YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 29

29
Akiish Deebisee Daawitin Gara Siiqlaagitti Erguu Isaa
1Yeroo sana Filisxeemonni loltoota isaanii hundumaa Afeqitti walitti in qabatan; Israa'eloonni immoo burqaa isa dachaa Yizre'el keessaa bukkee in buufatan*. 2Gurguddoonni Filisxeemotaa warri humnaan mo'an, loltoota isaanii warra dhibba dhibbaan, kuma kumaanis hiramanii wajjin in darbu; Daawitii fi namoonni isaa immoo Akiishii wajjin booddee isaaniitiin in adeemu turan.
3Yommus ajajjuuwwan loltoota Filisxeemotaa,<<Warri Ibrootaa kun immoo asii maal hojjetu?>> jedhanii in gaafatan; Akiish deebiseefii,<<Kun Daawit hojjetaa Saa'ol mootii Israa'el; inni ana bira erga dhufee waggaa irra caaleera, anis erga gaafa inni anatti galee jalqabee hamma har'aatti hamaa tokko illee isa irratti hin argine>> jedhe*.#1 4:1 3 27:2,7
4Ajajjuuwwan loltoota Filisxeemotaa Akiishitti aaranii,<<Namichi kun nuu wajjin dhaqee lola keessatti gara akka nutti hin galletti, deebisii gara lafa isa teessiftee turtetti ergi malee, nuu wajjin akka inni dhaqu hin godhin! Namoota warra kana ajjeesuudhaan yoo ta'e malee, maaliin gooftaa isaatti araaramuu danda'a ree>> 5Daawit inni warri sirbituun,
<<Saa'ol kumaatama ajjeefate,
Daawit garuu kuma kumaatamaa
in ajeefate>> jedhanii, wal harkaa fuudhanii
weeddisaniif isa kana mitii ree?>> jedhan*.#5 18:6-7
6Yommus Akiish Daawitiin waamee,<<Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, dhuguma ati nama qajeelaa dha; guyyaa ati gara koo dhuftee jalqabee hamma har'aatti waan hamaa si irratti hin argine waanan ta'eef, anaa wajjin ba'uun kee fi galuun kee anatti in tola; haa ta'u iyyuu malee, waa'een kee gurguddoota kanatti hin tolle. 7Kanaafis ati deebi'ii nagaadhaan dhaqi! Wanta hamaa gurguddoota Filisxeemotaa warra humnaan mo'anitti hin tolle immoo hin hojjetin!>> jedheen.
8Daawit garuu deebisee,<<Maalan godhe>> Guyyaa ani gara kee dhufee jalqabdee hamma har'aatti ana garbicha kee irratti maal argite>> Maaliifanis dhaqee diinota gooftaa kootii diinota mootichaa loluu hin danda'u?>> jedhee in gaafate.
9Akiish immoo,<<Ati ana duratti gaarii akka ergamaa Waaqayyoo ta'uu kee nan beeka; haa ta'u iyyuu malee, ajajjuuwwan loltoota Filisxeemotaa,<<Inni nuu wajjin gara lolaa dhaquun hin ta'u!>> jedhaniiru*. 10Egaa ganama bariidhaan ka'iitii, hojjetoota gooftaa keetii warra sii wajjin dhufan sanaa wajjin, akka lafti isiniif ifeen ka'aatii adeemaa!>> jedhe.#9 2Sam 14:17,20; 19:27-28
11Kana irratti Daawitii fi namoonni isaa deebi'anii gara biyya Filisxeemotaa dhaquudhaaf ganama bariidhaan in ka'an; Filisxeemonni immoo gara Yizre'elitti ol in ba'an.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in