaa Israa'eloonni deebifatanii biyya daarii irraa sana harka isaanii jalaa in baafatan; warra Amoorotaa wajjinis nagaatti in jiraatan.
15Saamu'el guutummaa bara jireenya isaatti akka abbaa firdiitti Israa'elin in geggeesse. 16Inni wagguma waggaatti ba'ee Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa naanna'ee, namoota iddoo kanaa hundumaaf firdii in kenna ture. 17Yeroo yeroottis gara Raamaa iddoo manni isaa jirutti deddeebi'ee, achittis Israa'elootaaf firdii in kenna ture; kana malees Raamaatti iddoo itti Waaqayyoof aarsaa dhi'eessan in ijaare.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Macaafa Saamu'el Isa Duraa 7