YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 28

28
Saa'ol Eker-Dubbiftuu Gaafachuu Isaa
1Bara sana Filisxeemonni Israa'elin loluudhaaf loltoota isaanii walitti in qabatan; Akiish yommus Daawitiin,<<Atii fi namoonni kee anaa wajjin lola akka dhaqxan hubadhu!>> jedhe.
2Daawit immoo,<<Yommus wanta ani garbichi kee gochuu danda'u ati iyyuu arguuf jirta>> jedheen; Akiish immoo deebisee,<<Baay'ee ba'eessa! Yoos ani immoo eegduu yeroo hundumaa na eegu sin godhadha>> jedhe.
3Baras Saamu'el duunaan Israa'eloonni hundinuu boo'aniifii mandara isaa Raamaa keessatti isa awwaalanii turan; yeroo sanatti Saa'ol Eker-dubbiftuu fi qaallota biyyicha keessaa baasee ture*.#3 25:1
4Filisxeemonni walitti qabamanii dhufanii mandara Shuneem keessa yeroo buufatan, Saa'ol immoo Israa'eloota hundumaa walitti qabatee tulluu Giilbo'aa irra in buufate. 5Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yommuu arge, baay'ee sodaatee garaan isaa in raafame. 6Kanaaf maal gochuun akka isaaf wayyu Waaqayyoon in gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookiis uriimiin yookiis raajiidhaan deebii hin kennineef*. 7Kanaaf Saa'ol hojjetoota isaatiin,<<Dhaqeen ishee irraa qoradhaatii dubartii ekeraa dubbiftu anaaf barbaadaa!>> jedhe; hojjetoonni isaa immoo deebisanii,<<Kunoo, dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Endoor keessa jirti>> jedhan*.#6 14:37; Bau 28:30; Lak 27:21; Abo 1:1 7 Lew 19:31
8Saa'ol uffata kan biraa uffatee, wallaalchifatee namoota lama of duukaa fudhatee halkaniin gara mana dubartii sanaa dhaqee,<<Ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu anaaf kaasi!>> jedheen.
9Dubartittiinis,<<Kunoo, wanta Saa'ol hojjete, warra ekeraa dubbisanii fi qaallota biyyicha keessaa akka balleesse ati iyyuu in beekta; maaliif ana ajjeesisuuf kiyyoo ana dura keessa ree?>> jette.
10Saa'ol immoo,<<Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Sababii isa kanaatiif miidhamni tokko iyyuu si irra hin ga'u>> jedhee, maqaa Waaqayyootiin in kakateef.
11Dubartittiin yommus,<<Eenyuun siif kaasu?>> jetteen; inni immoo,<<Saamu'elin anaaf kaasi!>> jedheen. 12Dubartittiin Saamu'eliin yommuu argite sagalee guddaadhaan iyyitee Saa'oliin,<<Ati Saa'ol mitii maaliif ana gowwoomsite?>> jette.
13Mootichi immoo dubartittiidhaan,<<Hin sodaatin! Amma maal argita?>> jedhe; dubartittiinis Saa'oliin,<<Wanti bifa Waaqayyummaa qabu tokko lafaa utuu ol ba'uu nan arge>> jette.
14Inni immoo,<<Maal fakkaata?>> jedhee ishee in gaafate; isheen immoo deebiftee,<<Nama dulloomaa, qoloo uffatu tokkotu ol ba'aa jira>> jetteen; yommus inni Saamu'el akka ta'e baree, hamma lafa ga'utti gad gugguufee in qoomma'eef.
15Saamu'el yeroo sanatti Saa'oliin,<<Ati maaliif kaaftee ana rakkifta?>> jedhe; Saa'ol immoo,<<Filisxeemonni ana lolaa jiru, Waaqayyo immoo ana irraa gara galeera, raajiidhaan yookiis abjuudhaan anaaf deebisuu waan dideef, ani dhiphina guddaa keessan jira; kanaafan waan gochuun anaaf ta'u akka ana hubachiiftuuf si waammadhe>> jedhe.
16Saamu'el immoo,<<Waaqayyo si irraa gara galee erga siin mormee, maaliif ana gaafatta ree>> 17Waaqayyo duraan dursee karaa koo akkuma dubbatee ture, mootummicha si harkaa butee, fira kee Daawitiif kenneera*. 18Ati dubbii Waaqayyootiif waan hin abboomaminiif, dheekkamsa isaa isa sodaachisaas Amaaleqoota irratti waan ati hin raawwatiniif, Waaqayyo har'a kana sitti in fide*. 19Amma iyyuu Waaqayyo Israa'eloota sii wajjin dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna; bor atii fi ilmaan kee duutanii gara koo in dhuftu; loltoota Israa'elis Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti in kenna>> jedhe*. 20Battaluma sanatti wanti Saamu'el isatti hime guddisee waan isa naasiseef, Saa'ol akkuma jirutti hojjaa isaatiin lafa in dha'e; guyyaa sana guutuu halkan sana guutuus midhaan waan hin nyaatiniif, humna hin qabu ture.#17 15:27-28 18 15:3-9,18-19 19 31:2-6
21Yommus dubartittiin gara Saa'ol dhuftee, baay'ee na'ee raafamuu isaa argitee,<<Kunoo, ani garbittiin kee siif abboomamuudhaan lubbuu kootti muree waan ati jette godheera. 22Atis immoo waan ani garbittiin kee sitti himu akka dhageessuuf sin kadhadha; amma buddeena xinnoo siif nan dhi'eessa; ati immoo ittiin jabaattee akka adeemtutti nyaadhu!>> jetteen.
23Inni garuu,<<Hin nyaadhu!>> jedhee in dide; haa ta'u iyyuu malee, hojjetoonni isaa dubartittiinis cimsanii waan isa giddisiisaniif, isaaniif dhaga'ee, lafaa ka'ee siree irra in taa'e.
24Dubartittiin dibicha manatti gabbifame tokko qabdi turte; isheen ariitiidhaan dibichicha qaltee, daakuu fuutee sukkuumtee, isa irraa maxinoo tolchitee, 25Saa'olii fi hojjetoota isaatiif in dhi'eessite; isaanis nyaatanii halkanuma sana ka'anii in adeeman.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in