Macaafa Saamu'el Isa Duraa 6
6
Sanduuqi Kakuu Waaqayyoo Biyya Israa'elitti Deebi'uu Isaa
1Sanduuqi kakuu Waaqayyoo ji'a torba biyya Filisxeemotaa yommuu ture, 2Filisxeemonni lubootaa fi warra hooda dubbatan waammatanii,<<Sanduuqa kakuu Waaqayyoo kana attam goonu>> Karaa ittiin deebifnee iddoo isaatti erginus nutti himaa!>> jedhan. 3Isaanis deebisanii,<<Sanduuqa kakuu Waaqayyoo isa kan Israa'el yoo deebiftan, aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuu wajjin deebisaa ergaa malee, isa duwwaa hin erginaa! Yommus in fayyitu, harki Waaqayyoo inni isinitti ulfaatu maaliif akka isin irraa hin kaafamin tures in beektu>> jedhaniin.
4Jarri ammas,<<Aarsaan nuyi sababii yakkaatiif isaaf erginu maal inni?>> jedhanii in gaafatan; luboonnii fi warri hooda dubbatan sun deebisanii,<<Akaakuun dha'icha isinii fi gurguddoota keessan warra humnaan mo'an rukute tokkichuma waan ta'eef, akka baay'ina gurguddoota keessaniitti fakkeenya iitoo warqee irraa hojjetamee shan, fakkeenya hantuuta warqee irraa hojjetamee shan, 5fakkeenyota warra biyya keessan balleessuutti jiranii, fakkeenya iitoo fi fakkeenya hantuutaa tolchaatii ulfina Waaqayyoo isa kan Israa'eliif galchaa! Tarii Waaqayyo harka isaa isa isinitti ulfaate isin irraa, waaqayyolii keessanii fi biyya keessan irraa in kaasa ta'a. 6Isin garuu maaliif akkuma mootii Gibxii fi warra Gibxii mata-jabeeyyii taatu ree>> Isaan iyyuu Waaqayyo qabaa cimaadhaan isaan qabnaan Israa'eloonni akka adeemaniif gad dhiisan mitii ree*>> 7Ammas konkolaataa haaraa tolchaa! Dhaltii lama kan kanaan dura waanjoon irra hin ga'in fidaa! Jabboota isaanii gara manaatti biraa deebisaatii, saawwan sana immoo konkolaatichatti camadaa*! 8Sanduuqa kakuu Waaqayyoo fuudhaatii konkolaaticha irra kaa'aa! Kennaa aarsaa sababii yakkaatiif dhi'aatuuf isa warqee irraa hojjetame sana immoo sanduuqa isa sanduuqa kakuu Waaqayyoo bukkee jiru keessa kaa'aatii akka inni dhaquuf karaa isaa irra buusaa! 9Garuu duukaa bu'aatii ilaalaa! Yoo inni karaa isaa irra bu'ee gara biyya isaa gara mandara Bet-Shemeshitti adeemeef, wanta hamaa hammana ga'u kana kan nutti fide Waaqayyo akka ta'e, yoo achi dhaquu dhabaate immoo balaan kun harka Waaqayyootiin utuu hin ta'in ofuma isaatiin akka nutti dhufe in beekna>> jedhan.#6 Bau 4:21; 12:31; 7:3 7 2Sam 6:3-4; Lak 19:2; Kes 21:3
10Namoonni sunis akkuma gorfamanitti dhaltii lama konkolaatichatti camadanii, jabboota isaanii biraa deebisanii manatti itti in cufan. 11Isaan sanduuqa kakuu Waaqayyoo sana akkasumas sanduuqa fakkeenya hantuuta warqee irraa hojjetamee fi fakkeenya iitoo warqee irraa hojjetamee baattuu konkolaataa irra in kaa'an. 12Yommus saawwan sun qajeelanii karaa irra bu'anii asii fi achi utuu hin jal'atin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti utuu hin gorin mar'achaa gara Bet-Shemeshitti in sokkan; gurguddoonni Filisxeemotaa warri humnaan mo'an immoo hamma daarii Bet-Shemeshitti booddeedhaan isaan duukaa in adeemu turan. 13Yeroo sanatti namoonni Bet-Shemesh dachaa keessaa qamadii utuu haammatanii ol ilaalanii sanduuqa kakuu Waaqayyoo in argan; isa yommuu arganis in gammadan. 14Konkolaatichi immoo maasii Iyaasuu nama Bet-Shemesh keessa ga'ee, kattaa guddaa tokko bira in dhaabate; namoonni achii immoo muka konkolaatichaa falaxanii saawwan sanas qalanii qalma gubamu Waaqayyoof in dhi'eessan. 15Warri lubootaas sanduuqicha kakuu Waaqayyoo akkasumas sanduuqa isa mi'a warqee irraa hojjetaman baattuu konkolaaticha irraa gad buusanii kattaa guddaa sana irra in kaa'an; namoonni Bet-Shemesh gaafas qalma gubamuu fi aarsaa garaa garaa Waaqayyoof in dhi'eessan. 16Gurguddoonni Filisxeemotaa shanan waan ta'e kana hundumaa arganii gaafasuma Eqroonitti in deebi'an.
17Filisxeemonni maqaa kutaa biyya isaanii shananiitiin fakkeenya iitoo warqee irraa hojjetamee tokko tokko kennaa sababii yakkaatiif dhi'aatu godhanii Waaqayyoof in dhi'eessan; isaan kun shananis Ashdood, Gaazaa, Ashqalon, Gaatii fi Eqroon turan. 18Lakkoobsa fakkeenya hantuuta warqee irraa hojjetamanii duukaa ergamanii immoo akka lakkoobsa gurguddoota Filisxeemotaa shanan warra masaraadhaa fi gandeen naannoo isaaniitii qabanii ture; kattaan guddaan maasii Iyaasuu nama Bet-Shemesh keessatti argamu, inni jarri sanduuqa kakuu Waaqayyoo irra kaa'an sun hamma har'aatti dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha.
19Warri Bet-Shemesh sanduuqa kakuu Waaqayyoo keessa waan ilaalaniif, Waaqayyo isaan rukutee, namoota kuma shantama#1Sam 6:19 <<Kuma shantama keessaa>> Ib baay'een <<Kuma shantamaa fi torbaatama?. keessaa torbaatama in ajjeese; sababii Waaqayyo dha'icha guddaadhaan isaan dha'eef namoonni in gaddan*. 20Kana irratti namoonni Bet-Shemesh,<<Eenyutu Waaqayyo goofticha qulqullaa'aa kana dura dhaabachuu danda'a>> Sanduuqi kakuu kunis asii ba'ee eessa haa dhaqu ree?>> jedhan. 21Achumaanis namoota mandara Kiriiyat-Ya'ariimitti nama erganii,<<Warri Filisxeemotaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo deebisaniiruutii, kottaatii fudhadhaa deebi'aa!>> jedhan.#19 Lak 4:20; 2Sam 6:6-7
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 6: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.