Macaafa Saamu'el Isa Duraa 27
27
Daawit Gara Biyya Filisxeemotaatti Baqachuu Isaa
1Kana booddee Daawit garaa isaatti,<<Gaaf tokkittii Saa'ol harkatti du'uun koo waan hin oolleef, dafee gara biyya Filisxeemotaatti baqachuun anaaf in wayya; yoo akkas ta'e, Saa'ol abdii kutatee guutummaa biyya Israa'el keessa ana barbaaduu in dhiisa; anis isa jalaa nan ba'a>> jedhee in yaade*. 2Achumaan Daawitii fi namoonni dhibbi ja'an isaa wajjin turan ka'anii, gara Akiish ilma Maa'ok mootii Gaatitti in ce'an*. 3Daawitii fi namoonni isaa tokkon tokkon isaanii maatii isaanii wajjin Gaat keessa Akiish bira in jiraatan; Daawit haadha manaa isaa lamaan, Ahiino'aam ishee Yizre'elii fuudhee fi Abigaayil Qarmelosittii ishee Naabaal irraa du'e fudhatee in dhaqe*. 4Daawit gara Gaatitti akka baqate Saa'olitti yeroo himame, inni deebi'ee isa hin barbaanne.#1 23:23 2 21:10-11 3 25:42-43
5Daawit gaaf tokko Akiishiin,<<Ani garbichi kee maaliifan sii wajjin mandara mootummaa keessa jiraadha>> Si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, mandaroota biyya kanaa keessaa iddoon ani jiraadhu tokko anaaf haa kennamu!>> jedhe. 6Gaafasuma Akiish mandara Siiqlaag in kenneef; mandarichis gaafasii jalqabee kan mootota Yihudaa in ta'e. 7Daawit biyya Filisxeemotaa keessa waggaa tokkoo fi ji'a afur in jiraate.
8Daawitii fi namoonni isaa ol ba'anii saba warra dur Shuurii hamma Gibxitti biyyicha keessa jiraachaa turan, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulanii in rukutan*. 9Daawit biyyicha yommuu rukute, dhiira yookiis dubartii tokko illee jiraatti hin hambifne, garuu hoolota, sangoota, harroota, gaalotaa fi uffata fudhatee deebi'ee gara Akiish in dhufe. 10Akiish,<<Har'a immoo eessatti duultee rukutte?>> jedhee Daawitin gaafannaan, inni immoo,<<Daarii Yihudaa gara mirgaatti, daarii Yiraahimii'el gara mirgaa fi daarii Qenootaa gara mirgaatti duuleen rukute>> jedheen. 11Namoonni gara Gaat dhufanii, << <Daawit akkas hojjete>> jedhanii nu irratti odeessu>> jedhee waan yaadeef, dhiira yookiis dubartii tokko illee jiraatti hin hambifne; inni biyya Filisxeem keessa hamma jiraatetti akkasuma gochaa ture. 12Akiish,<<Israa'eloota saba isaa gidduutti xiraa'aa erga of godhee, Daawit bara baraan hojjetaa koo in ta'a>> jedhee waan yaadeef, inni Daawitin in amanate.#8 Bau 17:14
Currently Selected:
Macaafa Saamu'el Isa Duraa 27: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.