YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 8

8
Sabni Israa'el Mootiin Akka Isaaniif Moosifamu Gaafachuu Isaanii
1Saamu'el yommuu dulloome ilmaan isaa abboota firdii ta'anii Israa'elin akka geggeessan in godhe. 2Maqaan ilma isaa isa angafaa <<Yo'el?, kan isa quxisuu immoo <<Abiiyaa>> jedhama ture; isaan mandara Bersheebaatti abboota firdii turan*. 3Isaan garuu akka abbaa isaanii hojii isa qajeelaa duukaa hin buune; bu'aa dalgaa argachuuf gabbarsuu fudhatanii, firdii in jal'isan.#2 1Sen 6:13
4Kana irratti jaarsoliin saba Israa'el hundinuu walitti qabamanii Raamaatti Saamu'el bira in dhufan. 5Jaarsoliin sun Saamu'eliin,<<Kunoo, ati dulloomteetta; ilmaan kees hojii kee isa qajeelaa duukaa hin buune; sabni kan biraa hundinuu akkuma qaban amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!>> jedhan*. 6Saamu'el garuu,<<Amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!>> jechuu isaanii kanatti hin gammanne; kanaafis Waaqayyoon in kadhate. 7Waaqayyo yommus Saamu'eliin,<<Jarri kun ana isa isaan irratti mo'e tuffachuu isaanii ti malee, si tuffachuu isaanii miti; ammas waan isaan sitti himatan hundumaa dhaga'iif*! 8Waanuma biyya Gibxiitii gaafan isaan baase jalqabanii hamma har'aatti ana dhiisanii waaqayyolii ormaa waaqeffachuu isaaniitiin hojjetan si irrattis in hojjetu. 9Ati garuu waan isaan sitti himatan dhaga'iif! Haa ta'u iyyuu malee, mootiin isaan irratti mo'u maal gochuuf akka jiru cimsii of isaan eeggachiisi!>> jedheen.#5 8:20; Kes 17:14-20; Hos 13:10; HoE 13:21 7 Abo 8:23; 1Sam 12:12; Bau 15:18; Kes 33:5; Far 24:7-10; 74:12; Isa 6:5
10Yommus Saamu'el dubbii Waaqayyo isatti dubbate hundumaa namoota mootii akka isaaniif moosisuuf isa gaafatanitti in hime. 11Itti fufees,<<Mootichi isin irratti mo'uuf jiru, ilmaan keessan fudhatee, loltoota konkolaataadhaa fi fardaan lolaniif konkolaataa isaa dura kan kaatan isaan in godhata. 12Isaan keessaa gara kaan immoo angafa kumaa, angafa shantamaa, maasii isaa kan qotanii fi midhaan kan makaraniif, mi'a lolaa fi mi'a konkolaataa kan tolchaniif isaan in godhata. 13Durboota keessan fudhatee, urgooftuu dibataa, ittoodhaa fi buddeena in tolchisiifata. 14Maasii keessan, dhaabaa waynii keessan dhaabaa ejersaa keessan isa caalu fudhatee hojjetoota isaatiif in kenna. 15Sanyii midhaan keessanii keessaa, waynii keessan keessaas kudhan keessaa tokko fudhatee, hojjetoota isaa warra gurguddootaa fi warra isaaf ergamaniifis in kenna. 16Dargaggoota keessan keessaa warra caalan, hojjetoota keessan warra dhiiraa fi warra dubartii, harroota keessanis fudhatee, hojii ofii isaatii in hojjechiifata. 17Bushaayee keessan keessaa kudhan keessaa tokko in fudhata; isinuma iyyuu hojjetoota isaa isin in godhata. 18Yeroo sanatti sababii mootii keessan isa ofii keessanii fo'attaniitiif in iyyattu; gaafas garuu Waaqayyo homaa isiniif hin deebisu>> jedhe.
19Jarri garuu dubbii Saamu'el dhaga'uu didanii,<<Hin ta'u! Mootiin akka nuuf moosifamu in barbaanna! 20Nuyis akkuma sabni hundinuu ta'an in taana; mootiin keenya firdii nuuf haa kennu, nu dura bu'ee nu haa geggeessu, duulas nuuf haa dhaqu!>> jedhan. 21Saamu'el dubbii jarri dubbatan hundumaa erga dhaga'ee booddee, deebi'ee fuula Waaqayyoo duratti in dubbate. 22Waaqayyo yommus Saamu'eliin,<<Wanta jarri sitti himatan dhaga'iif! Mootiis isaaniif moosisi!>> jedhe; kana irratti Saamu'el namoota Israa'eliin,<<Hundumti keessan gara mandara mandara keessaniitti deebi'aa!>> jedhe.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in